Dhimma faayidaa addaa Oromiyaafi Finfinnee


Heerri Itoophiyaa bara 1987 ragga’ee hojiirra jirurratti keeyyata keeyyataan mariin irratti adeemsifameera. Qabxiilee sadarkaa wixineetti marii bal’aan irratti adeemsifaman keessaa keeyyanni 49 (5) isa tokko.

Keeyyatichi, “Naannoo Oromiyaa dhiyeessii tajaajilaa ykn haala ittifayyadama qabeenya uumamaafi dhimmoota walfakkaataa waan ilaaluun, akkasumas Finfinneen giddugaleessa Naannoo Oromiyaatti argamuurraa kan ka’e dhimmoota bulchiinsaa lamaanuu walitti hidhu ilaalchisee faayidaan addaa inni qabu ni eegamaaf. Tarreeffamnisaa seeraan murtaa’a jedha.

Oggaa heerichi sadarkaa wixineerratti argamu namoonni adda addaa keeyyata kanarratti ibsa bal’aa kennaniiru. Gaazexaan Bariisaas dhimma kanarratti odeeffannoo bal’aa pirezidaantii RFDI duraanii Doktar Nagaasoo Gidaadaa biraa arganne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Wayita marichi taasifamutti barreessaa ittaanaa yaa’ichaa kan turan Obbo Abaataa Kiishoo keeyyaticha dubbisaan manaaf erga diyeessanii booda barreessaan Koree Mirga Sabaafi Sablammiilee Obbo Mulugeetaa Gabrahiwot jedhaman waa’ee keeyyatichaarratti ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniinis, korichi magaalaa guddoon Mootummaa Federaalaa Finfinnee ta’uushii, magaalichi akka naannootti fudhatamuu baatus ofiin of bulchuuf aangoo guutuu akka qabu akkasumas ittiwaamamni magaalichaa mootummaa federaalaatiif ta’a kan jedhurratti korechi waliigaluusaa eeraniiru.

Kana malees Finfinneen Naannoo Oormiyaatti kan argamu waan ta’eef tajaajiloonni, dhiyeessitiifi ittifayyadama qabeenya uumamaa naannichaan walqunnamsiisuu danda’an dhimmoonni walfalmisiisoon uumamuu waan danda’aniif haala kanneen furuu dandeessisuun haaluma keeyyata xiqqaa 4 jalatti eerameen dhimmoota bulchiinsaa lamaan walitti hidhuu malanirratti Oromiyaaf faayidaan addaa akka kabajamuufi tarreeffamnisaas seeraan akka murtaa’u taa’uunsaa sirrii ta’uu eeraniiru.

Keeyyata xiqqaa 5 jalatti jiraattonni magaalichaa mana mariin bakka bu’oota ummataatiin akka bakka buufaman akka eeruufi kunis mirgoota ummatoonni heeraan mirkaneeffatan ta’uu walumaagaaltti faayidaan keeyyatichaa guddaa waan ta’eef yaa’ichi akka raggaasisu gaafataniiru.

Kana malees Naannoo 14 (Finfinnee) irraa Obbo Wandimmuu Dagaafaa magaalichi yoo guddate muraasotaaf otoo hintaane bakka jireenya sabaafi Sablammootaa waan ta’eef qabeenya waloo hundaa ta’ee otoo jiruu keeyyata xiqqaa 4 jalatti Oromiyaan faayidaa addaa argata jedhamee taa’uun faayidaan jedhame gibiras ta’uu waan danda’uuf keeyyata irradubbannoo akkanaa qabate kaa’uun sirrii waan hintaaneef akka bahu gaafataniiru.

Ittifufuunis Naannoodhuma 14 irraa Obbo Zallalee Tsaggaasillaasee yaada kennaniin, keeyyanni xiqqaan 5 waa’ee jiraattota Magaalaa Finfinnee eeru keeyyaticha keessaa bahee “Waa’ee mataduree jiraattota magaalaa” jedhuun akka taa’u ykn keeyyata 54, keeyyata xiqqaa 3 jalatti “Miseensonni mana marichaa bakka buutota ummatoota maraati” kan jedhutti aanee miseensonni mana marichaa Finfinnee dabalatee bakka buutota naannoo hundaati jedhamee taa’uun keeyyanni 49 waa’ee magaalichaa qofa akka kaasu yoo taasifame wayya jechuun yaada dhiyeessaniiru.

Miseensa Koree Mirga Sabaafi Sablammootaa kan ta’an Obbo Dammaqaa Makonnin qabiyyeesaa ilaalchisuun kan duraan dursee barreessaa korichaatiin dhiyaate akkuma jirutti ta’ee gama danaasaa ilaallatuun keeyyanni xiqqaa 4 kan ture keeyyata xiqqaa 5 akka ta’uufi keeyyata xiqqaa 5 kan ture keeyyata xiqqaa 4 akka ta’u yaadni jedhu koree keessa akka ture eeraniiru.

Qabxiilee tokko tokko kanaan duraa eeraman ilaalchisuunis Magaalaa Finfinneetiif haala adda ta’een aangoon ofiin of bulchuu tarreeffamnisaa seeraan murtaa’u kennamuunsaafi jiraattonnis sabaafi saboot adda addaa waan ta’aniif mana marii bakka bu’oota ummataatti bakka bu’aa akka qabaatan gochuun sirrii akka ta’e ibsaniiru.

Ittifufuunis Naannoon Oromiyaa faayidaa addaa kan argatu Finfinneen Naannoo Oromiyaa keessatti waan argamtuufi bal’achuun magaalichaa qonnaan bulaa kan xuqu ta’uurrayyuu akkuma kanaan dura jedhame qabeenya uumamaafi kanneen kana fakkaataniin hariiroo waan qabaniif haaluma wixineerra jiruun taa’uunsaa sochii misoomaa lameeniifuu kan wayyu ta’uu ibsaniiru.

Keeyyanni xiqqaan 5, keeyyata 54 keeyyata xiqqaa 3 jala haa galu kan jedhame sirrii akka hintaaneefi waljijjiirraa bakkaa keeyyata xiqqaa 4fi 5 ilaalchisuunis Koreen Danaa Heeraa akka ilaalu jechuun yaada kennaniiru.

Naannoo 4 irraa Obbo Tasammaa Gaaddisaa keeyyata 49 keeyyata xiqqaa 4 ilaalchisuun yaada kennaniin Finfinneen sabaa sablammiileen danuun kan keessa jiraatu magaalaa dhimmoonni ardiifi biyyoolessaa baay’een itti keessummeeffaman ta’uun hunduu akka hubatu ibsanii, lafi magaalattiin irratti argamtu garuu kan Oromiyaa ta’uu Nafxanyoonni magaalattii hundeessan otoo hinhafiin kan hubatan ta’uu eeraniiru.

Ittidabaluunis Finfinneen hadhuura Oromiyaa waan taateef manni marii naannoo murti biraa yoo murteesse malee kan Mootummaa Federaalaa qofa otoo hintaane magaalaa guddoo naannichaas waan taateef gama babal’ina magaalaatiin Oromiyaa wajjin kan walitit hidhamte ta’uu eeranii, faayidaan Oromiyaa ni eegama oggaa jedhamus dhiyeessii waajjiraafi kkfn malee akka jedhame dhimmicha dhimma sassaabbii gibiraa wajjin waliin dhahanii hubachuurraa kan madde akka ta’e, dhumarrattis keeyyatichi haalota hunda hubannoo keessa kan galcheefi kan ummannis itti amanu waan ta’eef akkuma jirutti akka ragga’u gaafaniiru.

Obbo Mulugeetaa Gabrahiwot Finfinneen kan hundaati. Guddinnishiis kan fayyadu hunduma kan jedhamu duuchatti oggaa ilaalamu kan fayyadu yoo fakkaatellee rakkoo kan qabu ta’uu eeranii, tibbana Naannoo 4 baadiyyaa Kotabeetti dhangala’aan magaalattii rakkoo fayyaa qaqqabsiisaa jira jechuun oduu miidiyaalee adda addaatiin tamsa’e fakkeenyummaan eeruun kanaafi waantota walfakkaatoo karaa qabsiisuuf furuuf akkasumas haalatti faayidaan addaa Naannoo 4 itti eegamurratti tarreeffamni seeraa akka bahu tumuunsaa sirrii akka ta’e, qabiyyeen keeyyatichaa waliigalaan akkuma jiutti ta’ee haala teessuma keeyyata xiqqaa 4fi 5 Koreen danaa Heeraa akka ilaalu eeraniiru.

Dhumarrattis durataa’aan yaa’ichaa keeyyata 49 irratti gadifageenyaan kan mari’atamee ta’uu eeranii, marichi dhaabatee gara kenniinsa sagaleetti akka seenamu yaadni dhiyeessan sagalee caalmaa qabuun waan utubameef gara kenniinsa sagaleetti ce’ame.

Bu’uuruma kanaan teessuma keeyyata 49, keeyyata xiqqaa 4fi 5 ilaalchisuun yaadni Koree Danaa Heeraa dhiyeessu akkuma jirutti ta’ee keeyyanni 49 akkuma jirutti akka taa’u sagaleef dhiyaatee deggarsa 507n, qoqqobbii sagalee jahaan ragga’eera.

Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

3 Comments to “Dhimma faayidaa addaa Oromiyaafi Finfinnee”

  1. Pingback: company website
  2. Pingback: pglike

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *