Qonnaan bulaan qonna gannaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjechuu akka qabu himame

Qonnaan bulaan qonna gannaatiif xiyyeeffannaa kennee hojjechuu akka qabu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa koonfaransii sosochii qonna gannaa kaleessa magaalaa Asallaatti gaggeeffame irratti ibse.

Koonfaransicharratti qonnaan bultoonni godina Arsii hundarraa walittii bobbahan, hoggantoonni waajjiraalee qonnaafi ogeeyyiin qonnaa kan hirmaatan yoo ta’u, rakkoolee xiyyeeffannoo barbaadan irratti mari’atameera.

Rakkoon dhiyeessiifi qaaliin sanyii filatamaa, calla guddiftuu, farra aramaafi raammoo geerrii dabalatee xaa’oo irratti mul’atu hojii qonnaa keenyarratti dhiibbaa uumera jedhan hirmaattonni.

Hogganaan biirIchaa Obbo Dhaabaa Dabalee akka jedhanitti, mootummaan damee qonnaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee hojjechaa jira. Rakkoo qaalii gatii xaa’oofi callaa guddiftuurratti mul’atu rakkoo sharafa alaafi faddaaltotaan kan wal qabatu ta’uu himanii, mootummaan gatii madaalawaadhaan qonnaan bulaa biraan ga’uuf hojjechaa jira jedhaniiru.

Rakkoo dhiyeessii calla guddistuufi xaa’oorratti mul’atu furuuf muummee ministiraarraa kaasee xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Ministir Deetaan Qonnaaafi Qabeenya Uumamaa Doktar Iyyaasuu Abrahaa akka jedhanitti,  Xaa’oo miiliyoona 600 biyya alaatii galchuun, gatii madaalawaan qonnaan bulaa biraan ga’uuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru jechuun ‘FBC’n gabaaseera.

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

6 Comments to “Qonnaan bulaan qonna gannaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjechuu akka qabu himame”

  1. Pingback: hihuay
  2. Pingback: Exology

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *