Gaazexaa Bariisaan keessan harka harkaan

Bariisaa jechuun ifa ykn barii lafaa jechuudha. Moggaasni kun hacuuccaafi dukkana Oromoofi waansaarra bara sana ture qeequuf bor ni bari’a yookiin dukkanatti hinhafnu ergaa jedhu of keessaa qaba.

Bariisaan bara 1967 yeroo afaan Oromoo barreessuu miti dubbachuunuu yakka turetti namoota dhuunfa quuqama eenyummaa qabaniin dhoksaatti eegalame. Fulbaana 2 bara 1968 ifatti maxxanfamuu eegaluun yeroo gabaabaa keessatti guutummaa Oromiyaa sadarkaa jedhamuun beekamtii gonfateera Kamaal Aliyyi (2014). Gaazexichi kan barreeffamaa tures qubee Saabaatiin. Kanuma ta’eeyyuu fedhiin gaazexaa kanaaf jiru olaanaa ta’us dhiyeessiin jiru hanga barbaadamuun gadi ture.

Guddina gaazexichaafi fedhii olaanaa turetti kan rifate mootummaan yeroo sanaa namoota dhuunfaa kanneen harkaa butuun Guraandhala 1 bara 1969tti Ministeera Beeksisaa Biyyatti jala galche. Namoota kanneenis yeroo muraasaaf hidhee akka tures ragaaleen ni ibsu.

Gaazexaan Bariisaa ammaan ga’eessa waggaa 43 ta’us guddinaan garuu umurii daa’imummaa irra jira. Jalqabatti raabsi gaazexaa kanaa giddugalaan koppii kuma 30 yommuu ta’u, har’as habbaa (koppii) 9,200 qofatu maxxanfama.

Guddina afaan tokkoo keessatti gumaachi miidiyaalee keessumaa kan maxxansaa daran olaanaadha. Miidiyaan maxxansaa afaan waaltessuufi dagaagsuufis shoora murteessaa qabaata.

Kanaan walqabatees guddina Afaan Oromoo mirkaneessuuf tattaaffiileen adda addaa yeroowwan gara garaatti taasifamaa turaniiru. Nutis dhimma kanarratti waan kitaaba Seenaafi Qabsoo Oromootaa bara 2004, Muhammad Sa’id Abdulrahmaaniin barreeffame akkaana jedha.

Tattaaffii Afaan Oromoo guddisuuf taasifame keessaa tokko gaazexaa Afaan Oromootiin maxxanfamu “Bariisaa” maxxansiisuu yoo ta’u, Gaazexaa Bariisaa maxxansiisuun kan jalqabame haala rakkisaafi dhiphaa keessatti sabboontota Oromoo kanneen akka Obbo Mahdii Muudee (Abbaa Bariisaa), Obbo Lammeessaa Boruu, Aadde Kuwee Kumsaa, Obbo Ibrahim Hajii Aliifi Obbo Immiruu Angoseefaan ni eeramu. Namoonni kunniin Fulbaana 2 bara 1968 Gaazexaa Bariisaa Finfinneetti maxxansiisuu eegalan.

Bariisaan guyyaa guyyaan baramaa, guddataa, ummata Oromoo biratti jaalatamaa dhufe. Bariisaan yeroo jalqabaa sanatti habbaa (koppii) kuma 20 ol maxxanfamee raabsamaa kan ture yoo ta’u, Guraandhala 1 bara 1969 eddii mootummaa Dargiitiin dhaalamee booda koppiin maxxansa bariisaa kuma shan qofatti gadi bu’ee akka maxxanfamu taasifame.

Raabsa Bariisaarratti daba guddaa raawwachuun magaalotaafi godinoota Afaan Oromoo dubbatamu kanneen akka Asallaa, Naqamtee, Harar, Jimmaafi Gobbaafa’itti habbaa shan shan ergaa, iddoo Afaan Oromoo itti hindubbatamnetti habbaa 50tu ergamaa ture.

Sababiin Gaazexaan Bariisaa mootummaadhaan dhaalameef waantota lamaafi. Kan duraa fandiin gaazexichi ittiin maxxanfamu sabboontota Oromoorraa koree qindeessituu ta’anii kan sassaaban namoota Dhaabbata Gaazexaa Bariisaa keessa hojjetan waan ta’eefi. 

Kan lammataa ammoo namoonni dhaabbaticha keessa hojjetan agarsiisa aadaafi muuziqaa godinaalee Oromoo jaha irraa walitti fidanii sirboota Oromoo agarsiisuun ummata Oromoo kan dadammaqsan waan ta’eef haaloo bahuuf akka ta’e himama.

Bariisaan hojii ilmaan Oromoo tokkummaafi bilisummaa akkasumas afaan, aadaafi seenaasaanii dhokate mul’isuuf tattaaffii taasisan irratti waltajjii ta’uudhaan Oromoonni yaadasaanii hamma danda’amutti akka waljijjiiran gargaareera.

Gaazexeessitoonni Bariisaa koree tokko dhaabanii hojii obbolummaafi tokkummaa ilmaan Oromoo mirkaneessan hojjetaniiru. Hojiin seenqabeessi “Agarsiisa sirbaafi aadaa Oromoo” kan bara 1977 Magaalaa Finfinneetti mul’ate tokkummaa Oromoo jabeessuu waan wixineef birokraatonni sirna Dargii keessa turan haalaan rifatanii gaazexichi akka dhaalamu murteessan.

Dhalachuu Bariisaatiin ilmaan Oromoo hiree walaloo ifatti barreessuufi maxxansuu yeroo duraatiif argatan. Walaloowwan Bariisaarratti maxxanfamanii bahan waa’ee cunqursaa siyaasaafi dinagdee Oromoorra gahu, waa’ee walcaalchisa sabootaafi sablammoota mootummaa biyya bulchaa tureen raawwatamu, waa’ee dhiibbaa afaan, aadaafi seenaa Oromoorra gahu kan ibsan turan.

Akkasumas waa’ee walqixxummaa, waa’ee afaan ofiitiin barachuufi hojjechuu, waldhaansootti cimuufi bilisummaa Oromiyaatiif loluufi kkf of keessaa qaba.

Kanaafuu Gaazexaa Bariisaa qabsoo siyaasaafi guddina aadaafi  Afaan Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu kana har’arra dhaabannee fuulduratti tarkaanfachiisuuf miira jijjiiramaatiin tattaaffii cimaa keessa waan seenameef kanneen jijjiirama Oromoofi Oromiyaa darbees kan biyya barbaadan hundi fuula gaazexichi banerratti bilisaan hirmaachuu qabuun dhaamsa kooti.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

2 Comments to “Gaazexaa Bariisaan keessan harka harkaan”

  1. Pingback: barber prahran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *