Nageenya mirkaneessuun Xiyyeeffannaa ittaanu ta’uu qaba

Ayyaanni hundeeffama ODP waggaa 29fafi adeemsi injifannoo waggaa tokkoffaa torban achi aanu Magaalaa Jimmaatti jiraattonni magaalattiifi naannawashee, hoggantoonni mootummaa, maanguddoonni, barattoonniifi artistoonni adda addaa argamanitti kan geggeeffame.

Sirnicharratti kan dubbisne jiraataan Magaalaa Jimmaa, Obbo Yaasin Abbaasaambii akka jedhanitti, erga Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufanii waggaa tokko keessatti waan ajaa’ibaa argine. Jijjiiramoonni waggaa tokko keessatti galmaa’aa jiran rakkoolee waggoota darban keessa turre nu irraanfachiiseera. Jijjiiramichi akka itti fufuuf deggarsa barbaachisu ni taasifna.

Dargaggoo Abdii Mahaammadis, waggaa tokko dura ODP deggeree, waltajjii paartichi qopheessurrattis argamee hinbeeku. Yeroo ammaa garuu jijjiirama paartichi galmeessisaa jiru guutummaatti deggeraan jira. Waltajjiiwwan qophaa’anirrattis hirmaachaan jira jedha.

ODPn erga haaromee as waan ummatni Oromoo fedhu qabatee socho’aa waan jiruuf deggaruu qabna. Paartichis keessumaa rakkoo hojdhabdummaa dargaggootaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Haaromsi gubbaatti eegalame hanga dakaatti ittifufsiisuu qaba jechuun ibsa.

Miseensi koree raawwachiiftuu hojii ODPfi Ministirri Galiiwwanii, Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin, ummatni Oromoo jaarraa tokkoo oliif dirree siyaasaa irraa gara moggaatti otuma beekumsaafi qaroomina qabuu dhiibamee ture. Amma garuu moggaarraa gara giddugaleessaatti deebi’uun seenaa haaraan galmaa’aa jiraachuu eeran.

Ummatni Jimmaa hawaasa nageenyasaa eeggatu, bu’aa qabsoo Oromootti qilleensa hingalchineefi qilleensa dhufeen hinraafamne, misoomaaf onnatu, dubbii bilchinaan xiinxaluufi obsaafi tasgabbii qabuudha jedhan.

Daandii dhugaa qabannee qabsaa’uudhaan waan karaarraa maqe iddootti deebisuun akka danda’amu mirkanaa’uusaafi akka kaleessaa boo’anii boossisuun, gaddanii

 gaddisiisuufi godaannisa hooqqachuun akka hinbarbaachisne dubbatu. Kkanaan booda isa boo’urraa imimmaan haqaa kan dubbatamu hojiidhaan mirkaneessuuf kutannoon akka ka’amu dubbatu.

Shirri xaxamaa jiruufi ajandaan sobaa bocamaa oolu baay’atus humna ummataatii ol miti jedhanii, ittigaafatamummaa olaanaa akka ummataatti fudhatame injifannoo olaanaadhaan xumuruuf caalmaatti gamtoomnee socho’uufi boqonnaa malee hojjechuun murteessaa ta’uu ibsu.

“Saboota, sablammootaafi ummattoota ofitti qabnee waliin hojjechuudhaan mijuu jaalalaa sirna Gadaa unachiisuudhaan siyaasa jibbiinsaa hundeerraa buqqisuu eegalle cimsinee itti fufna. Ergama kana milkeessuufis hoggantoonniifi miseensonni ODP ummata madda cimina keenyaa isa hangafaa goonee waliin hojjechuutu nurraa eegama” jedhan.

Obbo Baadimmaa Dallalaa Amaaraa Dimokiraatik Paartii (ADP) bakka bu’uun ibsa deggersaa ayyaanichaa irratti dabarsaniin akka jedhanitti, dhuunfaadhaanis ta’e gareedhaan hojiilee nuti hinraawwatin hafan hedduun waan jiraniif adda addummaa keenya duubatti dhiisuun dhimmoota nu utuban irratti xiyyeeffannee tokkummaan hojjechuutu nurraa eegama. Yaadonni paartii keessatti ka’an hundi olaantummaa paartii ykn saba tokkoo qofa fiduuf akka hintaane jala muramee hubatamuu qaba. Kanaafis ADPn jijjiiramichaa itti fufsiisuuf ODP waliin kutannoon kan hiriiru ta’uu himan.

 Bariisaa Ebla 4 /2011

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

14 Comments to “Nageenya mirkaneessuun Xiyyeeffannaa ittaanu ta’uu qaba”

  1. Pingback: DevOps consulting
  2. Pingback: anonymous
  3. Pingback: dultogel
  4. Pingback: ltobet
  5. Pingback: buôn lậu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *