Adaamaa: Inistiitiyuutiin Leecalloowwan Misooma Industirii Keemikaalaafi Konistiraakshinii Roobiifi Kamisa darbe mata duree “Xiyyeeffannoo addaa, omishtoota industirii biyya keessaatiif’ jedhuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Magaalaa Adaamaatti mari’ateera. Waltajjicharratti waraqaaleen qo’annoo adda addaa dhiyaatanii irratti marii adeemsifameera.
Humni ibsaa addaan ciccituun, hanqinni sharafa alaa, dhiyeessa leecalloowwanii, humna namaa rakkoolee ijoo industiriiwwan mudatanii jiran ta’uu eeru omishtoonni industirii adda addaa.
Daarikterri inistiitiyuutichaa Obbo Saamu’eel Halaalaa akka jedhanitti, humni ibsaa addaan ciccituun, hanqinni sharafa alaafi dhiyeessa leecalloowwanii omisha industirii irratti rakkoo guddaa uumeera. Sababa rakkoo addaan ciccitiinsa humna ibsaafi hanqina sharafa alaatiin industiriiwwan humna guutuudhaan omishaa hinjiran. Humni omisha industiriiwwanii yeroo ammaa %50 ta’uu himanii, kun bu’a qabeessummaafi omishtummaa industrii irratti miidhaa guddaa uumaa jira. Sababa hanqina sharafa alaatiin abbootiin qabeenyaa warshaalee haaraa ijaaraa jiranis dafanii gara hojiitti seenaa hinjiran. Kunis omishaalee alergii nuti karoorfanne akka hinmiklkoofne taasisaa jiraachuu himu.
Rakkoo humna ibsaa karaa itti fufiinsa qabuun furuudhaaf ijaarsa pirojektii hidha guddichaa xumuruu irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba kan jedhan Obbo Saamu’eel, maddoota humna ibsaa biro kanneen akka soolaarii, qilleensa, jii’ootermaalii irratti hojiileen hojjetaamaa jiranis cimanii itti fufuu qabu. Hanqina sharafa alaa furuudhaaf qulqullinaafi hanga omishaalee al ergii irratti xiyyeeffannaan hojjetamuu kan qabu ta’uu himu.
Ministir De’etaan Daldalaafi Industirii Obbo Yohaannis Dinqaayyoo akka jedhanitti, abbootiin qabeenyaa motoora misooma industirii waan ta’aniif mootummaan omishtoota industirii biyya keessaatiif xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa jira. Guddina dinagdee Itoophiyaa qonaan durfamu gara industiriitti ceesisuuf kallattiin taa’ee jiru hordofuunis barbaachisaadha. Qulqullina omishaalee industirii mirkaneessuudhaan gabaa biyya keessaafi alaa irratti dorgomaa taasisuunis hojii xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu himaniiru.
Mootummaan bu’uuraalee misoomaa diriirsuudhaan, humna nama baratee dhiyeessuufi paarkiiwwan industirii ijaaruudhaan damee industirii kana guddisuudhaaf hojjechaa jiraachuu himanii, omishaafi omishtummaa industiriiwwanii guddisuufis hojjetaa kan jira. Industiriiwwan akka bababal’atan taasisuun dinagdee biyyattii guddisuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee olaanaa waan qabuufxiyyeeffannaan irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu himu.
Ummata Itoophiyaa keessaa harki 85 qonnaan bulaa ta’ee utuu jiruu ummata %15 nyaachisuu dadhabaa jira kan jedhan Obbo Yohaanis, kunomishaafi omishtummaan qonna biyyattii guddisuun kan barbaachisu ta’uu hubachiisa. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf humna qonnaan bultoota cimsuufi barattoota yuunivarsitiiwwan adda addaa irraa eebbifamanii bahan gurmaa’anii omisha qonnaa irratti akka hirmaatan taasisuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Industiriiwwan kunneen naannoo akka hinfaalleef mootummaan naannoofi federaalaa waliin hojjechaa jiru.
Natsaannat Taadasaatiin
Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011
4 Comments to “Industiriiwwan biyyattii humna guutuun omishaa hinjiran”