Shaampiyoona qaxxaamura biyyaa addunyaa olaantummaan Itoophiyaatiin xumurame

Finfinnee: Dorgommiin qaxxaamura biyyaa waggaa lamatti al tokko biyyoota adda addaatti kan qophaa’uu yoo ta’u, atileetonni addunyaa beekamoon irratti qooda fudhatu. Jaalattoonni ispoortii atileetiksiis guyyicha hawwii olaanaadhaan eegu.

Dorgommiin kun baranas yeroo 43faf Deenmaarki, Magaalaa Arihusitti  Dilbata darbe adeemsifameera. Dorgommichi fiigicha kiiloo meetira 10 dhiirotaafi dubartoota beektotaan, kiiloo meetira saddeet atileetota dhiiraa dargaggootaafi dorgommii walmakaa beektootaa, akkasumas shamarraniin kiiloo meetira jahaan adeemsifameera.

Dorgommiiwwan kanneenirratti akkuma kanaan duraa atileetonni Itoophiyaa korniyaawwan lamaaniinuu gareefi dhuunfaadhaan olaantummaasaanii mirkaneessaniiru.

Dorgommicharratti Itoophiyaan meedaaliyaa warqii shan, meetiifi nahaasa sadii sadii, walumaagalatti meedaaliyaawwan 11 argachuun addunyaarraa tokkoffaa taateetti.

Biyyattiin dorgommii jalqabaa ALA bara 1973 yeroo saglaffaaf Ispeen, Maadiriiditti adeemsifamerratti hirmaachuun dhuunfaan lammaffaa gareedhaan tokkoffaa ta’uun  maqaa masoo ‘Galaana Magariisa (The Green Flood)’ jedhamu argattee kaasee gabatee meedaaliyaa keessaa baatee hinbeektu.

Itoophiyaan dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa kanarratti ALA bara 1973 irraa kaastee hirmaachaa turuun kan baranaa dabalatee yeroo kurnaffaaf addunyaarraattis Afrikaarrattis tokkoffaa ta’uun ishee kan yaadatamuudha.

Jilli atileetiksii Itoophiyaa Wiixata darbe wayita biyyatti deebi’u aanga’oonni mootummaa, bakka bu’oonni Koree Olompikii Biyyaalessaafi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, kilaboonni atileetiksiifi waldaalee ispoortii haala miidhagina qabuun Finfinnee, Hoteela Araaraattitti simataniiru.

Sirna kanarratti argamuun haasawaa kan taasiste Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi dursituun garichaa, Koloneel Daraartuu Tulluu akka ibsitetti, Itoophiyaan eddii dorgommii qaxxaamura addunyaarratti hirmaachuu jalqabdee yeroo tokkollee meedaaliyaa warqii malee galtee hinbeektu.

Dorgommii baranaa kanaafis xiyyeeffannaa olaanaa kennuun atileetonni hirmaatan guyyoota 45f shaakala cimaa gochuusaanii eertee, bu’uuruma kanaan karoorr meedaaliyaa argachuuf qabame milkaa’uu himteetti.

Atileetonni dorgommicharratti hirmaatan dandeettii qabaniin kan filataman ta’uu eertee, kunis bu’aa argameef gumaachuu ibsiteetti.

Waggaa 27n har’aa Olompikii 25fa Ispeen, Baarseeloonaatti adeemsifametti fiigicha meetira kuma 10n Afrikaafi Itoophiyaaf meedaaliyaa warqii jalqabaa kan argamsiiste Daraartuun, wayita isheen Pirezdaantii Federeeshinii Atileetksii Itoophiyaa taatee hojjetaa jirtutti injifannoon kun galmaa’uusaatti gammaduushii ibsiteetti.

Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Biyyoolessaa ‘IAAF’ fiigicha meetira kuma shanii dorgommii Liigii Daayimandii keessaa haquusaa mormuun pirezidaantii federeeshinichaa wajjin mar’achuushiis dubbateetti.

Atileetonni qabxii milkaa’inaan deebi’an kunniin shaampiyoonaa atileetiksii dargaggootaafi beektotaa Afrikaafi Addunyaa, akkasumas Olompikiin Tookiyoo waan isaan eeggatuuf caalaatti cimanii hojjechuun akka qabanis gorsiteetti.

Dorgommii kanaan dhuunfaafi gareedhaan meedaaliyaawwan warqii lama kan argate Atileet Milkeessaa Mangashaa dorgommichi daran cimaafi iddoon itti gaggeeffame mijataa ta’uu baatus onnee guutuudhaan fiigee abbaa injnifannoo ta’uu ibseera.

Dargaggoo umrii 19fi atileetii kilaba Sabbataa kan ta’e Milkeessaan, dorgommii kan jalqabe bara 2007 akka ta’eefi sadarkaa biyyoolessaatti muuxannoo ga’aa  akka hinqabne beeksisera.

Atileetonni meedaaliyaa warqii argamsiisan qarshii kuma 30, kanneen meetii  kuma 20, nahaasni ammoo kuma10, waraqaa ragaa argatan qarshii kuma ja’aafi hirmaatonni ammoo kuma sadii walumaagalatti qarshii kumni 650 badhaasaaf dhihaachuun beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

3 Comments to “Shaampiyoona qaxxaamura biyyaa addunyaa olaantummaan Itoophiyaatiin xumurame”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *