“Fayyadama miidiyaalee hawaasaarratti daangaan taa’uu qaba” -Gaazexeessaa Mohaammad Adamoo

Yeroo qabsoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) sana namoonni hedduun mormiin Oromoo xiyyeeffannaa addunyaa akka argatuuf gumaacha taasisaniiru. Keessumaa Oromoonni biyya alaa jiraatan gareenis ta’u dhuunfaadhaan haalaa mijateef hundaan dhimmichi gurra mootummootaa akka argatuuf gumaachaa turaniiru.

Akka duunfaatti miidiyaa addunyaa, Aljeziraarratti Ingiliffaan gabaasawwan garagaraa dhiheessuudhaan, marsariitii ‘OPride’ jedhamu hundeessuun waa’ee Itoophiyaa keessumaa kan Oromoo beeksisuudhaan, Oromiyaa Miidiyaa Networki (OMN) akka hundaa’uuf humna qabu hunda fayyadamuun umuriisaa dargaggummaatti Oromoof waa baay’ee gumaacheera; Gaazexeessaa Mohaammad Adamoo.

Mohaammad dhalatee kan guddate yeroos Godina Baalee (amma Arsii Lixaa), Aanaa Dodolaatti. Barnootasaa sadarkaa tokkoffaas achumatti kan barate yoo ta’u, sadarkaa lammaffaammoo Adaabbaatti barate. Barnootasaa sadarkaa lammaffaan xumuruun Finfinneetti Kolleejjii Hojii Daldalaa Finfinnee (Addis Ababa Commercial College) seenuun waggaa tokkoofi walakkaaf baratee ALA dhuma bara 2002 affeerraa daaw’annaa Ameerikaa argatee deeme.

Yeroo inni sadarkaa lammaffaa baratu bosona Baalee gubataa tureef hiriyyootasaa wajjin barattoonni abidda dhaamsuu deeman maaliif hidhamu jedhu kaasaa turan. Erga gara Finfinnee dhufees sochii barattootaa keessa seenuun Bakka Bu’aa Waldaa Barattoota Oromoo Kolleejii Hojii Daldalaa ta’uun mormiisaa dhageessisaa tureera. Barruulee Afaan Oromootiin qophaa’an keessatti adda durummaadhaan hirmaateera.

Erga biyyaa ba’ee waggoota 16 yoo ta’u, takkaayyuu as hindeebine. Wayita ammaa garuu gara biyyaatti deebi’uun ummatasaa caalaatti itti siqee tajaajiluuf sochii eegalera. Daarektara OBN ta’ee muudamee ji’oota muraasaaf hojjetus hojii biraatiif kaadhimamee irraa ka’e. Gaazexaan Bariisaas Guyyaa Pireesii Addunyaa torban dhufu biyya keenyatti kabajamu sababeeffachuun Gaazexeessaa Mohaammad Adamoo wajjin dhimmoota eeramaniifi kanneen biroorratti turtii taasiseera; dubbisa gaarii.

Bariisaa: Akka Ameerikaa deemteen maalirratti bobbaate?

Mohaammad: Kaniin deeme akka daawwataatti waan tureef jalqaba kolugaltummaan gaafadhe. Ittaansee akka haaraatti kolleejii seenuun Yunvarsiitii Miniisootaatti Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Biyyoolessaa baradhee digrii jalqabaa fudhadhe. Digrii lammaffaa ammoo Yunvarsiitii Kolombiyaa, Niyorkitti argamutti gaazexeessummaafi Hariiroo Biyyoolessaatiinin  fudhadhe.

Bariisaa: Barnoota cinaattoo maal hojjetaa turte?

Mohaammad: Biyya alaa yommuu deemtu waa baay’ee hojjetta. Akka biyya kanaatti hojii filachuun hinjiru. Hojjechaa waanin baradheef hojii namni biyya kanatti garagalee hinilaalle kanneen akka qulqulleessummaa, mana bunaatti buna danfisuu, warshaa keessaafi kkf hojjedheera.

Eddiin barumsa koo xumuree booda hawaasa tajaajilurratti bobba’e. Bara 2008 dhaabbata Laayibeeriyaa tokko keessa, Afrikaanota sababoota adda addaatiin baqattummaadhaan biyyaa ba’aan mana barnootaatti leenjii kennuufi haala mijeessuun hojjedhe.

Kana malees waggaa sadii oliif Yunvarsiitii Miniisotaatti haalatti ijoolleen harka qal’eeyyiifi maatii hinbaranne keessaa ba’an carraa barnootaa argatan, erga baratanii ammoo haala maatiifi biyyasaanii gargaaranirratti leenjii kenneera.

Kana maddiittis hawaasa Oromoo ijaaruu, hiriirota mormii qopheessuufi kkf irratti otoon hirmaachaa jiruu gara Buufata Televizhinii Aljeziiraatti  gara hojii gaazexeessummaatti dhufe.

Bariisaa: Hojii gaazexeessumaa Buufata Televizhinii Aljeziiraatti jalqabde jechuudhaa?

Mohaammad: Eeyyee, buufaticha keessa waggoota shaniif qopheessuummaafi gulaalummaan hojjedhe. Sana booda Baankii Addunyaafi dhaabbilee birootti hojii gorsuufi kominikeeshiniirra hojjedheera.

Bariisaa: Yommuu Aljeziiraa keessa hojjetaa turtetti mormii Oromoorratti haala kamiin  hojjetaa turte?

Mohaammad: Jalqaba ani gaazexeessaa nan ta’aa jedhee abjoodhee hinbeeku. Hawwiin koo dippiloomaatii ta’uu ture. Gaafan digriikoo lammaffaa barachuu yaadullee mana barnootaa 10tti iyyata galfadhee Kolombiyaatti argadhe.

Bara 2007 barnootakoo xumuruuf waggaan tokko yommuu na hafu Waldaa Biyyoolessaa Dargaggoota Oromoo (‘International Oromoo Youth Association’) jedhamu Jawaar Mohaammadifaa waliin hundeessine. Kanaanis “Miidhaan Oromoorra ga’aa jiru xiyyeeffannaa argachuu qaba” jennee yommuu sochonu gaafiin, “Oromoo maalinni?” jedhu ka’aa ture.

Kanaaf nuti barachaa jirra; teknolojiin miidiyaa ittiin hojjetamaa tures tola waan ta’eef Miniisotaatti hiriira guddaa ‘Ten thousand people match for Oromia’ jedhamu qopheessine. Kaayyoonsaas nama kumoota 10 taanee sagalee keenya yoo dhageessisne. Kana booda sagaleen Oromoo ukkaamamuu hindanda’u jennee waan yaadneef mana manarra deemnee namoota kakaasnee, miidiyaalee naannawaa hunda waamnee hiriira adeemsifne.

Waanti nama gaddisiisu garuu miidiyaa tokko qofatu dhufe. Kun waan daran hamilee nama cabsuudha. Kanarraa ka’een lammata hiriira hinbahu jedhee murteesse.

Bariisaa: Achii hoo?

Mohaammad: Ani Ingiliffa sirriittin danda’a. Kanaaf gadi taa’een waan Oromoon addunyaatti himachuu barbaadu  barreessuun qaba jedheen murteesse. Kanarraa ka’uun hiriyaa koo wajjin taanee ‘OPride’ hundeessine. Yeroo kanas gaazexeessaa ta’een ittiin beekamee jiraadha kan jedhuun osoo hintaane namoota baay’ee biraan ga’uu dandeenya isa jedhuuniin barreessuutti seene. Kana malees buufata TV Oromoo jedhamurras hojjechaan ture. Kanatu gara gaazexeessummaatti na geesse.

Gaafa ‘Oromo Protest’ sanas yaadni ture kanuma. Manni barnootaa ani itti baradhe beekamaadha. Namoonni ani wajjin baradhe hedduun miidiyaa guguddaa keessa jiru. Anis miidiyaalee wajjin hariiroo uummachuuf carraan qaba ture. Yommuu sagaleen Oromoo asii guddatee humna qabaachaa dhufu nutimmoo sagalee caalu ta’uufii akka qabnun murteesse.

Hubannoon achi jiru Itoophiyaa keessa mormiin jira isa jedhu malee, achi keessaa eenyutu? maaliif morma? kan jedhu hinhubatamu ture. Kanaaf carraan qabutti fayyadamee fedhiifi gaaffiin sabichaa maal akka ta’e hubachiisuuf yaaleera.

Namoota biroofis riqicha ta’uun akka gara miidiyaatti dhufaniif namoota akka Doktar Awwal Aloo, Doktar Huseen Hasan, Tsadaala Lammaafaa gara miidiyaatti akka dhufan taasise. Kanneen akka Piroofesar Mararaa Guddinaa, Obbo Leencoo Baatii, Jawaar Mohaammadiifi kanneen biroo ammoo akka miidiyaa biratti beekamtii argataniif carraaqeera.

Kanaan hamma tokko milkoofneerra jedheen yaada. Har’a yoo xiqqaate gaafiin “Oromoon maali” jedhu deebii argateera.

Bariisaa: Otoo waa’ee OPride’ xiqqoo nuu ibsitee?

Mohaammad: Moggaansisaa Oromoo ‘Pride’ (sabboonummaa Oromoo) isa jedhurraa dhufe. Kaayyoonsaa, Oromoo ta’uufi lammii Itoophiyaa ta’uun wal hinfaalleessu. Kanaaf Oromoo ta’uu keenya osoo hinwaakkatiin fedhii addaddaa biyyattii keessa jiru keessaa gama Oromoo beeksisuudha. Kana keessatti haala danda’ameen dhaaba siyaasaa kamittuu otoo hinhirkatiin hojjechaa turre.

Yeroo dhihoo asitti yaadni “Isin qaama mootummaa taataniiyi?” jedhu ni ka’a. Sababnisaas qaamni jijjiirama fide biyya kanaaf wabiidha jennee barreessuun keenya namoota waan nuti dursinee hinargine biratti mormii guddaa kaasaa ture.

Gaafan gara Itoophiyaa dhufu baay’ee barreessuurra baay’ee dhaggeeffachuu miira jedhuuniin dhufe. Sababni isaa dhaga’uufi arguun tokko miti. Isan fagootti dhaga’aa ture sirriittin hubachuu barbaade. Namoota qabsoodhaan miidhaman, kan namni jalaa du’e, kanneen mootummaa keessa taa’anii qabsaa’aa turaniifi hoggansarraa baay’ee dhaggeeffachuufin dhufe. Kanaaf ergan as dhufee hojii ‘OPride’ deemsisuu hindandeenye.

Kana malees gara hojii mootummaatti waanin dhufeef walitti bu’iinsi fedhii akka hinuumneef yeroof dhaabuu murteessinee turre. ‘OPride’ kaayyoo milkeeffateera jedheen yaada. Kanaaf boqonnaa biraatiin “Mul’anni Oromoon Itoophiyaa haaraaf qabu maali?” kan jedhuun dhihootti ni deebina.

Sababnisaas amma Oromootu biyya kana bulchaa jira, mul’anni ida’amuu jedhu isarraa dhufe. Kun akkamiin Itoophiyaarra darbee gaanfa Afrikaa fayyada? Kanneen jedhaniifi kkf namoota Afaan Oromoo hindandeenyeef dhageessisuu yaada jedhuun hubachiisuuf ni yaalla.

Kanaanis Itoophiyaa walqixxummaan, nagaan, demokraasiin, dhugaan, seerri keessa jiru uumuuf gara hubannoo uumuutti deemna abdii jedhuun qaba.

Bariisaa: OMN hundeessuu keessatti gaheen kee maal ture? Toban itti fufa.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 18/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Fayyadama miidiyaalee hawaasaarratti daangaan taa’uu qaba” -Gaazexeessaa Mohaammad Adamoo”

  1. Pingback: mega888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *