Boordichi bilisaa ta’uusaa mirka­neessuuf hojjetaa jiraachuu ibse

Boordiin filannoo bi­yyaalessaa hanga caasaa ga­diitti qaama bilisaa ta’uusaa mirkaneessuuf fooyya’insa gochaa jiraachuu beeksise.

Walittiqabduun boordi­chaa, Dubree Burtukaan Miidhagsaa akka jedhanitti, boordichi qaama bilisaa ta’uusaa hanga aanaatti mirkaneessuuf fooyya’insa seeraarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Fooyyessawwan seeraa taasifaman keessaa yeroo dhiyootti paarlaamaadhaan kan ragga’e eeruun, adeem­sa filannoo raawwachiiftum­maafi leenjii iftoominaafi ogummaa bu’uureffatee akka adeemsifamuuf qoran­nowwan taasifamaa jiru jed­haniiru.

“Fooyya’insi gochuu qabnu kan asiifi achii walitti suphame otoo hintaaane kan duriirraa adda ta’uu waan qabuufi” jechuun xiyyeef­fannoo kenname ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, raawwachiistonni filannoo kanaan dura dura adeem­sifamaa turerratti hirmaataa turan miseensa paartii bayya bulchuu ta’uusaaniirratti iyyannoon dhiyaachaa tu­reera.

Kana hambisuuf filannoo ittaanutti paartiin biyya bul­chuufi morkattoota otoo hin­jedhamiin raawwachiiftota amanamoo, dandeettii qaba­niifi leenjii kennamuuf fud­hatanii sirriitti raawwachtan filachuuf biyyoota biroorraa muuxannoon fudhatamee qo’atamaa jira jedhaniiru.

Yeroo gabatee filannoo ilaalchisees filannoon naan­nawaafi waliigalaa yoom akka adeemsifamu murtees­suufi ummatatti beeksisuun aangoo boordichaa ta’uus Dubree Burtukaan dubbata­niiru.

Ta’us haala yeroo, heeraafi seerota birootiin eeraman jijjiiruun aangoo boordichaa akka hintaanes ibsanii, “filannoo gegeessuuf jecha filannoo hintaasifnu” jedhaniiru.

Filannoon haala fooyya’aa fiduuf taasifamuu akka qabu kan dubbatan walitti qabduun boordi­chaa, filannoo ittaanu filannoow­wan hanga ammaatti taasifamanirra fooyya’aafi ummata biratti aman­amaa gochuuf hojjetamaa jira jed­han.

Qophichi yeroo hangamii akka fudhatuufi Itoophiyaatti haalli na­geenyaa filannoo gaggeessuuf kan dandeessisu ta’uusaa ni qoratama jedhan.

“Bu’uura heerarratti tumameen gabatee yeroo kaa’ameetti filanni­cha geggeessuu hindandeenyu jen­nee kan amannu yoo ta’e, tokko tokkoon kaa’uun qaama dhimmi ilaallatuuf gaaffii dhiyeessina” je­chuun ibsan.

Filannoo bara 2012 adeemsifa­murratti boordichi bilisa ta’uusaafi amanamummaasaa mirkaneessuuf labsii hundeessaafi seera filannichaa fooyyessuuf hojii hojjetamaa jiru ni eeramu jechuu kan gabaase BIO­dha.

 Bariisaa Ebla 4/ 2011

Recommended For You

4 Comments to “Boordichi bilisaa ta’uusaa mirka­neessuuf hojjetaa jiraachuu ibse”

  1. Pingback: fortnite hacks
  2. Pingback: pglike
  3. Pingback: sex boy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *