“Bakka nageenyi hinjirretti guddina ispoortii kubbaa miilaa eeguun gowwummaadha’’-Obbo Isaayaas Jiraa

Ispoortiin ammayyaa biyya keenya  kan seene yoomiifi eenyuun akka ta’e ifatti beekamuu baatus walakkaa jaarraa tokkoo ol lakkoofsiseera.

Sochiin ispoortii kun yeroo duraatiif kan jalqabame manneen barnootaafi dhaabbilee Raayyaa Ittisaa adda addaatti ta’uu seenaan ni addeessa.

Ispoortiiwwan ammayyaa kanneen akka kubbaa miilaa, kubbaa kachoo, kubbaa saaphanaafi harkaa, atileetiksiifi kkfn dhawata dhawaatan qalbii ummataa  hawwachaa dhufaniiru.

Ammaan tana mootummaan Itoophiyaa seektara kanaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennnuun komishinii ispoortii kophaatti of danda’e caasessuun hojjechaa jira.

Naannoleettis waajjiraalee walfakkaatan hundaa’anii hojicha darraan finiinsuurratti argamu. Akkaasumas sadarkaa biyyaalessaatii kaasee hanga gandaatti federeeshinoota addaddaa hundeessuudhaan hojiileen gara garaa hojjetamaa turaniiru.

Ispoortiiwwan kanneen  biyya keenyatti hawaasa bal’inaan hawataa jiran keessaa tokko ispoortii kubbaa miilaati. Ispoortichi biyya keenya qofatti osoo hinta’in biyyoota heddutti yaadqalbii hawaasaa hawachuun bal’inaan kan gaggeeffamu.

Ispoortii kubbaan miilaa kana ummanni addunyaa biiliyoona 6.1tti shalagamu kallattiinis ta’u al kallattiidhaan ni hordofa  jedhamee dubbatama. Sababiinsaas ispoortichi burqaa galii ta’uusaatti taphattoonni addunyaarratti beekaman waan irratti hirmaataniifi.

Galii olaanaa kan argamsiisu ispoortiin kubbaa miilaa biyyoota adda addaatti qabeenya hunda caala xiyyeeffannaan olaanaan itti kenamuudha.

Dirreen kubbaa miilaa bashanana bira darbee walitti dhufenya ilmaan namaa, Obbolumaa, tokkumaa,jaalalaafi wal marartii uumuudhaan meeshaa guddaa ta’un isaa kan beekamuudha.

Haata’u malee ispooriin kun ammaan tana biyya keenyatti  amalasaa geeddarachuun dirree obbolummaa, jaalalaafi tokkumaa ta’uun hafe dirree walitti bu’insaa ta’uun gara hintaaneti deemaa jira.

Nus rakkinni kun maalirraa akka madde hubachuuf pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa, Obbo Isaayyaas Jiraa wajjin turtii taasisneen akka ibsanitti, rakkinni ammaan tana dirreewwan kubbaa miilaarratti muldhatan akkaataa gurmaa’ina isaati jedhu.

Kanaan dura shaampiyoonaan kubbaa miilaa kan adeemsifamu sadarkaa naannootti. Kilaboonni naannooleessaaniirraa tokkoffaafi lammaffaa ba’an sadarkaa biyyaatti shaampiyoonaa Itoophiyaarratti hirmaatu. Shaampiyoonichis kan adeemsifamu Magaalaa Finfinnee qofatti waan ta’uuf to’annoof hinrakkisu jedhan.

Ammaan tana koree liigii kubbaa miilaa Itoophiyaatiin kan adeemsifamu shaapiyoonaan kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa naannolee adda addaatti waan gaggeeffamuuf  rakkina deeggartoonni kilabootaa uumaniin dirreen kubbaa miilaa gama nageenyaatiin gaaffii guddaa keessa galaa jiraachuu eeru, Obbo Isaayyaas.

Jeequmsa dirree kubbaa miilaatti uumamuun lubbuun namaa darbaa, qaamni namaa hir’achaafi qabeenyi barbadaa’aa jiraachuus eeraniiru.

Federeeshiniin kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii 16, kilaboota liigii biyyaalessaa 28fi kilaboota naannolee gara 60tti siqan of jalatti bulchaa jira. Dirreewwan kanneen to’achuun rakkisaa waan ta’eef naannoleen itti gaafatamuumaadhaan akka to’atan godhamus humnasaanii ol ta’aa jira jedhu pirezidaantichi.

Kanaafuu ummanni bakka tasgabbiin hinjirretti guddina ispoortii kubbaa miilaa biyya keenyaa eeguun gowwummaa waan ta’eef qaamni dhimmichi ilaallatu federeeshinicha maddii akka dhaabatu gaafataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Ebla 25/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Bakka nageenyi hinjirretti guddina ispoortii kubbaa miilaa eeguun gowwummaadha’’-Obbo Isaayaas Jiraa”

  1. Pingback: slot88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *