Maqalee 70 Indartaan waancaaf abdii yoo qabaatu Dadabit sigigaachuuf

Finfinnee:Walmorkiin kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa lammaffaa torban 23fa Dilbata darbe magaalota adda addaatti itti fufee yoo oolu, barana shaampiyoonichatti kan makame kilabni Maqalee 70 Indartaa waancaa liigichaa fudhachuuf abdii horateera. Dadabit ammoo gara liigii biyyaaleessaatti gadi bu’uuf fiixee dhumaarratti argama.

Kilabni Maqalee 70 Indartaa waancaaf dhihaachaa kan jiru walmorkiiwwan adeemsifateetti walumaagalatti qabxii 48n dursaa jira. Kilabni magaalaa Faasil qabxii 43n lammaffaarratti  kan argamu yoo ta’u,  garaagarumaan isaan jiddu  jiru qabxii shan ta’uusaatti abdiin qabu baldhaadha.

Leenjisaa Gabramadin Hayileetiin kan durfamu kilabni Maqalee 70 Indarta, dargaggoota fedhii kubbaa miilaa qabaniin kan ijaarame ta’uusaatti yeroo dirree keessa galan onnee guutuudhaan taphatanii akka injifatan isaan taasiseera.

Leenjisaan Gabramadihin Hayilee shaapiyoonaa bara darbeetti liigii biyyaaleessaarraa gara liigii piriimeerii Itoophiyaa kan guddate kilaba Jimmaa Abbaa Jifaar shaampiyoona gochuunsaa kan yaadatamuudha. Baranas Maqalee 70 Indartaa shaampiyoona gochuuf waancaa halaalaa dhihootti ilaalaa jira.

Shaampiyoonaa Baranaa kanatti kilabni Buna Sidaamaa sadaffaa, Qiddus Giyoorgis arfaffaa, Jimmaa Abbaa Jifaar, Bunni Itoophiyaa, magaalaan Baahirdaar, Walwaaloo Adigiraat, Dirree Dawaan, Hawaasaan, Adaamaan akkuma walduraa duuba jiranitti sadarkaa shanaffaadhaa hanga kudha tokkoffaarratti argamu.

Walaayitaa Dichaa, Raayyaan Ittisaafi Poolisiin Kibbaa  gara liigichaatti gadi bu’uuf sodaa keessa kan galan yoo ta’u, Shiree Indaa Sillaaseefi Dadabit yerumaan kan sigigaatan ta’uu beekaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

2 Comments to “Maqalee 70 Indartaan waancaaf abdii yoo qabaatu Dadabit sigigaachuuf”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *