Waancaa Kubbaa Miilaa 32ffaa Misiriitti

Finfinnee: Guddina ispoortii kubbaa miilaa Afrikaaf bu’uura cimaa kan kaa’e walmorkiin waancaa kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa ALA bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan, Kaartumitti jalqabame. Walmorkiichis kan adeemsifame biyyoota yeroo sana miseensoota Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa turan Misir, Itoophiyaafi Sudaan jiddutti ture.

Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa waggoota 62 lakkobsise kun yeroodhaa gara yerootti miseensoonni isaa dabaluudhaan ammaan tana biyyoonni Afrikaa 56 miseensa ta’uun hirmaachaa jiru.

Walmorkiin kun kanaan dura yeroo 31f  kan adeemsifame yoo ta’u, yeroo 32ffaaf kaleessa magaalaa guddoo  Misir, Istaadiyoomii Biyyooleessaa Kaayirootti sirna ho’aadhaan eegalameera.

Walmorkiin kun biyyoonni Afrikaa 24 ramaddii jahatti qoodamuun isaadiyoomoota biyyattii jahatti guyyoota 28f adeemsifama.

Haaluma kanaan ramaddii tokkoffaa keessatti qopheesituun waancaa Misir, Riippaabilikii Koongoo, Ugaandaafi, Zimbaabuwee, Ramaddii lammaffaa keessatti Naayijeeriyaa, Giinii, Maadagaaskaariifi Burundiin ni argamu. Ramaddii sadaffaa keessattimmoo Seeneegaal, Aljeeriyaa, Keeniyaafi Taanzaaniyaa, ramaddii arfaffaa keessatti Morookoo, Ayivoorikosti, Afrikaa Kibbaafi Naamiibiyaa, ramaddii shanaffaa keessatti Tuniziyaa, Maalii, Mooritaaniyaafi Angoolaa, akkasumas rammadii jahaffaa keessatti Kaameeruun, Gaanaa, Beeniiniifi Giinii Bisaawofaatu  argama.

Qaphxiin isaanii maxxansaaf nuu qaqqabuu baatus, walmorkiin kun kaleessa tapha qopheessituu waancaa Misiriifi Zimbaabuwee jidduutti adeemsifameen eegalameera. Har’a ammoo tapha Rippaabiliikii Koongoofi Ugaandaa gidduutti adeemsifamuun itti fufa. Dorgammiiwwan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kanaan dura adeemsifaman biyyoonni Afrikaa 14 qofti fudhachuun carraa argataniiru.

Misir yeroo torba fudhachuun Afrikaarraa biyya duraati. Kaameeruun yeroo shan yoo fudhattu Gaanaan ammoo al afur fudhachuun isaanii beekameera. Sudaan, Tuniziiyaa, Afrikaa Kibbaa, Aljeeriyaa, Morookoo, Zaayeriifi Zaambiyaan ammoo si’a tokko tokko fudhataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

One Comment to “Waancaa Kubbaa Miilaa 32ffaa Misiriitti”

  1. Pingback: Funnel Authority

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *