Istaadiyoomiin ammayyaa qe’ee Wallaggaa miidhagse

Finfinnee: Istaadiyoomiin hundagaleessaafi Wiirtuu Dargaggoota Wallaggaa waggoota 10 dura ture namoota dhuunfaan  kan karoorfame ture.

Ka’umsisaas dargaggootni humna omishaa ta’an sochiiwwan ispoortii adda addaarratti hirmaachuun jireenyasaanii akka fooyyeffataniif kan yaadame yoo ta’u, kunoo barana eebbifamuun qe’ee Wallagga miidhagsuu danda’eera.

Ittigaafatamaan ijaarsa pirojektii istaadiyoomichaa, Obbo Tashoomaa Gammadaa sirna eebba istaadiyoomichaarratti Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ijaarsisaa waggoota sadii keessatti xumuramuuf bara 2001tti eegalame.

Ta’us, sababa Dhaabbanni Konistiraakshinii Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa ijaarsa istaadiyoomii ammayyaarratti gahumsaafi muuxannoo waan hinqabneef akkasumsa rakkoolee teknikaatiin waggoota 10f duubatti harkifate.

Yeroowwan dheeraa booda garuu ijaarsi fiizikaalaa istaadiyoomichaa tattaaffii ummatni Oromoofi mootummaan naannoo Oromiyaa taasisaniin xumuramuu eeranii,  qaamolee hirmaatan galateeffataniiru.

Haa ta’u malee, koreen pirojektii kana ijaarsisaafi gaggeessaa ture qaama kamiif dabarsuu akka qabu ammallee addaan hinbaafanne kan jedhan Obbo Tashoomaan, falli akka barbaadamuuf Komishinii Ispoortii Oromiyaaf irra deddeebiin gabaasuusaanii dubbatu.

Komishinarri Komishinii Ispoortii Oromiyaa Obbo Naasir Huseen gamasaaniin akka dubbatanitti, istaadiyoomiin ammayyaafi hundagaleessi  kun Naqamteetti ijaaramuunsaa seenaa guddaadha. Hundarra bakka oolmaa dargaggootaa ta’uun waan tajaajiluuf eegumsiifi kunuunsi barbaachisu taasifamuu qaba.

Kanaafis istaadiyoomichi bulchiinsa ofiisaatiin akka hogganamuuf dambiin qophaa’uu eeranii, yeroo gabaabaa keessatti Caffee Oromiyaatiif dhiyaatee kan ragga’u ta’uu himaniiru. Hawaasni magaalaa Naqamteefi naannawashees istaadiyoomicha kunuunsuun madda galiisaa guddifachuu qaba jechuun dhaamaniiru.

 Istaadiyoomiin kun Dhaabbata Konistiraakshinii Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa jalatti kaampaanota Holaandiifi Jarmaniin deggaramee qarshii miliyoona 196n ijaarame. Bal’innisaa hektaara 7.5 yoo ta’u, akaakuuwwan ispoortii 16 kan taphachiisu yoo ta’u namoota kuma 30 ol qabata.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Ebla 18/2011

Recommended For You

5 Comments to “Istaadiyoomiin ammayyaa qe’ee Wallaggaa miidhagse”

  1. Pingback: do not trust
  2. Pingback: see this

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *