Jechi ‘keenyaa’ baay’ate orma keenyatti boochise

“Goda marqaa jennaan ijoolleen fal’aanaan yaate” jedha Oromoon. Jaarraa 21fa kana keessa nama miti horiin marga dheedduyyuu kansaaf kan ormaa adda baasee beeka. Jaarreen sarabayii, ‘waan hundumaa keenya’ jedhan kanaa garuu hooda.

Ummatni Oromoo hariiroo hawaasu mmaa isaa cimsuu keessatti aadaa hawwataa saba mara waliin isa jiraachisu uumamumaan kan gonfate yoo ta’u, jaarraawwan hedduuf dhala ormaa simachuun akka kan mataasaatti guddisaa hiyyuma keessaa baasaa akka lubbuu horatan gochaa tureera.

Isa kanaafis beekamtii inni akka addunyaatti qabu sabootaafi sablammoota biroof galtee irraa baratamuu qabu ta’ee kan tajaajiludha. Akka agarsiistuutti, “Xaanaanis keenya” jecha jedhuun qeerroon Oromoo gurmaa’ee aramaa abaarsaa hara Xaanaa hudhee qabate kana salphisuuf deeggarsa aantummaa gochaa tureera.

Faanoonis warraaqsa qabsoo siyaasaa qeerroon Oromoo gaggeessaa ture utubuuf, “Lammaan keenya, Abiyyiin keenya” jechaa lafa dhiitaa biiftuu bilisummaa har’a akka fedhan isaan dubbachiiste kana ijaan arguu danda’aniiru. Galata qeerroo kan jedhanillee kumaatama turan. Yaa ta’uutii jechi ‘keenya’ jettu kun babal’achuusheen kara deemaan ykn sarabayiin marti waan arge keenya akka jedhu kan taasise fakkaata.

Adeemsa keessa garuu jechi keenya qabsoo keessatti kaleessa babal’achaa ture galagaltoo miilli mataa hooqa akkauma jedhamu, har’a orma keenyatti boochisuu kan eegale fakkaata. Sabni kaleessa Oromiyaa golgaa rakkinasaaf bakka hurgufannaa gadadoo taasifataa ture, “Sulultaan keenya, Finfinneen keenya” jechaa dhaala akkoof akaakayyuusaarraa hin arganneen jecha warraaqsaa keenya jettuun kan Oromoo kan ofii godhachuuf kaka’uutti jira. Akka jechama Oromootti namni tokko kan ormaatti yoo kaka’e du’asaatu ykn du’ashiitu jala gaheera jedhama. Dubbiin keenyaa kan ormaatti nama boochisaa jirtu kun har’uma kichuutti aramamuu baannaan akka aramaa ‘Inbocii’ daangaa babal’ifachuunshii hin oolu.

Kan afaaniin firaa gabaayyuu jira akkuma jedhamu irra bareedanii akka qoree dhoqqee keessaa leellistoonni sirna doofaa waraana dhokataa Oromoorratti labsaa turan jecha kaleessa fira itti fakkaachaa turan sana dhugoomfachuuf kan roorrisan ta’uu ifatti mul’isaa jiru. Sobdi malee warri waaroo dhaamotti akkuma jedhamu kaleessas gadadoo keessa jiran keessaa bahuuf hirkatanii waam hundaa keenya jechaa kan turan ta’us keessa isaaniitti summii dhokataa galaafatanii deemaa turuusaanii ibsi afaansaaniirraa bahaa jiru agarsiistuudha.

Ilaalcha ofittummaa akkasiimmoo gamanumaa akka dhufetti deebisuudhaa baannaan hammaataa ta’uu waan dandahuuf Oromoon qabeenyasaa kabachiifachuuf yoomuu caalaa dammaqee dhaabachuun irra jiraata. Dirree dimokiraasii bal’isuu jechuun kan ormaatti boo’uu jechuu osoo hintaane mirga ofii daangaa seeraa keessatti kabachiifachuuf warraaquudha malee kan ormaatti maraachuu jechuu miti. Oftuultonniifi harcaatonni sirna doofaa leellisan akka bara ilkaan qabanii sana afaan banuu barbaadanis saree ilkaan hinqabne waan ta’aniif hagas mara jeeqamuun barbaachisaa miti.

Shirri yeroorraa yerootti leellistoota sirna doofaa durii galaafatanii deemaniin xaxamaa jiru warraaqsa siyaasaa qabsoo hadhaahaan argame busheessuun warraaqsa dinagdee eegalame gufachiisuuf kaatu magaalaa Finfinnee keessatti babal’achaa jira. Keessumattuu farreen jijjiirama kanaa ta’uun warreen mul’achaa jiran hedduunsaanii dargaggoota sarabayii walitti qabuun jeequmsi akka babal’atuufi qabeenyi Oromootaa akka barbadaa’u yaalii garagaraa gaggeessuutti jiru.

Akka agarsiistuutti tibbana Magaalaa Finfinnee naannawaa Boolee Madaanaalamiitti baankota maqaa Oromoon hundaahaniiranirratti yaaliin saamichaaf diigichaa gaggeeffame dhimma xiyyeeffannoo seeraafi kutannoo siyaasaa barbaadudha Qaamonni kunneen tarkaanfii madaalawaan hanga irratti hinfudhatamnetti shirasaanii kanarraa kan of qusatan hin fakkaatani.

Dirree dimokiraasii babal’isuu jechuun sarabayiin ykn joortuun akka fedhe akka taatuuf haala mijeessuu osoo hintaane daangaa seeraa keessatti mirga daangahee kennameefii shaakaluu jechuudha. Ta’us olaantummaa seeraa dagachuun kan ormaa keenya jedhanii dhaala gaddarbii gaafachuu godhanii warreen sosocho’an akka seera kabajan gochuuf kutannoon siyaasaa duubatti hindeebine jiraachuun dirqama.

Warri kaleessas har’as Itoophiyaaf natu beeka jedhan kunneen horii sarabayii midhaan abbaa fedhee seentee dheeddurraa maaltu adda ishee baasa laata? Dhimmi kun kan salphaatti ilaalamuu qabu miti. Leellistoonni sirna doofaa hanga humnisaanii baasetti dhiddhiitatanii bu’aa qabsoo hadhaahaa ilmaan Oromoon galmaahe kana harkatti maseensuun ofii of muuduuf karaa miidiyaalee addaddaa jette jettee ololaa afarsaniin deggaramuun duula karaa qindaaheen banaa jiru.

Duulli karaa miidiyaalee ololtuusaanii baname kun waan bu’aa buusuufii fakkaatus warqee galaana seente akka ta’uuf jiranillee waan hubatan hin fakkaatani. Oromoon galaanadha; galaanni gaafa nama marse nyaatamuun alatti daakanii baha jedhanii yaaduun tasadha. Shirri miidiyaalee ololtuu kan akka ‘ESAT’ kun akka maseenuuf tarkaanfiin seeraa olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamuu kan qabu yoo ta’u, mootummaan gama kanaan of ilaaluun irra jiraata.

Yaaliin diigichaa baankota Oromiyaa Magaalaa Finfinnee, naannawa Boolee Madaanaalamiirratti yaalame kan ittifufu taanaan, Oromoon ciisee kan dhaggeeffatu waan hintaaneef mootummaan tarkaanfii seeraa fudhachuun irra jiraata.

Walumaagalatti, miirri qe’ee abbaa qabutti orma maraachaa jiru kun jecha irra deddeebbii ‘keenya’ jettuun yaalame hammaachaa waan dhufteef kansaanii barsiisuuniifi kan ofii baruun murteessaadha. Kanaaf ammoo olaantummaa seeraatiin daangessuun osoo damda’amuu har’a boruutiin kan dhukkubsachiifamu yoo ta’e egeree Oromoofi sirna bulchiinsa federaalizimiif balaa guddaadha.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

6 Comments to “Jechi ‘keenyaa’ baay’ate orma keenyatti boochise”

  1. Pingback: ks quik
  2. Pingback: Herbalife business
  3. Pingback: bdsm chat rooms
  4. Pingback: free cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *