Luusiiwwan carraa harkasaanii galte ofitti dhiphisan

Fifinnee: Olompikiin ammayyaa ALA bara 1896 eddii jalqabamee  waggoota 223 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti biyyoota miseensota koree Olompikii biyyoolessaa adda addaatti yeroo 31f adeemsifameera. Yeroo 32fa gaggeeffamuf ji’oota 15 qofatu hafa.

Olopmpikii 32fa kana Jaappaan, Tokiyootti keessumeessuuf waggoota jahan darbaniif Istaadiyoomoota akaakuuwwan ispoortii adda addaarratti gaggeeffaman ijaaruu, haaromsuufi suphuudhaan halkanii guyyaa hojjetamaa tureera.

Olompikiin kunis akkaakuuwwan ispoortii gara 35 oliin adeemsifama jedhamee eegama. Biyyoonni taphawwan kanneenirratti hirmaatanis akaakuuwwan ispoortii ittiin  hirmaataniin  taphawwan gulaalaa adeemsifachaa jiru.

Itoophiyaanis miseensa korichaa waan taateef korniyaawwan lameeniinuu   kubbaa miilaa, atileetiksiifi daakaa bishaan, bunyaafi biskileetaan dhiira qofaan hirmaachuuf taphawwan gulaalaa adeemsifachaa jirti.

Haaluma kanaan gareen Olompikii  kubbaa miilaa dubartootaa tapha gulaalaa duraa Roobii darbe Istaadiyoomii Finfinneetti garee dubartoota Ugaandaa wajiin taasifateen 3-2n mo’ateera.

Walmorkii dubartoonni umrii 23 gadii irratti hirmaatan gulaalaa kanatti gareen Itoophiyaa ”Luusiiwwan” hanga taphichi raawwachuuf daqiiqaawwan muraasaa isa hafutti 3-0n dursaa jirus daqiiqaawwan lama keessatti galchoota lama keessummeessuudhaan  3-2 adda bahuuf dirqameera.

Luusiiwwan guyyoota hedduuf iddoo tokkotti walitti qabamuudhaan shaakalaa turuusaanii malee taphattoota kilaboota liigii piriimeerii keessatti hirmaachaa jiraniifi garee biyyaalessaafis taphachuudhaan muxannoo qabaniin kan ijaarame yoo ta’u, galchoota kana keessummeessuutu irra hinture.

Gareen kun qabxii dhiphoo tanaan mo’achun isaa tapha deebii kan torban lama booddee Ugaandaa, Kaamppaalaatti adeemsifamutti mo’achuuf abdiin qabu dhiphaa ta’uu muldhisa.

Uggaandaan tapha deebii biyyasheetti taasifatutti 1-0n yoo mo’atte tapha ittaanuf darbuuf carraanshee baldhaadha. Carraan Itoophiyaas sanuma jechuudha.

Walmorkii deebii kanatti biyyoota lameen keessaa kan mo’atu garee dubartoota Kaameeruun wajjin taphata jedhamee eegama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

2 Comments to “Luusiiwwan carraa harkasaanii galte ofitti dhiphisan”

  1. Pingback: คายัค
  2. Pingback: Read Full Article

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *