Doktar Sheek Muhaammad Rashaad: Abbaa Qubee Afaan Oromoo

Doktar Sheek Mohammad hayyuu guddaafi sabboonaa Oromoo afaan, seenaafi aadaa saba isaaniif hedduu gumaachaniidha. Waan isaan sabaaf gumaachan keessatti barruulee, suur-sagaleelee (‘audio visuals’) hiikaalee, dokumentootaafi hojiilee kan biroo hedduutu argamu.

Sabboonummaa ummata Oromoo guddisuu keessatti hidhaafi doorsisa baayée dandamatanii qooda daran guddaa ta’e nama gumaachaniidha. Ilmaan sheeka Oromiyaa Baha keessaa tokkoo kan tahan Doktar Sheek Mohammad Rashaad, sheekkotii bara isaaniitti beekamtii qaban guguddoo kanneen akka Sheek Bakrii Saphaloo fa’a harkatti baratan.

 Qubattoota kolonii gara jabeeyyii gidduutti guddatan waan taheef, bara joollummaasaaniitii kaasee rakkoo guddaatu isaan irra gahaa ture. Haala dirmataan hinjirreef san keessati qalbii joollummaatiin yemmuu yaadan furmaanni jiru biyyaa bahanii beekumsaa fi meeshaalee barbaachisoo horatanii guutummaatti of bilisoomsuu qofa ta’uu hubatan. Jalqaba gara Sa’ud Arabiyaatti qajeelan. Achiin booda gara Siiriyaafi boodarratti immoo gara Yuniversiitii Al-Azhar biyya Misiraatti argamu deeman. Magaalaa guddittiin Misir, Kaayiroon bara sanatti magaalaa guddittii sochiilee bilisummaa Afrikaa turte.

 Bara 1960ta keessa wayta barataa turanitti Misira keessatti qaama sochii barattoota Oromoo kan barbaachisummaa dhaaba Oromoo hundeessuu yaadaniifi tamsaasa Afaan Oromoollee utubanii turan. Tamsaasni raadiyoo Afaan Oromoo bara sanitti eegalan giddu-seeniinsa mooticha Itoophiyaa Haylasillaaseetiin booda irratti addaan cite. Barattoota isaan waliin barachuu turan keessaa Mohammad Rashaad qabxii oláanaa galmeessisuudhaan pirezidaantii Misir yeroo sanaa, Gamaal Abdul Naasir harkaa badhaasa fudhataniiru.

Eebba barnootasaanii boodas Somaaliyaa haaraa bilisoomtetti bakka bu’aa Al Azhar tahanii muudaman. Doktar Mohammad Rashaad walitti dhiheenya jirutti dhimma bahanii seenaafi aadaa saba isaanii qorachuurratti kan fuulleffachuu eegalan gaafa Somaaliyaa jiran ture. Dandeettii dafanii afaan haaraa barachuuf qabanirraas Afaan Somaalii salphaatti dhuunfatanii gara boodaa keessa mootummaa Somaalii biratti dalagaa argatan. Hiree tanatti dhimma bahuudhaanis qooda qorannoo Oromoorratti gumaachaa turan eddii guddisanii booda irratti waahillan isaanii gaazexessaa beekamoo, Ayyuub Abu Bakarfaa wajjin tahuun tamsaasa raadiyoo Afaan Oromoo haaraa eegalan.

Oduun sochiin jagnummaa isaanii tun gurra Haylasillaasee waan buuteef, humni ukkaamsituu Itoophiyaarraa Somaaliyaa seenee akka qopheessitoota raadiyoo sana ajjeesee tamsaasichas cufsiisu ergame. Humni Haylasillaasee ergames Ayyuub yoo ajjeesu Sheek Mohammad osoo hinargatin dura Moqdishoo keessatti humna mootummaatiin qabame.

 Tamsaasni raadiyoo Afaan Oromoo sun itti fufuu danda’e. Sheek Mahammad Rashaad qoophii raadiyoo jajjabduu kan ummata Oromoo onnachiiftuufi sabboonummaasaas jabeessitu qaroominaan qopheessanii tamsaasuunis ittifufe.

Kun osoo addaan hincinne bara sirnoonni Somaaliyaafi Itoophiyaa waltahiinsa ummatanittillee ittuma fufe. Sheek Mohammad Rashaad waytuma qophii raadiyoo Afaan Oromoo kana keessa hojjetanitti cinaadhaan ammoo mijaawina qubeen Laatiin Afaan Oromoof qabdu qorannoodhaan irra gahanii barruulee qorannoo afaanii, amantiifi aadaa qubee tanaan maxxansiisuu eegalan.

Kitaabonni isaan wayta sanitti dhiibbaalee adda addaa irraa kan ka’e bal’inaan raabsamuu hindandeenye. Sirni Somaalii bara sanii fayyadama maqaa ‘Oromoo’ jedhuu heeyyama dhowwate. Bakka ‘Oromoo’ jettu san maqaa ‘Soomalii Abboo’ jettu akka fudhatan dirqisiise. Kitaabni Sheek Mohammad Rashaad tokko kan waahila isaanii Abdushakuur jedhamu waliin maxxansiisan ‘Furaa Afaan Oromoo’ jedhamu haala kanaan irra deebi’amee qola isaa irratti maqaa ‘Soomaalii Abboo’ jettu qabatee akka bahu taasifame.

 Haa ta’uu malee jijjiirraa affisaa sanaan qabiyyeen keessa kitaabichaa ‘Furaa Afaan Oromoo’ akkuma jedhutti maxxanfamee bahe. Itoophiyaa keessatti barruuleen Sheek Mohammad Rashaadiin qophaa’an haalaan dhorkamoo turan. Namni kitaabasaanii takka qabatee argame adabamaa ture. Gaafa Moqdishootti dhiibbaan gama lamaanii isaan irratti jabaattu qubsuma ofii gara Sa’udi Arabiyaatti jijjiirachuudhaan hojiisaanii ittifufan.

Gaafa Sa’udi Arabiyaa jiran san hojii hiikkaalee irratti xiyyeeffatan. Keessumattuu Qur’aana gara barruufi sagalee (‘audio’)tti hiikuufi hojiilee amantiifi qorannoo afaanii biroo irratti hojjechaa turan. Achittis tahu ammas ergamtoota diinaa dhaabbata amantii keessa looyanii seenaniin adamsamaa turan. Ergamtoonni sun ‘Muslimoonni Qur’aana baratuuf Arabiffatti qofa dhimma bahuu qaban’ jedhanii falmuudhaan akka hojiin hiikkaa Qur’aanaa Afaan Oromootiin maxxanfamee hinbaane dhorkisiisan.

 Kaayyoon jara kanaa barruu Afaan Oromootiin ummata Oromoo keessa facaatu ittisuudha. Gariin isaanii inumaa loqoda Afaan Oromoo Sheek Mohammad Rashaad ittiin hojjetanirratti gaaffii kaasuu yaalan. Kanaafuu hanga yeroo dhihootti hiikkaa sagalee kan kaaseetaan maxxafame qofa raabsaa kan turan yoo tahu, dhihoo kana maxxansi kitaabaas xumurameerullee ammas gahaatti raabsamuuf hiree hinarganne.

Doktar Sheek Mohammad Rashaad dullumaafi rakkoo dhibee fayyaa irraa ka’uun booda kana keessa biyyatti deebi’anii magaalaa Adaamaa qubachuun ummata isaanii waliin jiraachaa turan. Wayta mootummaan Itoophiyaa barsiisa amantii Islaamaa al Ahbash Musliimoonni akka fudhataniif dhiibu Sheek Mohammad Rashaad didanii ejjennoo qajeelaa qabaachaa turanitti cichan.

Kanaanis mootummaa biratti balaaleffatamuun qubsuma isaanii Adaamaa irraa buqqifamanii hanga ALA Caamsaa 25 bara 2013 umrii isaanii 79tti addunyaa tana irraa du’aan boqotaniitti magaalaa Dirre Dhawaa jiraachaa turan. Doktar Sheek Mohammad Rashaad tarree sabboontota Oromoo hayyuuwwan guguddoo amantiilee Islaamaafi Kiristaanaa kan roorroo sirnoota dhufaa dabranii dandamatanii sabaaf gumaachuun beekaman keessatti ramadamu.

Odeeffannoon “Oromia gallery” irraa argame akka eerutti sabboontota amantii qooda akkasii osoo gumaachanii wareegaman keessaa tokko Luba Guddinaa Tumsaa kan kaayyoo qabsoo saba isaaniif gatii hundaa ol qaalii taate lubbuu isaanii kennani. Kan biraa Sheek Bakrii Saphaloo kan kaayyoo walfakkaataa kanaaf jecha hidhamaafi bara dulluma isaaniittiillee kabaja dhabanii biyyaa ari’amuun mooraa baqannaa keessatti boqotan.

Haaluma walfakkaatuun abbaa seenaa kan tahan Abbaa Gammachiis sababuma Oromummaa kanaan akka malee salphifamaafi miidhamaa jiraatan. Walumaagalatti, hayyoota Oromummaafi Oromoof jecha wareegamaniifi salphatan yaadachuufi beekamtii isaaniif malu kennuun immoo gahee dhaloota Qubee isa ammaa ta’uu qaba..

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

7 Comments to “Doktar Sheek Muhaammad Rashaad: Abbaa Qubee Afaan Oromoo”

  1. Pingback: sccy guns
  2. Pingback: rove brand
  3. Pingback: ผ้า

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *