“Leenjiin dhiyeessiin alaa rakkoo qulqullina ijaarsaa fidaa jira’’ -Doktar Masaay Daani’el

Lakkoofsi dhaabbilee barnoota olaaanaa ogummaa ijaarsaatiin leenjisaa jiran hedduun dhiyeessiiwwan yaaliitiin ala waan ta’eef hojii gochaarratti rakkoo qulqullinaa uumaa jiraachuu Daarektarri Abbaa Taayitaa Konistiraaksihinii Oromiyaa beeksise.

Daarektarichi Doktar Masaay Daani’el ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin lakkoofsi barattoota ogummaa ijaarsaatiin leenji’anii bahanii hedduu ta’us gahumsi gocharratti mul’atu hanqina kan qabu ta’uu dubbatu.

 Komiin gahumsa wajjin walqabatee ka’u ammoo damichi hudhaa sassaabdummaa kiraafi rakkoon qulqullinaa akka heddummaatu gochaa jira jedhu. Ijaarsiwwan hedduun Oromiyaa keessatti gaggeeffaman qulqulinaafi sassaabdummaa kiraatiin liqimfamuurraa kan ka’e yeroo qabameef keessatti hinxmuramiin jiraachuu eeru.

Akka daarektarichi jedhanitti, Oromiyaa pirojektonni ijaarsaa guguddoon waggoota saddeetiif lafarra harkifamaa jiran hedduun gahumsa ogummaa laafuufi qisaasamuu bajataarraa kan ka’e tajaajilarra hinooliin hafaniiru. Rakkoo gama kanaan mudachaa jiru furuuf barana pirojektii haaraan jalqabamuu akka hinqabne godhameera.

Ijaarsawwan waggoota saddeetiif gangalachaa as gahan fixuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuus ni dubbatu. Ijaarsawwan qulqullinaan akka xumuramaniif hordoffiifi deeggarsi walirraa hincinne ni taasifama jedhanii, rakkoo qulqullinaa hudhaa ta’e kana furuufis ijaarsi dandeettii ogeeyyotaaf kennamaa jiraachuu hubachiisu.

 Hudhaalee damichaarratti xiyyeeffannoon mootummaa cimuu akka qabus himaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanaa dhiyeessii barbaachisoo hanga hinguuttannetti ogummaa ijaarsaatiin leenjiin kennaa jiran yaaddoo egeree waan ta’aniif of ilaaluu akka qabanis ni gorsu.

Leenjitoonni hojiitti bobba’an hedduunsaanii saayinsiisaa beekuun alatti qabatamaan hojiitti hiikuurratti hudhaan jiraachuu kan himan daarektarichi, guddina damichaarratti dhiibbaa fidaa waan jiruuf toorri xiyyeeffannoo damichaa fooyya’uu akka malu dhaamu.

Yeroo ammaatti kontiraaktaroonni 1900 ol akka Oromiyaatti heeyyama baafachuun ijaarsawwan gara garaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, rakkoon qulqullinaafi harkifannaa akka hinmudanneef hordoffiifi gamaggamni taasifamaa jira jedhan.

Kana malees naamusni ogummaa kontiraakterotarraa calaqqisaa jiru hedduun balaafamaafi damicha booddeetti kan harkisu ta’uu Doktar Masaay himanii, ijaarsi dandeettii walirraa hincinne kennamuu akka qabu eeru. Kontiraaktaroonni naamusa ogummaa ijaarsaa faallessanii argaman hedduu waan ta’aniif tarkaanfiin sirreessaa fudhatamaa jiraachuus ni ibsu.

Barisaa Guraandhala 29/2011

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

3 Comments to ““Leenjiin dhiyeessiin alaa rakkoo qulqullina ijaarsaa fidaa jira’’ -Doktar Masaay Daani’el”

  1. Hey, I enjoyed reading your posts! You have great ideas. Are you looking to get resources about Airport Transfer or some new insights? If so, check out my website QN6

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *