Shaampiyoonaan kilaboota liigii piriimeerii hawwataa ta’aa jira

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa lammaffaa torban 24ffaa Sanbataafi Dilbata darbees magaaloota naannoolee adda addaatti itti fufee oleera. Walmorkiichis kilaboota bulchinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dawaa dabalatee kanneen Ummatoota Kibbaa, Oromiyaa, Amaaraafi Tigiraay 16 giddutti adeemsifamaa jira.

Shaampiyoonichi xumuramuuf taphoonni muraasni wayita hafanitti qabxiin kilabootaa waan walitti dhihaateef “eenyuutu abbaa waancaa ta’a?” gaaffiin jedhu shaampiyoonicha hawataa taasiseera.

Kilabni Dadabit gara liigii biyyaaleessaatti gadi bu’uusaa yoo mirkaneeffatu kilabonni lameen isa waliin gadi bu’u jedhaman beekuuf qabxiin kilabootaa waan walitti siqeef rakkisaa ta’eera. Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti kilabonni Maqalee Sabaa Indartaa qabxii 48tiin liigicha dursaa kan jiru yoo ta’u, Magaalaan Faasiil qabxii 46n hordofaa jira. Haala kanaan Maqaleen tapha tokkotti yoo mo’ameefi Faasiil ammoo yoo mo’ate qabxii tokkoon waan caaluuf falmiin jiru akka cimu taasiseera.

Kilabni Ummatoota Kibbaa Bunni Siidaamaa qabxii 40n sadarkaa sadaffaarratti yoo argamu, Qiddus Giyoorgisiifi Jimmaa Abbaa Jifaar garaagarummaa galchaan wal caaluun  walqixa qabxii  39n sadarkaa arfaffaafi shanaffaarratti argamu.

Baahirdaar qabxii 36n, Walwaaloo Addigiraat qabxii 34n, Bunni Itoophiyaa qabxii 33n fi,Hawaasaafi Dirree Dawaan galchaan walcaalanii qabxii 31n,  Adaamaan 30n, sadarkaa ja’affaadhaa hanga  11fatti argamuu.

Kilabonni Walaayittaa Diichaa qabxii 27n fi Raayyaa Ittisaa qabxii 25n, Poolisiin Kibbaa qabxii 24n, Shiree Indasillaase qabxii 22n, Dadabiit ammoo qabxii 10n 12fa- 16fa irratti waan argamaniif abdiin isaan liigicha keessa turuuf qaban yaaddeessaa fakkaata.

Kilabni Dadabiit rakkina maallaqaatiin shaampiyoonicha adda kutuun Kilaba Walaayittaa Diichaaf forfee kennusaatiin Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa qarshii kuma 60 adabuunsaa ni yaadatama. Haata’u malee dhaabbileen naannoo Tigiraay garagarsa qarshii miiliyoona saddeet Ispoonsara waan isa godhaniif liigicha keessa turuuf carraa argateera.

Walmorkiin torban 25fa har’a, boriifi iftaanis istaadiyoomota naannoolee adda addaatti itti fufee kan oolu yoo ta’u,  har’a Dadabiit magaalaa Baahirdaar wajjiin Istaadiyoomii Maqaleetti ni taphatu.

Bor ammoo liigicha dursaa kan jiru Maqalee Sabaa Indartaa Magaalaa Hawaasaa waliin  Istaadiyoomii Maqaleetti, Poolisiin Kibbaa Shiree Indasillaasee waliin, Qiddus Giyoorgis Raayyaa Ittisaa wajjiin Istaadiyoomii Finfinneetti walfalmu.

Walmorkiin iftaaniitiin ammoo Bunni Itoophiyaafi Bunni Siidaamaa Istaadiyoomii Finfinneetti kan wal argan yoo ta’u, Walwaaloon Walaayittaa wajjiin, Dirree Dawaan Adaamaa Wajjiin, magaalaan Faasil Jimmaa Abbaa Jifaar waliin ni taphatu.

Tashoomaa Qadiidaa

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

8 Comments to “Shaampiyoonaan kilaboota liigii piriimeerii hawwataa ta’aa jira”

  1. Pingback: look what i found
  2. What’s good?I am absolutely astounded by the profound influence of your exceptional article. Your vast expertise and talent for elucidating intricate ideas with such lucidity have genuinely left me in awe. I am eagerly looking forward to subscribing to your updates and staying informed about your forthcoming writings. Thank you for your extraordinary contribution, and I wholeheartedly endorse and urge you to keep flourishing in all your future pursuits.

  3. Pingback: แทงบอล
  4. How are you?I was deeply moved by your post, which ignited a strong desire in me to explore the topic further. I have great admiration for your profound insights and expertise, and I genuinely appreciate your distinct perspective. Thank you for generously sharing your thoughts and dedicating your time to do so!Ciao.

  5. Good to see youWe stumbled upon this page on a different website and thought we’d check it out. I’m liking what I see, so I’m going to follow you. Looking forward to further exploring your website.

  6. Hey, you!During our exploration of a new website, we stumbled upon a webpage that instantly grabbed our attention. We are thoroughly impressed with what we have discovered thus far and eagerly anticipate your upcoming updates. We are excited to delve deeper into your website and discover all the fantastic features it has to offer.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *