Ilaallataa sirbuu wayya

/Dhaloonni kun labata gama hundaan badhaadheedha jechuun ni danda’ama. Dhaloonni kun barumsa idilees ta’e al idilee barachuuf akka warra durii dhamaatii guddaa isa hinbarbaachisu. Ga’umsasaa mirkaneeffachuufi sammuusaa beekumsaan  guutuuf akka idileetti dhaabbilee barnootaa naannawasaatti argamanirraa, aadaafi duudhaasaa maatiisaarraa, teknolojii ammoo intarneetii barruusaarratti argamurraa barachuu danda’a.

Namni haala kanaan sammuusaa sooree ga’umsasaa mirkaneeffate sababarratti waan hundaa’uuf qilleensa garanaa garasii bubbisuun akka salphaatti hinraafamu, hinfudhatamu. Namni waan dubbise sababarratti hundaa’ee amanee fudhata, dida malee waan jette jetteedhaan dhaga’een hinraafamu.

Dhaloonni har’aa waldhageettiifi ilaafi ilaameetti amanuurratti hanqinaqaba.  Keessumaa ilaafi  ilaameen duudhaa Oromoo sirna waldhageettiifi safeeffannaasaa eegee har’aan gahateedha. As keessa quxisuun hangafa, hoggansa biyyaatiif, abbootii amantiifi kanneen birootiif kabaja kennuun jira.

Namni waa mormus ta’e deggaru ka’umsa dubbichaa jalqabaa hamma dhumaatti sirriitti gondolchee hubachuu qaba. Dubbiin kun eessaa ka’e, maaliif jedhame, eenyutu jedhe? Jechuun guutummaa taatee sanaa sakatta’uu qaba malee taatee ykn jecha tokkoon hoggansa siyaasaa kutattummaan qabsaa’aa ture busheessuu hinqabu.

Asirratti taateedhuma tibbanaa jecha ykn haasaa Ittigaafatamaa Waajjira Giddugaleessaa ODP, Obbo Addisuu Araggaa taasisaniin walqabatee hafarfamaa ture ilaaluun ni danda’ama. Isaanis dogoggora uumame jedhameef haala nama siyaasaa bilchaataa tokkorraa eegamuun ifatti dhiifama gaafachuunsaanii tarkaanfii sirrii ta’uun hubatamuu qaba.

Sanas ta’e kana keessumaa dhaloonni si’anaa miiraan oofamuun keessaa bahee gara sababaan amanuutti ce’uu qaba. Waanti ka’umsa dubbii ta’e sun akkamiin, maaliif akka jedhame ykn uumame sirriitti hubachuu qaba. Barachuun waa madaalanii bira gahuuf nama gargaaraatii waan jedhame sana sirriitti xiinxalanii ilaaluun dogoggora akka tasaa uumamu jalaa nama baraaruu mala.

Namoonni siyaasaas haasawa addababaayii, waltajjiilee walga’iifi miidiyaleerratti taasisaniif hammam of eeggannaa taasisu? Dhiibbaafi miidhaa jechoonni of eeggannoo malee dubbannuus ta’e barreessinu hordofsiisan hubachuuf seenaa gaggaragalchanii ilaaluunis gaaffii barreessaa kanaati.

Dhimma kana fakkeenyaan deggarree ilaaluuf haleellaa Naazii Jarmaniifi Yugozlaaviyaa darbees kan waggaa 25 har’aa Ruwaandaatti gareewwan walii faallaa lamaan miidiyaaleetti fayyadamuun raawwatameef maddi ykn ka’umsisaa haasaa of eeggannoo malee taasifame ta’uu hubanna.

Yaada summaa’aa “nuyiifi isaan” jechuun bittinfameen duguugiinsi sanyii sukaneessaan raawwatameera. Kanaaf haasaan siyaasaa kamuu sirnaafi of eeggannoodhaan qabamuufi taasifamuu akka qabu akkasumas waliigalteen siyaasaa(‘political communication’) mataansaa saayinsii waan ta’eef ergaan saayinsiirratti hundaa’e akka darbuuf of eeggannaa gadi fageenya qabu gochuun daran barbaachisaadha.

Keessumaa akka biyya keenyaatti wayita miirri siyaasaa ho’aan jiru kanatti namoonni siyaasaa jecha haasaa taasisan keessatti itti fayyadamaniif of eeggannaa cimaa gochuu qabu. Isa kaan ammoo bira darbanii xiinxalanii deebisuuf of qopheessuun irraa eegama.

Dhimma waliigaltee siyaasaa kanarratti hayyummaan kan beekamu Bireeyin Maakneeyir caalaatti kan ibsu waa’ee haasaa ykn ergaa siyaasaa karaa miidiyaalee  darbanii hordofuuni.

Waliigalteen siyaasaa bu’aa barbaadamu argamsiisuuf beeksisa dabalatee haasaa namoota siyaasa keessatti hirmaataniin taasifamu kan of keessaa qabu yoo ta’u, duraan dursee dhiibbaan matayyoota, ittaansees namoota yaada walakkaataa qaban irratti qaqqabsiisu bal’inaan kan ilaalameefi qo’atame ta’uu qaba.

Biyya kanatti yeroowwan addaaddaatti akkuma haasaa gaariin of eeggannoon taasifame bu’aa milkaa’aa argamsiise kan mootummaafi ummata jidduutti qaawwa uume, darbees fincilaaf ka’umsa ta’e mul’achaa turaniiru.

Gama kanaan Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad bardheengaddaa akkuma muudamaniin haasaa milkaa’aafi tasgabbeessaa taasisaniin biyyi bittinnaa’uuf qarqararra turte akka bayyanattu taasisuusaa yaadachuun barbaachisaadha.

Haasaansaanii yeroo danuu namoota baay’ee kan fayyisu, tokkummaa kanlallabu, addaaddummaa xixiqqoo kandhiphisu, ummata mara biyya alaafi keessa jiru maddiisaanii akka hiriirsu kan taasiseedha. Kanaafis miira deggarsaa Waxabajjii 16 bara 2010 adeemsifame yaadachuun gahaadha. Haasaan dadammaqsaa tibbuma sana galma Barkumeetti taasisanis akkasuma.

Haasaan isaan lammiileefi dhalattoota Itoophiyaa waggootaaf amantii, ilaalcha siyaasaafi sanyiidhaan walqoqqoodaa turaniif magaalota Ameerkaa Kaabaa kanneen akka Minisotaa, Loosaanjalas, Firaankifarti,  akkasumas magaalota Awurooppaa addaaddaatti taasisan abdii qabeessaafi tasgabbeessaa ture.

Adeemsa akkanaa keessa tokko tokkoon jechoota keessumaa kan dura bu’oota biyyaas ta’e siyaasaa iddoowwan danuutti hiikamuu waan danda’aniif akkuma jechoota babbareedoo filachuuf ifaajjan jechootaafi yaadota hiika biraa qabaatii mufannaa uumuu malanirraa of eeggannaa cimaa gochuun daran barbaachisaadha; haalli keessa jirru of eeggataa sirbuu gaafata waan ta’eef.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Ebla 18/2011

Recommended For You

5 Comments to “Ilaallataa sirbuu wayya”

  1. Pingback: noonoo.org
  2. Pingback: Browning shotguns
  3. Pingback: faw99

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *