Olompikii Siidiinii ALA bara 2000 yeroo 27ffaaf adeemsifame irraa kaasee leenjisummaadhaan olompikoota shanirratti hirmaateera.Olompikoota Landaniifi Riyootti leenjisaa garee Atileetiksii Itoophiyaa ta’uunis durseera. Olompikootaa alatti garee biyyaaleessaa dursuun meedaaliyaawwan 365 ol akka argaman taasiseera; leenjisaa angaftichi Soppar Intandanti Huseen Shaboo.
Ispoortiitti kan makame atileetiiksiitiin bakkuma dhalootasaa godina Arsii, Aanaa Limmuufi Bilbiloo, Ganda qonnaan bulaa Qarsaa jedhamutti.Yeroo jalqabaaf sadarkaa biyyaaleessaatti kan hirmaate Arsii bakka bu’uun fiigicha meetira 800fi kuma tokkoofi 500n ture.
ALI bara 1978 irraa kaasee kilaba Manneen Sirreessaa Federaalaatti makame. Shaakala Ispoortii atileetiksii maddiittis leenjii loltummaa ji’oota jahaaf fudhateera. Bara 1979 taphawwan Raayyaa Poliisii Guutuu Itoophiyaa irratti hirmaachuun meedaaliyaa badhaafameera. Dandeettii achirratti mul’iseenis garee atileetiksii biyyaaleessaaf filameera. Ammaan tana leenjisaa garee biyyaaleessaa Itoophiyaafi kilaba manneen Sirreessaa Federaalaati.
Gaazexaan Bariisaas leenjisaa hangafa kana waliin turtii taasiseera, dubbisa gaarii.
Bariisaa: Gara leenjisummaatti akkamiin dhuftan ?
Leenjisaa Huseen: Leenjisaa kanan ta’e halaa hinbaraminiin waggaa 25ffaa kiyyatti. Seenaa leenjistoota Itoophiyaa keessaattis umrii dargaggummaatti leenjisaa ta’udhaan ani kan jalqabaati.
Turtii leenjisummaa kiyyaa waggoottan 27 keessatti Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommiiwwan Olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa, taphawwan Afrikaa Guutuu, dabalate biyyoota 70 olitti hirmaadheera.
Gargaaraa leenjisaa ta’uun kanan itti makame ispoortii atileetiksii Itoophiyaa kanatti atileetoota beekamoo baay’ee waliin hojjedheera.
Bariisaa: Muxannoo leenjisuummaa waggoota dheeraa keessatti eenyuufaa leenjistan?
Leenjisaa Huseen: Atileetoota oggantoota, leenjistootaafi kanneen hojiiwwan invastimantii addaddaarratti hirmaachaa jiran leenjisuuf carraa argadheera.
Atileetoota hangafoota kanneen keessaa Pirezdaantii Federeeshiinii Atileetiksii Itoophiyaa Koloneel Daraartuu Tulluu, Pirezdaantii Waldaa Atileetota Itoophiyaa Komaandar Maarqoos Gannatii, Ittigaafatamaa Kutaa Tekinkaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Kabajamoo Obbo Duubee Jiloo, Kumaalaa Haayilee Gabra Sillaasee, Faaxumaa Roobaa, Geexee Waamii, Biraanee Adaree, Tikkii Galaanaa, Silashii Sihinii, Ijigaayyoo Dibaabaafi kkf leenjiseera.
Akkasumas, atileetota addunyaa dinqisiisuun riikardii haaraa galmeessan dabalatee injifannoo boonsaa goonfatan kanneen akka gootoota olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaa addunyaa Qananisaa Baqqalaa, Xirunash Dibaabaa, Masarat Daffaar, Galatee Burqaa, Almaaz Ayyaanaa, Massalach Malkaamuu, Ibraahiim Jeyilaan, Imaanaa Margaa,Ganzabee Dibaabaafaas leenjiseera.
Kanneen ammaa keessaa ammoo Muktaar Idiriis, Salamoon Baaragaa, Yoomif Qajeelchaa, Anduwaamlaak Ballihu, Dharraa Diidhaa, Sambaree Tafariifi baay’eesaanii leenjisaan jira.
Bariisaa: Turtii leenjisummaa keessaniin maal taajjabdan? Atileetota duriifi ammaa jiddu garaagarummaan jiraa laata?
Leenjisaa Huseen: Garaagarummaa baay’eetu jira. Dur akka aadaatti qabamee hojjetaamaa kan ture atileetonni garee biyyaaleessaa giddugaleessatti walitti qabuudhaan leenjifaamu. Ammaan tana garuu haala bittinaa’aa ta’een kilabaan, dhuunfaafi maanaajarootaan leenjiin kennama. Atileetonni baay’inaan waan jiraniif tokkoo ta’uun osoo hojjetanii qabxii boonsaa hedduutu argama ture.
Dur atileetonni Itoophiyaa kan ittiin beekaman hojii gareetiini. Fedhiin isaanii tokkoffaa ba’uun meedaaliyaa argachuun maqaa biyyaa waamsisuudha malee wal waanyun hinjiru. Jiddusaanii jaalalaafi obbolummaa dhugaa malee ani mo’adhee maqaa olaanaan argadha kan jedhu hinturre.
Bariisaa: Atileetonni baay’een leenjistootaaf hinajajaman jedhama, kun dhugaadhaa?
Leenjisaa Huseen: Atileetiin tokko jalqabaa kaasee hanga guyyaa dorgommiitti leenjisaa wajjiin shaakaluu yoo baate waliigaluun hindanda’amu. Haala amma hojjetamaa jiru kanatti turtii torban tokkootti, yookiin ji’aa tokkoofi lamaa keessatti yaada tokkummaa fiduun hindanda’amu. Akka duriis garee biyyaaleessaa walitti qabna jechuun rakkisaadha.
Bariisaa: Maalif rakkisaa?
Leenjisaa Huseen: Dur kilaboonni atileetiksii Finfinnee keessa turan jahaa hincaalan. Ammaan tana dandeettii kilaboonni keessumaa fiigicha dheeraarratti qaban baay’ee gadi bu’eera. Gama birootiin ammoo kilaboonni hedduun amma jiran teessoon isaanii naannooleedha. Kana waan ta’e atileetoota kanneen gara giddugaleessaatti fiduun leenjisuun rakkisaadha. Sababni isaas mana kiraa dabalatee baasii guddaa gaafata. Kanaafuu gargaarsi, leenjiifi hordoffiin kan taasifamu bakkuma isaan jiranitti. Haa ta’u malee, wayita dorgommiin dhihaatu gara giddu galeessatti fidanii leenjisuun filatamaadha.
Bariisaa: Qabxiin al tokkoo ol ka’ee yeroo biraammoo gadi bu’a, sababiin isaa maalii?
Leenjisaa Huseen: Bifa saayinsawaa ta’een leenjifamuu baannaan qabxiin gad bu’uu hinhafu. Qajeelfama leenjii hordofuun hojjechuu yoo baanne qabxii barbaadamu galmeesisuu hindandeenyu. Dimshaashumatti qophiirraa kaafame hanga guyyaa dorgommiitti haalli leenjii keenyaa tokkoo ta’u qaba.
Kana ta’u baannaan atileetiin har’a cimaa ta’u bor ejjennoo sanaan waan hinturreef gadi bu’e argama. Haayileefaan sirna tokko keessa waan ce’aniif waggoota 20f dandeettiin isaanii osoo hinbu’iin fiigaa turaniiru.
Ammaan tana ammoo atileetiin tokko dorgommii keessa kan turu olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa tokkoo yookin lama hincaalu. Waan kana ta’eef leenjiin cimaa itti fufinsa qabu jiraachuu qaba.
Bariisaa: Akkuma beekamu kilaboota hangafoota atileetiksii biyyattii keessaa kilabni Manneen Sirreessaa Federaalaa isa tokkoodha. Amma garuu, sagaleen isaa dhokachaa jira rakkinnisaa ni beekamaa?
Leenjisaa Huseen: Kilabichi Olompikii Baarseeloonaatii kaase hanga Riyootti biyya keenyaaf meedaaliyaa warqii argamsiisuudhaan sadarkaa tokkoffaarra jira. kanaan dura kilabichi kan ittiin deggaramu galii Hoteela Karaaraa ‘Looj’ buusii miseensootaan ijaarameen. Amma garuu karaa hinbeekamneen hoteelicha Hospitaalli Qiddus Phaawuloos nurraa fudhateera. Rakkoo kanas yeroo baay’ee mootummaatti beeksifnus deebii argachuu hindandeenye. Halaa kanaan kilabni pooliisii Manneen Sirreessaa Federaalaa itti fufuuf gaaffii keessa jira.
Kilabichi ammaan tana buusii qarshii tokkoo miseensoonni poolisii buusaniitti hirkate jira. Deeggarsi mootummaarraa nuuf taasifamus hinjiru. Nutis akka miseensa kilaba tokkootti karaa galiin itti argamu barbaaduun dirqama keenya. Kilabni kun diigameee jennaan qaamni guddaan ispoorii atileetiiksii Itoophiyaa digame jechuudha.
Bariisaa: Qaamni mootummaa dhimmichi ilaallatu homaa gargaarsa isinii hingoone?
Leenjisaa Huseen: Komishiniin Ispoortii Federaalaa, Koreen Olompikii Biyyaaleessaa, Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaafi waldaaleen ispoortii tokko tokko kilaboota buunyaa, kubbaa harkaafi kubbaa saaphanaa gargaaraa turan. Ammaan tana garuu gargaarsi dhaabateera.
Walumaagalatti, kilabni hangafti atileetota beekamoo horate galii dhabuun diigamuuf qarqararra jira.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011
4 Comments to ““Bifa saayinsawaa ta’een leenjifamuu baannaan qabxiin gad bu’uu hinhafu” -Suppar Intandanti Huseen Shaboo”