Waldaa Maccaafi Tuulamaa: Kudhaama Oromummaa

  • Waldichi Yeroo afraffaaf Adoolessa 14/2011 hojii eegala

Finfinnee: Sirna mootummaa Hayilasillaasee keessa yeroo Oromoofi Oromummaan cubbuu ta’ee dararamni cimaan ummaticharra qaqqabaa turetti hundaa’e, Waldaan Walgargaarsaa Maccaafi Tuulamaa.

Waldichi bara 1955 aadaa, seenaafi eenyummaa Oromoo dagaagsuuf namoota quuqma Oromummaa qabaniifi “Oromoon yoo barate rakkoosaa keessaa ba’aa” jedhanii amanan kanneen akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Maammoo Mazammir, Hayilamaariyaam Gammadaa, Alamuu Qixxeessaa, Saahiluu Birrii, Roobalee Tureefi kanneen birootiin hundaa’e.

Haa ta’uutii mootummoonni darban ijaaramuu Oromoorratti sodaa waan qabaniif sababa barbaadanii cufaa turan. Quuqamtoonni sabichaa garuu osoo abdii hinkutatiin yeroo sadii jalaa cufamee, qabeenyisaa saamamee, miseensotarra reebichiifi dararaa cimaan qaqqabullee waldaa ummata Oromoo biratti seenaa qabu kana dhalootaaf dabarsuuf ifaajjaniiru. Ifaajjiisaaniis ija godhatee Adoolessa 14 bara 2011 Wiirtuu Egzibishiinii Finfinneetti yeroo afraffaaf hojii eegalsiisuuf qophiin xumuramaa akka jiruudha kan ibsame.

Pirezdaantiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa, Obbo Dirribii Damisee dhimma kana ilaalchisuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, waldichi bara 1955 hundeeffamee bara 1956 qaama seerummaa argatee hojii eegale. Onkoloolessa 15 bara 1959 garuu sababa, “Maammoo Mazammir namoota fiilmii ilaalaa turanirratti boombii darbate” jedhuun dhorkame. Qabeenyi waldichaas dhaalamee sochii dhaabe. Hundeessitoota waldichaattis hidhaan umrii guutuu murtaa’e.

Dargiinis ijaaramuu Oromoo waan hinbarbaanneef waldicha deebisuu baatus hundeessitoota hidhamanii turan keessaa hanga tokko hiikuusaa kan eeran pirezidaantichi, Jeneneraal Taaddasaa Birruu, Dajjaazmaach Kabbadaa Bizunash, Hayiluu Raggaasaa, Zaawudee Bojaafaammoo ajjeesuusaa ibsan.

Waldichi haala kanaan hamma bara 1985 (yeroo mootummaa ce’umsaa)tti osoo sochii hineegaliin  turuusaa eeranii, baruma sana yeroo lammaffaaf banamee hojii jalqabuusaa addeessu. Yommusis aadaan Oromoo hidhamee ture hidhaa keessaa akka ba’u, sirni Gadaa, Waaqeffannaafi Irreechi akka jabaatuuf tattaaffii cimaa taasisuusaa ibsu.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti, bara 1992 yemmuu teessoon Mootummaan Naannoo Oromiyaa Adaamaa akka ta’uuf tattaafatametti, Waldaan Maccaafi Tuulamaa mormullee bara 1996 waajjiroonni Finfinneedhaa Adaamaatti godaanuu eegalan.

“Finfinneen uumamaan kan Oromooti, qe’ee Qajeelaa Dooyyoo, qe’ee Guraaraa Lataa, qe’ee Abeebee Tufaa eenyuuf dhiisnee deemna” jechuun hiriirri mormii ba’amus namoonni 120 reebamanii, madaa’aniiru. Kaan immoo ni hidhaman. Barattoonni kana morman 500s ni reebaman, ni hidhaman. Waldichis deebi’ee akka cufamu taasifame.

Dhuma bara 1999 yeroo sadaffaaf banamee hojiisaa ittifufus bara 2004 waanuma aadaafi eenyummaa Oromoo calaqqisiisuuf irratti cuufamuu pirezidaantichi eeranii, ammas ifaajjii miseensonni duraanii taasisaniin eeyyama argatee yeroo afraffaadhaaf Hagayya 14 bara 2011 bakka jaalattoonniifi deggartoonni waldichaa jiranitti ifaan hojiisaa kan eegalu ta’uu beeksisaniiru.

Miseensa waldichaa keessaa Obbo Tolasaa Kishee gamasaaniin, Waldaan Maccaafi Tuulamaafi Oromoo addaan baasuun rakkisaa ta’uu dubbatu. Yeroo kanatti sochiitti deebi’uun waldichaa murteessaafi ummata Oromootiif injifannoo olaanaadha jedhaniiru.

Waldaan kun waldaa durumaa kaasee Oromoo walbarsiise, akka walgargaaru taasise, aadaafi duudhaa barsiise, mirgasaa eegsiseefi misoomarratti hirmaachise waan ta’eef ummaticha biratti iddoo guddaa kan qabu ta’uufi kudhaama Oromooti jechuun addeessu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

5 Comments to “Waldaa Maccaafi Tuulamaa: Kudhaama Oromummaa”

  1. Pingback: sex children
  2. Pingback: arduino

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *