Barumsi Afaan Oromoo Finfinneetti kennamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee: Finfinneetti barumsi Afaan Oromoo dubbisuufi barreessisuu nama dandeessisu kennamaa jiraachuu Boordiin Guddina Afaaniifi Aadaa Oromoo beeksise.

Walittiqabaan boordichaa, Obbo Kumsaa Qaabataa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka eeranitti, barumsichi hanga ammaatti manneen barnootaa lama kutaalee magaalaa adda addaatti argaman torbatti kennamaa jira. Kutaalee magaalattii kurnanuu keessatti barumsicha eegaluufis qophiin xumurameera.

Fedhiin namoota afaanicha barachuu barbaadanii bal’aa ta’uu kan eeran Obbo Kumsaan, fedhii kana guutuurratti hanqinni barsiisotaa kan isaan mudate ta’uu beeksisaniiru. Manneen barnootaa mootummaa hundatti sagantaa idileen ala Afaan Oromoo barsiisuuf qophii bal’aan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Naannawa Booleetti namoonni kuma tokko caalaan hanga ammaatti galmaa’uusaaniis Obbo Kumsaan dubbatanii, Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo manneen 13tti barumsicha eegaluuf sochii walfakkaataan jiraachuu ibsaniiru. Adeemsa kanaan manneen barnootaa Afaan Oromoo magaalattiitti argaman tajaajila kanaaf oolaa jiraachuus nutti himaniiru.

Namoonni afaanicha barachuu barbaadan manneen barnootaa dhiyeenyasaaniitti argamanitti sa’aatii hojiitiin ala galmaa’uu akka dandanis dubbataniiru. Barumsichi hanga xumura ji’oota gannaatti kan ittifufu ta’uus addeessaniiru. Namoota barumsicha xumuraniif waraqaan ragaa boordichaan kan kennamu ta’uus himaniiru.

Namoota fedhii dhuunfaasaaniitiin afaanicha barsiisuuf tattaaffii taasisaa jiran keessaa Obbo Tasfaayee Lammeechaa akka jedhanitti, fedhiin ummanni Afaan Oromoo barachuuf qabu olaanaa ta’us manneen barnootaa tokko tokko eeyyamamoo miti.

Boordichi namoonni afaanicha barachuu barbaadan qarshii 30 akka kanfalan yoo murteesellee isaan garuu toluma galmeessaa jiraachuu ibsaniiru. Barumsa mana barumsaa Laaftoo eegaluuf hanga kaleessaatti namoonni 40 galmaa’uusaanii eeraniiru. Barumsichis har’a eegalama jedhaniru. Boronqiifi meeshaalee barnootaa biroo barsiisonni maallaqumasaaniitiin guuttachaa waan jiraniif qaamni dhimmi ilaallatu deggarsa akka godhuuf gaafataniiru. Kitaaba irraa barsiisan koreerraa fudhachaa jiraachuus ibsaniiru.

Boordichi kanaan dura Finfinneetti namoota kuma 75 caalan barsiisee waraqaa ragaatiin eebbisiisuusaa eeranii, milkaa’ina gama afaaniitiin galmeessise aadaadhaanis irra deebi’uuf xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu walittiqabaan boordichaa dubbataniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

One Comment to “Barumsi Afaan Oromoo Finfinneetti kennamaa jiraachuun ibsame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *