Samaraa: Namni gara lafa dhalootaa, akkoosaa Affaaritti imalu takkaa gaafa dhaqu ta’uu baannaan ,immoo gaafa galu waan tokko sammuusaatti qabachuunsaa waan hinoolle.
Daandii sanarratti magaalotni sadii immoo magaalota iddoo biroorraa amala addaatiin kan beekaman yemmuu ta’an isaanis Adaayituu, Indafu’oofi Gadaamayituu jedhamu.
Gatiin meeshaalee adda addaa magaalota kanneenitti hedduu gadi bu’aa ta’uusaatiin namni daandii sana qaxxaamuru hedduun meeshaa achirraa osoo hinbitin hindarbu.
Giddugala kontirobaadnii ta’uunsaanii osoo hinxiqqaatin amma immoo madda jeequmsaa ta’aa dhufuusaanii Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Naannoo Affaar ni ibsa.
Magaalotni sadeen kunniin yeroo heddu jeequmsaan raafamaa jiraachuu kan himan ittigaafatamaa ittaanaan biirichaa, Obbo Bilaay Ahmad, sababa kanaanis yeroo ammaa raayyaa ittisa biyyaa jalatti bulaa jiraachuu dubbatu.
Keessattuu magaalotni lamaan, Gadaamayituufi Indafu’oo kan hundeeffamanis ta’ee kan amma ittiin beekaman kontirobaandii ta’uunsaa fedhii siyaasaa qaamota hedduu keessummeessaa jiraachuu eeranii, dhiheenya kana immoo daandii guddicha biyyattii gara Jibuutiitti geessu cufuufi konkolaattota dhaabanii saamuun hammaachaa dhufuu ibsu.
Saamichaafi jeequmsa daandii kanarratti raawwatamuuf garuu kan maqaan badaa jiru Affaar waan ta’eef mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabus gaafataniiru.
Jiraattoonni magaalota sadeenii hedduun gosa Somaalee, Iisaa jedhaman ta’uusaaniitiin isaanis “nutu bulchuu qaba” yaada jedhu kaasaa turuunsaanii ni yaadatama.
Bayyanaa Ibraahimin
BariisaaEbla 25/2011
3 Comments to “Magaalotni kontirobaandiin hundeeffaman madda jeequmsaa ta’aa jiru”