Harcaatii barnoota gaheessotaarratti mul’atu maqsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Harcaatii barnoota gaheessotaarratti mul’achaa jiru maqsuuf haala mijeessitoonni haala mijataa uumuu akka qaban Biiroo Barnoota Oromiyaa ibse.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Maammoo Boggaalee tibbana Gaazexaa Bariisaaf ibsa addatti laataniin ga’eesotni carraa barachuu akka argataniifi harcaatiin akka hin uumamneef haala mijeessitoonni haala mijataa uumuu akka qaban ibsaniiru.

Uwwisa barnootaa waliin gahuuf sosochii mootummaan taasisaa jiruun ga’eessonni fayyadamaa ta’aa jiru kan jedhan Obbo Maammoon, harcaatiin ga’eessotaa mul’achaa jiru xiyyeeffannoo argachuu mala jedhaniiru.

Keessumattuu dhimma barnoota gaheessotaarratti abbummaan hojjechaa kan jiran haala mijeessitootadha jedhanii,  akeeka gama kanaan qabame milkeessuuf hirmaannaan hawaasa mana barumsaa cimuu akka qabullee eeraniiru.

Ga’eessonni hedduu hojii qonnaa cinatti barnoota kana barachaa jiru kan jedhan Obbo Maammoon, yeroo haalli mijataa uumamuufii dhabu bakka isaan jiranitti itti deemanii haala mijeessuun barbaachisaadha jedhan. Sosochii kanaan dura taasifameen ga’eessonni carraa barnootaa hin argatiin turan barreessuuf dubbisuu eegaluunsaanii  jijjiiramaa guddaa ta’uu dubbataniiru. Haala mijeessitoonni ergama isaanitti laatame kana haalaan bahachuun lammii barate horachuuf sosochii taasifamu milkeessuuf kutannoon socho’uun isaanirraa kan eegamu ta’uus himaniiru.

Hogganaa ittaanaan BBO Obbo Alamaayyoo Asaffaa gamasaaniin akka ibsanitti, dhimmi gaheessota barsiisuu ergama haguuggii barnootaa babal’isuutiin doofummaa balleessuuf qabame keessaa isa tokkodha. Fayyadamummaa gaheessonni gama barnootaan argachuu qaban milkeessuuf mootummaan karoorfatee hojii boonsaa hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Sosochii gama kanaan taasifameen haala mijeessitoonni gaheessota kana barsiisaan gahumsa akka horataniif ijaarsi dandeettii kennamaa kan ture yoo ta’u, sadarkaa barnootaan akka fooyyeffataniifis leenjiin kennamaa turuusaa dubbataniiru.

Haala mijeessitoonni hedduus sertefikeetiirraa gara dippiloomaatti guddachuurra darbanii barsiisaa idileetti makamuun faayidaa barsiisaan kamiyyuu argatu akka argatan taasifamuusaas ibsaniiru. Kana si’eessuufis Kolleejjii Barsiisotaa Oromiyaa keessaa jiran hedduu keessatti leenjiin gannaa kennamaafii akka jiru yoo himanii, bara kanas kanneen carricha hin arganneef  itti fufiinsaan leenjiin ni kennamaa jedhaniiru.

Kunis  xiyyeeffannoo mootummaan damee Barnoota Gaheessotaa Qindaahaa Gocharratti Xiyyeeffate (BGQGX) kanaaf qabu olaanaa ta’uusaa mul’isaa jedhan. Sosochii mootummaan taasisaa jiru kana cimsuufi fayyadamummaa gaheessotni gama barnootaan argachuu malan qabatamaan mirkaneessuuf haala mijataa uumuun barbaachisaa akka ta’es dubbataniiru.

Waliin gahiinsi barnoota gaheessotaa kun lakkoofsaan qofa akka guddatu miti kan jedhan Obbo Alamaayyoon, qulqullinaan akkasumas gabaasa dhugaan deggaramuu akka qabaatullee yaadachiisaniiru..

Kanaafis harcaatii gaheessotni kun barnootarratti agarsiisaa jiran maqsuuf leenjii haala mijeessitoonni fudhatan hojiitti hiikamee argamuu akka qabu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

3 Comments to “Harcaatii barnoota gaheessotaarratti mul’atu maqsuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: iTune gift card

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *