Waggoota kurnan lamaan darban keessa warraaqsa siyaasaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa tureen lubbuun lammiilee hedduun darbeera; gaaga’amni qabeenyaafi xiinsammuu qaqqabes tokko lama miti. Ta’us, injifannoon cululuqaa gama siyaasaan argame hunda gammachiiseera.
Warraaqsicharraa kan ka’e rakkoo nageenyaa waan tureef dinagdeen naannawichaa boodatti akka hafu ta’eera. Kana fooyyessuuf ammoo bara darberraa jalqabee kampaaniiwwan warraaqsa dinagdee Oromiyaa sochoosan hedduun akka hundaa’an taasifameera.
Kampaaniin Sheerii Odaas kanneen keessaa tokko yoo ta’u, gaafdeebii hogganaa kaampaanichaa, Obbo Isheetuu Zallaqaa waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Kaayyoon warraaqsa dinagdee Kaampaanii Sheerii Odaa maalirratti bu’uureffate?
Obbo Isheetuu: Kaampaanii Sheerii Odaa kubbaaniyoota shan irratti bobbahuun jechuunis tajaajila geejibaa, boba’aa, zayitiifi buufataalee raabsa bobba’aa garagaraa Oromiyaa keessatti babal’isuun dinagdee naannawichaa fuulduratti tarkaanfachiisuuf akeekamee hojiitti seenameedha. Kaayyoonsaas warraaqsa dinagdee Oromiyaa eegalamee jiru tumsuudha.
Bariisaa: Warraaqsa dinagdee kanatti akka seentan wanni isin kakaase maalinni?
Obbo Isheetuu: Warraaqsa dinagdee Kaampaanii Sheerii Odaatti akka seennu wanni nu kakaase rakkoo siyaasaa akka biyyaatti ture keessatti naannoon Oromiyaa gaaga’ama guddaa keessa seenuusheetiin harkifannaan dinagdee akka mudatu godheera.
Dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii bahan hedduun hojidhabdummaaf saaxilamuun yaaddoo naannawichaa ta’aa tureera.
Kana furuufis warraaqsi kun kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaattis lafee dugdaa dinagdee Oromiyaa ta’uun jijjiiramootni garagaraa akka galmaahan taasisaa jira.
Bariisaa: Hojiilee hanga ammaa hojjettaniin raawwii keessan akkamiin ibsitu?
Obbo Isheetuu: Kaampaaniin keenya gurgurtaa sheerii miliyoona 400 gaggeesseera. Kana keessaa dhibbantaan 25 galii ta’eera. Galii argame kanaan konkolaataa ummataa sadarkaasaa eeggate 30 bituun danda’ameera.
Konkolaataan kun rakkoo qulqullinaa kan hinqabneefi dhaabbata konkolaataa omishu (‘VOLVO’) jedhamurraa kan bitame yoo ta’u, kaffaltiin bittaa konkolaataa marsaa jalqabaa dhibbantaan 30 ykn miliyoona 160 baasii ta’eera. Dhibbentaan 70 ykn miliyoonni 240 hafe adeemsaan kan kaffalamudha.
Bariisaa: Warraaqsi dinagdee eegaltan kana babal’isuuf maal hojjechaa jirtu?
Obbo Isheetuu: Kaayyoon kaampaanichaa tajaajila geejjibaa waliin gahuu qofa miti. Yeroo ammaallee tajaajila geejjibaan alatti hojiilee daldala boba’aa, zayitii konkolaataafi sheeliiwwan kuusaa boba’aa ijaaruun babal’isaa jira. Fuuldurattis bob’aa baasuurratti bobba’uuf miira kutannoon hojjechaa jirra.
Kunimmoo boba’aan biyya keessaa wayita argamu ogeessota biyya hambaarraa fidanii hojjisiisuurra biyya keessatti ogeeyyota gahumsa qaban dabalachuun boba’aa baasuurratti hirmaachuuf karoorsinee itti deemaa jirra.
Bariisaa: Karoorri kaampaanichaa hiixataadha. Humna qabdaniin garuu kan isin deemsisuudha?
Obbo Isheetuu: Umrii hundeeffama sheerii keenyaa wajjin walbira qabnee yoo ilaallu ulfaachuu dandaha. Ta’us, miirri kutannoo hawaasa keessaa calaqqisaa jiru jajjabeessaadha. Kaampaaniin Sheerii Odaa kun yeroo jalqaba hundaahu sheerii kuma kudhantu bitame. Kun ammoo seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaati. Jalqabbii kana ejjennoo godhannee karoora hiixataa baafannee hojiitti seenuuf dirqamneerra.
Bariisaa: Xiyyeeffannoon keessan kan jalqabaa isa kami?
Obbo Isheetuu: Boba’aa baasuuf sosochiirra jirra. Yeroo ammaa boba’aan biyya keessaa argamuu wajjin walqabatee kaampaanonni alaa dhufanii akka baasan taasifamaa jiru.
Hirkattummaa gama kanaan jiru maqsuuf hayyoota biyyaa gahumsa qaban mindeessuun hojii boba’aa baasuurrattis bobba’uuf sosochiirra jira. Sosochiin gama kanaan jiru milkaa’ina akka argatuuf mootummaa waliin hojjechaa jirra.
Bariisaa: Kaampaaniin keessan hojiisaa haalaan akka gaggeessuuf meeshaalee barbaachisoo guutamaniiruu?
Obbo Isheetuu: Bittaa konkolaataa ummataa 30 raawwachuun cinatti konkolaachistoonniifi gargaartotni konkolaachisaa 100 ol mindeeffamaniiru. Humni namaa hojii waajjiraa si’eessan 12 qacaruun danda’ameera; kan hafeef ammoo itti adeemamaa jira.
Ammaaf garuumana hojii waan hinqabneef yeroof gamoo WMO irraa kireeffannee itti hojjechaa jira. Yaa ta’uutii haala kanaan itti fufuun ulfaataa ta’uusaa barree bakki ijaarsa akka nuuf kennamuuf gaafannee adeemsarra jira.
Bariisaa: Gama kanaan mootummaan deggarsa isiniif taasisaa jiraa?
Obbo Isheetuu: Dhugaa dubbachuuf hundaahuu warraaqsa dinagdee Oromiyaa kanaaf sosochii Pirezidaantiin MNO Obbo Lamaa Magarsaafi Ministirri Muummee RFDI, Doktar Abiyyii Ahmad taphatan yoomuu kan dagatamu miti.
Abidda boba’u keessa dhaabatanii warraaqsa dinagdee kana eegalsiisuusaaniif hayyoota gahumsa qabnidha nama jechisiisu. Rakkoo nageenyaa yeroorraa yerootti mudachaa jiru keessatti dadhabe osoo hinjedhiin sosochii taasisaniin warraaqsi dinagdee Oromiyaa kun ija godhachuu jalqabeera.
Ifaajjii isaanii kana milkeessuun dhalootni haaraa kun akka qooddatuuf shoorri qeerroofi qarree Oromiyaa yoomuu caalaa cimuun irra jiraata.
Bariisaa: Warraaqsi dinagdee kun akka hingufanneef hawaasa Oromoorraa maaltu eegama?
Obbo Isheetuu: Warraaqsi dinagdee Oromoo kun Oromootaan hanga jalqabametti ummata Oromoo maraan tikfamuu qaba. Keessumattuu namoonni gatiin sheerii isaan harkatti hafe yeroon galii gochuun isaanirraa eegama. Kanneen hinbitannes bitachuun qoodasaanii bahachuu qabu.
Kaampaaniin Sheerii Odaa turtii waggaa tokkoon booda konkolaattota ummataa 300 bituun tajaajila geejibaa qaxxaamura hanga biyyoota ollaa Itoophiyaatti kennuuf karoora qaba.
Bariisaa: Biyyoota ollaa Itoophiyaa hundaa gidduutti tajaajila kennaa?
Obbo Isheetuu: Itoophiyaarraa gara Eritiriyaa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, Somaaliyaafi Keeniyaatti tajaajila geejibaa kan kennuudha.
Bariisaa: Faayidaansaa hangami?
Obbo Isheetuu: Warraaqsi dinagdee Oromiyaa keessatti jalqabe kun daangaa tokko malee biyyaa ala bahuun walitti hidhaminsa dinagdee Afrikaa kan cimsuudha. Hundarra ammoo falaasama walitti ida’amuun warraaqsa tarkaanfachiisuuf kan gargaarudha yoo jedhame dogoggora hinqabu.
Bariisaa:Yeroo keessan aarsaa gootanii haasa’a nu waliin taasistaniif maqaa gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.
Obbo Isheetuu: Isinillee sosochii warraaqsa dinagdee kaampaanii keenyaa hawaasa biraan gahuuf tattaaffii taasistaniif horaa bulaa.
Waasihun Takileetiin
(Suurri Gabaaboo Gabreetiin)
Bariisaa Bitootessa 6/2011
2 Comments to ““Kaampaaniin Sheerii Odaa tajaajila geejibaa qaxxaamuraa hanga biyyoota ollaa Itoophiyaatti kennuuf karoora qaba” -Obbo Isheetuu Zallaqaa”