Balaa Naannoo Amaaraatti uumame kan qindeesse Asaamminawu Tsigeeti jedhame

“Balleessa Naannoo Amaaraatti qaqqabe addurummaan kan qindeesse Birgaadeer Jeneraal Asaamminawu Tsiggeefi waaltotasaa ta’uun ragaalee qabatamoodhaan mirkanaa’eer jechuun humni wajjummaa nageenyaafi haqaa ibse.

Humni wajjummaa kun (ittisa biyyaa, abbaa alangaa waliigalaa, tajaajila nageenya odeffannoofi ragaa biyyaalessaa akkasumas poolisii federaalaa) ibsa Kamisa galgala baaseen akka beeksisetti, humnoonni jijjiiramaa yeroo hundaafi ilmaan ummataa jaalatamoon akkasumas eegsistoonni nagaa humnoota badiitiin lubbuusaanii dhabaniiru. Miidhaan qaamaas qaqqabeera.

Qindeessaa adda dureen ergama badii kanaa Birgaadeer Jeneraal Asaamminawu Tsiggeefi kitikayyootasaa ta’uunis ragaalee qabatamoodhaan mirkanaa’uusaa humni wajjummaa kun beeksiseera.

Birgaadeer Jeneraal Asaamminawu miseensa koree jiddugaleessaa ADP akkasumas Hogganaa Biiroo Nageenyaafi Tikaa ta’ee hojjetaa turuu kan yaadachiise ibsichi, kanaafis ittigaafatamummaa mootummaafi ummanni itti kennan cinaatti dhiisee dheebuu aangoof qabu milkeeffachuuf humnoota tasgabbiifi hoggantoota muraasa of jalatti gurmeessee gocha abaaramaa kana raawwachuusaa erera.

Birgaadeer Jeneraal Asaamminawu wayita miseensa raayyaa ittisaa turetti haaluma walfakkaatuun mootummaa federaalaarratti fonqolcha mootummaa raawwachuuf adeemsarra otoo jiruu kitilayyootasaa wajjin to’annoo seeraa jala oolee hidhaa cimaan umrii guutuu itti murtaa’ee mootummaa jijjiiramaatiin dhiifamni taasifameefii gadilakkifamuusaa  ibsichi yaadachiiseera.

Namichi kun Waxabajjii 15 bara 2011 eddi Magaalaa Baahir Daaritti haleellicha raawwatee booda karoorrisaa akka hinmilkoofne hubatee otoo miliquuf yaaluu tarkaanfii humnoota nageenyaatiin irratti fudhatameen lubbuunsaa darbuu ibsichi beeksiseera.

Gocha badii namichi kun qindeesseen Pirezidaantii dabalatee hoggantoonni olaanoon Naannoo Amaaraa lubbuusaanii kan dhaban yoo ta’u, miseensonni nageenyaafi lammiileen miidhaa qaamaatiif saaxilamaniiru.

Naannoo Amaaraatii shakkamtoonni 212, Finfinneerraa 43  kanneen dhimmicha walitti dhufeenya qabu jedhaman hidhannoo guutuufi sanadoota adda addaa wajjin to’annoo seeraa jala ooluunsaanii ibsameera.

Guyyuma kana Finfinneetti loltuun Shuumii Itaamaajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Jeneraal Sa’aara Mokonniniifi hiriyaasaanii Birgaadeer Jeneraal Gazaa’ii Abarraa mana Jeneraal Sa’aaraatti ajjeese, Kurnaalaa Xigaabuu Makonnin humnoota nageenyaatiin madaa’ee qabamuunsaa ibsichaan eerameera jechuun Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

One Comment to “Balaa Naannoo Amaaraatti uumame kan qindeesse Asaamminawu Tsigeeti jedhame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *