Addunyaan kan warra dubbisaniiti

Namni uumama kan kaleessaa irraa baratu, har’a irra taa’ee ammoo boriif yaaduufi karoorfatuudha. Namni yeroo qaroominni hinbabal’annettiyyuu gogaa duugee halluudhaan seenaa kaleessaa barreessee dhalootaaf dabarsaa tureera.

Dubbisuufi barreessuun dhala namaaf daran murteessaadha. Dubbisuun guutuu nama taasisa. Addunyaanis kan warra dubbisaniiti. Biyya geggeessuufis ta’e mataa ofii geggeessuuf akkasumas kitaabileefi barreeffama adda addaa barreessanii dhalootaaf dabarsuufis dura waa hedduu dubbisuun barbaachisaadha.

Yoo dubbisan malee addunyaan dukkana. Mana barumsaa idilee hiseenin ykn ammoo seenanii sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa osoo hinxumurin namootni dubbisuu qofaan kitaabolee adda addaa barreessan hedduun turaniiru.

Dubbisuun fayyummaa ofii eeggachuuf, dhiphina sammuu ittisuuf, maashaan ijaa akka cimu akkasumas dammaqina sammuu dabaluuf, waa irraanfachuu ittisuuf kan gargaaru ta’uu barreeffamni turban dubbisaa dhiyeenya kana Magaalaa Jimmaatti adeemsifamerratti dhiyaate ni mul’isa.

Namoonni yeroo dheeraa dubbisaniifi barreessan naamuusa gaarii, obsa, hubannaa, abdiifi abshaalummaa qabu. Sammuun isaaniis dafee yaaduufi waa murteessu danda’a.  Dandeettii ofitti amanamummaan gaafachuu, dubbachuu, yaadaafi deebii kennuu kan qaban ta’uu barreeffamichi ni ibsa.

Waa dubbisuun murtee kennuu, dabarsuu, ummatas ta’e jireenya dhuunfaa ofii geggeessuuf gargaara. Addunyaa kana geggeessaa kan jiranis namoota waa hedduu dubbisaniidha. Namootni dubbisaniifi barreessan yoo du’anis biyyaafis ta’e addunyaaf hambaa dhiisanii darbu.Kanaafiidha addunyaan kan warra dubbisaniiti kan jedhamuuf.

Qorataan dame dubbisaa Kaarniigee akka jedhutti,”Keessa keenyaa yaadonni gurguddoon akka bahan yoo barbaanne dursinee yaadota gurguddoo keessa keenya galchuu qabna” jedha. Kana jechuun dubbisuun barreessuufis ta’e yaada gabbataa kennuuf kan gargaaru ta’uu mul’isa.

Onesmoos Nasib, Paawuloos Nyoonnyoo, Maammoo Wuddinee, Doktara kabajaa Hadiis Alamaayyoo, Kabbadaa Mikaa’el, Abbee Gubbanyaa, Bilaateen Geetaa Hiruyi Waldasillaasee hayyoota bebbeekamoo Itoophiyaa dubbisuudhaan kitaabotaafi asoosamoota adda addaa barreessan keessaa isaan muraasa. Hayyoonni kunneen barumsa ammayyaa utuu hinargatin ga’umsa dubbisuu qofaan horataniin kitaabolee akka hambaatti dhalootaa dhalootatti dab Onismoos Nasib bara 1865 Kutaa Biyyaa Iluu Abbaabooraa bakka Hurmuu jedhamutti kan dhalatan yoo ta’u,  Inistiitiyuutii Ivaanjelikaal Siwiidishitti baratan. Afaan Oromoo,  Amaariffaa, Gi’iiziifi Siwudishiin barreessaa turan. Macaafa Qulqulluu nama sirriitti dubbisaniiru. Macaafa Qulqulluu Kakuu moofaafi haaraa bara 1889 gara Afaan Oromootti hiikanii maxxansiisaniiru. Akkasumas hiika jechoota Afaan Oromoo qopheessaniiru.

Onismoos nama yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin barreessan waan ta’aniif ogbarruu Afaan Oromoof bu’uura ta’uun beekamu. Aadaan dubbisuu yeroo ammaa dhaabbilee amantaa keessatti laafaa kan dhufe ta’us, dur aadaa dubbisuutiif bu’uura akka ture barreeffamichi ni ibsa.

Barreessaa Phaawuloos Nyoonyoo Sadaasa 11 bara 1926 Harariitti kan dhalate yoo ta’u, barumsa hanga kutaa 4fatti baratan. Kitaabota, barruulee, gaazexaafi barreeffamoota adda addaa dubbisuudhaan qofaan beekumsa gahaa horachuun kitaabota 19 barreessanii maxxansiisaniiru.

Doktarri Kabajaa Haddiis Alamaayyoo Onkoloolessa 7 bara 1902 Kutaa biyyaa Gojjaamitti kan dhalatan yoo ta’u, barumsa qalamaa hanga kutaa 7fatti baratan. Haata’u malee waajjiraalee mootummaa adda addaa keessatti barsiisummaa, hojjetaa, hoogganaa, ministeerummaafi ambaasaaddarummaan hojjetaniiru. 

Asoosamoota dhedheeraa isaan baarreessaniifi daran beekaman keessaa “Fiqir Iska maqaabir”fi “Wanjalanyaawu Daanyaa” akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’amaa. Gumaacha olaanaa guddina ogbarruu biyyattiif taasisaniinis Yunivarsitii Finfinnee irraa Doktara kabajaa argataniiru.

Barreessaafi Gaazexeessaa Maammoo Wuddinee Onkoloolessa 12 bara 1923 Kutaa biyyaa Wallootti kan dhalatan yoo ta’u, barumsa sadarkaa 2fa kan hinxumure ta’anis ga’umsa dubbisaan gabbifataniin kitaabolee 53 Afaan Ingiliffaan barreeffaman gara Afaan Amaariffaatti hiikuudhaan dubbistootaaf dhiyeessaniiru akka barreeffamni torban dubbisaa dhiyeenya kana Jimmaatti geggeeffamerratti dhiyaate ibsutti.

Yeroo amma keessa jirruufi sadarkaan guddinni teekinoloojii biyyattii irra jiru dubbisaaf haala mijataa uumeera. Dubbisuudhaaf dirqama mana kitaabaa deemuun hinbarbaachisu. Mobaayilii, komputaraa, laaptoopphii harkatti baannee deemnuufi intarneetiirraa dubbisuu dandeenya. Wantoonni dubbifaman hedduu waan ta’aniif kan barbaannu filannee dubbisuuf carraa bal’aa qabna. Carraa kanatti fayyadamuun dubbisnee of jijjiiruufi dhiisuun ammoo nurka jira.

Hayyoonni barumsa sadarkaa 2fa utuu hixumurin erga kitaaboleefi asoosamoota yoomiyyuu hindagatamneefi akka hambaatti dhalootaa dhalootatti darban erga barreessan akkasumas sadarkaa hooggansa adda addaa gahumsa olaanaan erga bahatanii,  warra barumsa ammayyaa barataniifi hanga digrii sadaffaa (‘PhD’)tti baratan ammoo maal bu’aa buusaa jiru? Deebiisaa inni barates ta’e barumsarra jiru itti yaadee haa deebisu. Dubbisuun guutuu nama taasisa. Kanaafuu hundi keenya haadubbisnu!

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

5 Comments to “Addunyaan kan warra dubbisaniiti”

  1. Pingback: ruay
  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Pingback: dark168
  4. Pingback: navigate here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *