Sadarkaan kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa geeddarame

Finfinnee: Torban torbaniin kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa 16 jidduutti kan adeemsifamu shaampiyoonaan kubbaa miilaa kan marsaa duraa torban 25 Sanbataafi Dilbata dabalatee magaalota naannolee adda addaatti gaggeeffameera.

Shaampiyoonichi xumuramuuf taphiwwan muraasa wayita isa hafutti torban darbe sadarkaa tokoffaarra kan ture kilabni Maqalee 70 Indartaa sadarkaasaarraa sigigaachuun torban darbe  lammaffaa kan ture magaalaa Faasiliif gadilakkiseera.

Magaalaan Faasiil sadarkaa tokkoffaarra kan qubate Shaampiyoona liigii piriimeerii Itoophiyaa bara darbe kilaba Jimmaa Abbaa Jifaar gombisaa galchaa gochuun  6-1n gaggeessuudhaan.

Akkasumas Maqalee 70 Indartaan Sadarkaasaarraa kan sigigaate kilaba Bulchiinsa Magaalaa Hawaasaatiin 1-0n mo’amuudhaan. Haaluma kanaan Magaalaan Faasiil qabxii 49n liigicha dursaa kan jiru yoo ta’u, Maqalee 70 Indartaan ammoo qabxii 48n lammaaffaadha.

Torban darbe sadarkaa sadaffaarra kan turan Bunni Siidaamaa Buna Itoophiyaa 2-0n mo’achuudhaan qabxii 46n sadarkaasaa osoo gadi hinlakkisiin, Qiddus Giyoorgisi ammoo qabxii 40n, Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 39 sadarkaa arfaffaafi shanaffaarratti argamu.

Magaalaan Baahirdaar qabxii 36n,Walwaaloo Adigraat qabxi 35n, Hawaasaafi Dirree Dawaan galchaan walcaalanii walqixa qabxii 34n, torban darbe sadarkaa saddeettaffaarra kan ture Bunni Itoophiyaa mo’amuusaatti sigigaachuun sadarkaa jahaffaadhaa hanga kurnaffaarratti argamu.

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa qabxii 30n,Walaayitaa Dichaa qabxi 28n, Raayyaan Ittisaa qabxii 26n sadarkaa kudha tokkoffaadhaa hanga kudha sadaffaarratti argamu.

Walmorkii baranaa kanatti kilaboonni Poolisii Kibbaa qabxii 25n, Shiree Indaasillaasee qabxii 23n, Dadabit ammoo qabxii 13n gara liigii biyyaaleessaatti gadi dacha’uuf qarqararatti argamu.

Shaampiyoonichi har’as  itti fufuun Bunni Itoophiyaa magaalaa Hawaasaa wajjin Jimmaa Abbaa Jifaar magaalaa Maqalee wajjiin, boru ammoo Walaayitaa Dichaa magaalaa Faasiil wajjiin Bunni Siidaamaa Poolisii Kibbaa wajjin taphatu jedhameet eegama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

2 Comments to “Sadarkaan kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa geeddarame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *