Finfinnee: Bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dawaa dabalatee naannoleen martinuu irratti qooda fudhachaa kan jiran taphawwan guutuu manneen barnoota Itoophiyaatti Oromiyaan qabxii olaanaadhaan dursaa jirachuusaa beekameera.
Taphawwan manneen barnootaa sadaffaa kun qopheessummaa naannoo Tigiraayin, magaalaa Maqaleetti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, taphawwan hanga Roobii darbeetti naannoon Oromiyaa dursaa akka jiru beekameera.
Oromiyaan dursaa kan jiru dorgommii atileetikisii kornaa lameeniin adeemsifameetti meedaaliyaa warqii 22, meetii 19fi nahaasa 11n, walumaagalatti meedaaliyaawwan 52n dursaa jira jedhameera.
Walmorkii daakaa bishaaniin ammoo meedaaliyaawwan warqiifi meetii shaniifi nahaasa afuriin dimshaashumatti meedaaliyaawwan 14 fudhachuudhaan gabatee meedaaliyaatiin dursaa jira.
Walmorkii kubbaa kaachoo dhiirota jiddutti adeemsifameen Oromiyaan qopheessaa
shaampiyoonichaa naannoo Tigiraayi 49-45n mo’achuu danda’eera. Akkasumas ulfaatina kiiloo giraama 42 kan dubartootaa kaasuutiin tokkoffaa ba’uunsaa beekameera.
Taphni guutuu manneen barnootaa Itoophiyaa bara 2011 istaadiyoomota magaalaa Maqaleetti adeemsifamaa jiru kun iftaan Istaadiyooma Maqaleetti xumurama jeedhameeti eegama.
Bariisaa Bitootessa 20/2011
alo 789: alo 789 dang nh?p – alo789 dang nh?p
Helpful and well-written. I’ll definitely be referencing this again. Looking forward to your next post! my website
Spot on! For those who still don’t have it, here’s the WinRAR官网 to get started.
Great content. The 搜狗输入法 has always been reliable for me.
I really like your writing style, I benefited a lot after reading this article, I also wrote a related content, welcome to discuss:搜狗输入法