
Adaamaa: Dubartoonni qaamolee adeemsa jijjiiramaafi qilleensa gaarii argame gufachiisuu barbaadanirratti duuluun nageenya biyyaa mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban pirezdaantii ittaantuu Oromiyaa gaafatan.
Aadde Xayibaa Hasan Guyyaa Dubartoota Addunyaa akka biyyoolessaatti yeroo 108a, akka biyyaattimmoo yeroo 43faf Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti kabajamerratti haasawa taasisaniin akka jedhanii, ijarsa biyyattii keessatti dubartoonni shoora olaanaa akka qaban seenaan Adwaa ragaadha.
Ammas nageenya biyyaa ittifufsiisuufi jijjiirama akka biyyaatti dhufe eegsisuu qabu. Itoophiyaa haaraa ijaaruuf haadholiifi obboleettiiwwan keenya hedduun aarsaa kanfalaniiru.
Irree gamtoome kanaan hiyyummaafi boodatti hafummaarratti duuluun agarsiisuu akka qaban kan dhaaman Aadde Xayibaan, guyyichi yeroo qilleensi jijjirama qilleensahaa jirutti akkasumas, dubartoonni bakkahoggansa ciccimaa argatanitti kabajamuunsaa adda akka taasisu eeraniiru. Dubartoonni gara hoggansaati dhufanis walqixxummaafi fayyadamummaan dubartootaa hojiitti akka hiikamuuf of kennanii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Miseensi raawwachiistuu hojii Federeshinii Dubartoota Itoophiyaa Aadde Atsadaa Ayizaa gamasaaniin, guyyaa kana arguuf dubartoonni addunyaa cunqursaa keessa turan hedduun aarsaaitti kanfaluusaanii eeranii, dubartoonni ammaas bu’aa argame kunuunsuu akka qaban gaafataniiru. Kabajamuun heeraa kabajamuu mirga dubartootaa ta’uusaatiin fedeereshinichi erga hundeeffamee waggaa sagalii as kanarratti xiyyeefatee hojjetaa jiraachuus dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun, pirezdaantiin Federeshinii Dubartoota Oromiyaa Aadde Askaala lammaa akka jedhanitti, ‘March 8’ guyyaa dubartoota jireenyaan fooyya’aniifi biyya badhaate ijaaruuf gahesaanii itti bahaataniidha. Gurmaahuun meeshaa dubartoonni rakkoosaanii ittiin hiikkatan waan taheef dubartoonni tokkomuun rakkoosaanii hiikkachuu akka qaban dhaamaniiru.
Guyyaa dubartoota addunyaa watahiinsa Federeshinii Dubartoota Oromiyaafi Federshinii dubartoota Itoophiyaatiin mataduree “sosochii dubartootaa gurmaa’e nageenya biyyaa waarawaaf jedhuun kaleessa kabajameera. Dubartoonni naannolee hundaafi bulchiinsa magaalaa lamaan irra babba’anis hirmaataniiru. Barreeffamni dhihaates mariin gaggeeffameera, hirmaattonnis guyyicha dhiiga arjoomuun miidhagsaniiru.
Bariisaa Guraandhala 29 bara 2011
Saamraawiit Girmaatiin
Hi my loved one! I want to say that this post is amazing,
nice written and include approximately all vital infos.
I’d like to peer extra posts like this .
Quality articles or reviews is the key to be a focus for the visitors to pay a
visit the web site, that’s what this web page is providing.
With havin so much content do you ever run into any issues of plagorism or copyright violation? My
blog has a lot of exclusive content I’ve either written myself or
outsourced but it looks like a lot of it is popping it up all over the internet without my authorization. Do you know any techniques to help prevent content from being stolen? I’d truly appreciate it.
What’s up to every one, it’s truly a nice for me to pay
a quick visit this website, it consists of priceless Information.
At this time I am ready to do my breakfast, later than having my breakfast coming
yet again to read more news.
It’s really a great and helpful piece of information. I am happy that you just
shared this helpful info with us. Please stay us up to date
like this. Thank you for sharing.
Way cool! Some very valid points! I appreciate you writing this article plus the rest of the site is extremely good.