Bareeessaa Gaaddisaa Birruu Godina Arsii, Aanaa Leemmuufi Bilbiloo, Magaalaa Boqqojjiitti dhalatan. Barumsa sadarkaa tokkoffaa hanga kutaa 8fatti bakkuma dhalootasaaniitti baratan.
Barumsasaanii sadarkaa 2fa kutaa 9fafi 10fa ammoo Magaalaa Asallaatti baratan. Kutaa 11fa akkuma seenaniin leenjii barsiisummaatiif filatamanii Ertiraa, Magaalaa Asmaraatti waggaa 1fa, bara 1966 ammoo Magaalaa jimmaatti waggaa 2fa leenjii barsiisummaa fudhachuusaanii gaafdeebii dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin eeraniiru.
Leenjii booda Godina Arsiitti deebi’anii eddii waggoota ja’aafi ji’oota muraasa barsiisanii booda Yunivarsitii Finfinneetti saayinsii ogbarruu baratanii digrii jaalqabaatiin eebbifaman.
Isa booda yeroo sana Akkaadaamii Afaan Saboota Itoophiyaa kan Ministeera Aadaafi Ispoortii jala turetti miindeeffamuun namoota godinaalee Oromiyaa adda addaarraa dhufan wajjin galmee jechoota Afaan Oromoo qopheessaniiru. Akkaadaamicha keessas waggoota sagaliif hojjetaniiru.
Barreessaan ta’ee Afaan Oromootiin kitaaba barreessuu yaadee hinbeeku. Yeoo sana Afaan Oromoo ittiin dubbatamuu malee afaan ogbarruu, hojiifi barreeffamaa hinturre. Afaan Oromoo maaliif afaan barreeffamaa hintaane gaaffiin jedhu sammuu keessa nadeddeebi’uu jalqabe jedhu.
Yeroo sana namoonni tokko tokko Afaan Oromootiin barreessanii maxxansiisuu baatanis raadiyoodhaan ni seeneffamaaf ture. Afaan Oromoo afaan barreeffamaa gochuu kan qabu Oromoodha. Kanaafuu ani maalan eega jedheen Afaan Oromootiin barreessuu jalqabe jechuun dubbatu.
Asoosama dheeraa, matadureensaa ‘’Waa lama dhabuu” jedhu qubee Saabaatiin barreesse. Gaazexeessaa Saamu’eel Dhaabaas asoosama koo torbanitti al tokko guyyaa Dilbata torban 19f Raadiyoo Itoophiyaarratti seenessee dhiyeessaa ture. Namootni asoosamicha dhagahanis bilbilanii na jajjabeessaa turan jedhu Obbo Gaaddisaan.
Asoosamicha babal’isee gara qubee Afaan Oromootti deebiseen bifa kitaabaatiin qopheesse. Matadureen kitaabichaa, ‘’Kuusaa Gadoo’’ jedhama. Qarshii waanan hinqabneef garuu maxxansiisuu hindandeenye ture. Namoonni ani qarshiidhaan nagargaaru jedhee abdadhes nagargaaruu hindandeenye. Hayyuun Doktar Sambatoo Bushaa jedhaman, kan yeroo sana Ministeera Aadaafi Ispoortii keessa hojjechaa turaniifi kan yeroo asoosamichi seeneffamaa ture dhageeffatan namoota adda addaa irraa qarshii walitti qabanii kitaabichi bara 1983 maxxanfamee gabaarra akka oolu taasisan jedhu.
Barattootni hanga sadarkaa barumsa digrii sadaffaa (‘PhD’)tti jiran kitabicha akka wabiitti itti fayyadamaa jiru. Qabiyyeen kitaabichaa jiruufi jireenya ummata Oromoorratti waan xiyyeeffatuuf dubbistoota birratti jaallatamummaa guddaa argateera.
Kun ammoo kitaabolee biroo akkan barreessuuf bu’uura naaf ta’e. Raabsi kitaabichaa waan abdii na kutachiiseef garuu lammata kitaaba hinbarreessu jedheen murteessee ture.
Ollaan bultee beekaa, akka itti bule abbaatu beeka jedha Oromoon. Namoonni garuu ati akka kuruphee tokko dhaltee maseentee akkamitti kitaaba tokkoon hafta jedhanii kitaaba biraa akkan barreessuuf na kakaasaa turan jedhu Bareessaa Gaaddisaan.
Anis rakkoon duraan keessa ture irraanfadheen waggaa 10 booda kitaaba koo lammataa mataduree ‘’Dhaamsa Abbaa’ jedhu maxxansiise. Kitaabni kun akkuma kitaaba koo jalqabaa asoosama dheeraadha. Kana malees kitaaba koo sadaffaa mataduree “Fedhii Gamtokkee” jedhamu maxxansiiseera. Kitaabni kun barreeffama matadureewwan adda addaa of keessaa qaba jedhu, barreessichi.
Obbo Gaaddisaan, Waldaa Barsiisota Oromoo ogummaa keenyaan ni gargaarra jechuun barreessitoota Oromoo torba waliin asoosamoota walitti fidnee waldichaaf kitaaba maxxansiifne. Asoosamoota kitaabicharratti maxxanfaman keessaa maqaa kitaabichaa kan ta’e asoosama ani barreesse kan matadureensaa “Namummaa’’ kan jedhamuudha jedhu.
Bara 2007 ammoo kitaaba koo afraffaa mataduree ‘’Burreen bifa tokko miti” jedhamu maxxansiiseera. Kitaabni kun asoosama dheeraadha. Yeroon kitaaba Afaan Oromootiin barreessuu jalqabetti namni barreessu baay’ee hinturre.
Barreessitoonni afaanichaan barreessaa turanis ija addaatiin ilaalamaa turan. Namoonni yeroo sana Afaan Oromootiin dubbachuu, barreessuufi dubbiisuutti qaana’aafi sodaachaa turan. Yeroo ammaa garuu dhiibbaan akka yeroo sanaa hinjiru jedhu.
Barreessuufi dubbisuun walitti dhufeenya kallattii qabu. Nama dubbisutu kitaaba barreessa. Barreessuu dura dubbisuun filannoo utuu hintaane dirqama. Barreessaan yaada dabalataa kan argatu dubbisuudhaani. Barreessitoonni Itoophiyaa hedduun saayinsii ogbarruu utuu hinbaratin dubbisuu qofaan kitaabota hedduu barreessaniiru. Dubbisuun ergaafi yaada barreessitoonni cuunfanii dhiyeessan fudhachuun beekumsa horachuufi gabbifachuuf gargaara.
Kitaaba ergifataniis ta’e bitanii dubbisuun ni danda’ama. Kitaaba bitanii utuu hindubbisin kaa’uurra namoota dubbisaniif kennuu wayya. Dubbisuuf yeroo dhabuun mallattoo dhibaa’ummaati. Yoo yeroo dhabnellee sa’aatii hirriba keenyaarraa hiri’ifnee dubbisuu qabna jedhu.
Barattoonni yeroo harki caalaan kitaaba irraa baratanis ta’e dabtara isaanii sirriitti hindubbisan. Barataan hindubbifne ammoo beekumsa ga’aa qabaachuufi qabxii olaanaa galmeessisuu hindanda’u.
Barataa sirriitti dubbisu waliinis dorgomuu hindanda’u. Barattoonni aadaa dubbisuu horatanii akka guddatan taasisuuf maatii, barsiisaafi qaamoleen dhimmichi ilaallatu deggersa barbaachisu taasisuu qabu.
Manneen kitaabaa qaqqabamaa taasisuufi kitaabota barbaachisaniin guutuun akkasumas hawaasni aadaa dubbisuu akka horatu taasisuun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha.
Natsaannat Taaddasaatiin
Bariisaa Ebla 18/2011
3 Comments to “Barreessaa Gaaddisaa Birruufi hojiileesaanii”