“Barri gommaadha takka namaa deema takkammoo namaan deema” jedhama. Maraammartoo kana keessatti ifaafi dukkanni dabaree walgegeeddaranii mul’ataa ija hojii qabatanii argamuun danbalii jiruufi jireenya dhala namaa keessatti mudatudha.
Sirnoonni gara garaas aangoof aantummaa walii qabaniin qixa hojjaasaaniitti safaranii hodhachuun sosochiifi warraaqsa isaan biroo ugguruun harqootni gabrummaa boquu lammiileerraa akka hinbuune ta’aa tureera.
Harqootni gabrummaa kun boquu lammiileerraa akka bu’uufi olaantummaan seeraa akka kabajamuuf hayyonni ga’umsaaf bilchina siyaasa qaban sosocho’anis daangaa seeraa farreen warraaqsaa hojjaasaaniitti hodhatan kana keessa hulluuquu dadhabuusaaniin kumaatamni mana hidhaatti darbamuun qaamaan hir’achuu, rakkoo xiinsammuuf saaxilamu akkasumas, achi buuteensaanii akka dhibamu ta’aa tureera.
“Barri gooba saree nama gooti” akkuma jedhamu sana gurraachis gumgumee taliila roobuusaan ba’aaf harqootni gabrummaa boquu lammiileerratti fe’amee bara lakkoofsise har’a dhiqamee akka qulqullaa’u ta’ee mul’achuunsaa boqonnaa ce’uumsaa aara galfannaan itti ta’u ta’ee waan mul’ate fakkaata.
Haaloo ba’uun gochaa sodaattuu ta’uusaan humnoonni tarkaanfii gara jabummaa seerri kamuu hindeggarre raawwachaa turan dabareesaanii harqoota gabrummaa akka baataniif osoo hintaane badiisaaniirraa akka barataniif maalummaa olaantummaa seeraa akka beekaniif daangaa seeraa keessatti dhimmisaanii akka ilaalamu ta’uunsaanii caalanii argamuudha.
Hacuuccaan lammiilee kun daran hammaachuusaan humni warraaqsaa qeerroon hogganamu, faannoo dabalatee, ejjetootiin deggaramee warraaqsa wareegama qaalii gaafatu kaffaluun sirni hojjaa namoota muraasaatti hodhamee ture akka hunda gahutti hojiirra ooluu akka danda’u ta’eera.
Kunis warraaqsa kana keessatti wareegamni qaalii hanga aarsaa lubbuu gaafatu kaffalamus biiftuun bilisummaafi ijaarsi dimokiraasii dhugaa hojiitti akka hiikamuuf bu’uura buusuu danda’eera.
Qabsaa’onni badii malee mana hidhaatti darbamaniifi shororkeessaa jedhamanii yakkaman marti bilisa akka ba’an ta’uurra darbee dirreen siyaasaa Itoophiyaanota hunda walqixa hirmaachisu akka diriiru ta’uun bu’aa warraaqsa qabsaa’otaati.
Bu’aan warraqsa kanaas lammiilee Itoophiyaa waliqixa hirmaachisuun kan dhugaansaa jalaa dabe dhugaa akka argtuuf hojii hojjetameen qabsaa’onni hidhaan hiraarfamaa turan akka gadi lakkifaman ta’aniiru.
Qabsaa’onni mana sirreessaa keessatti barasaanii dabarsaniifi bilisa ba’an turtii achi keessaa miidiyaaleef wayita ibsan hazaaba biyya lafaarratti dhalli namaa bara da’oo godhachuun ittiin waa adabu akka ta’eedha kan himan.
Dhimmi kun yeroo ilaalamus dhugumattuu hazaaba biyya lafaarratti dhalli namaa gara jabummaan ittiin wal adabuudha jechuun ni danda’ama. Akka agarsiistuutti kan qaamaan hir’atee kaan lubbuudhaan dhabamee kaanimmoo achi buuteensaa dhibamee biiftuun bilisummaa har’aa kun ba’uu dandeesseetti.
Warri bilisa ba’aniifi lubbuun argaman dubbii dubbataniin jireenyi mana sirreessaa Itoophiyaa keessaa fooyya’uu akka qabuu kaasanii, seerri barraa’eefi adabbiin sirreefamtootarratti fudhatamaa jiru kan walfaallessu waan ta’eef komii kaasaa turaniiru.
Kana malees, waan barri fiduufi egeree warra yeroo qabanii waan hinbeekneef mana sirreessaa sana sirriitti qabachuufi fooyyessuu akka qaban raagamaa tureera.
Raagni sirreeffamtootaa kunis har’a ifatti dhugoomee kan mul’ate ta’uu hin oolu. Piroofeesar Mararaa Guddinaa wayita mana sirreessaarraa qabsoo qeerroon ba’aan akka dubbatanitti, “manni sirreessaa kun bor isiniifis ta’uu waan danda’uuf babbareechaadhaa” yaada jedhu kaasanii turan.
Raagnisaanii kun har’a hojiitti hiikamuusaan inni aangoorra jirus egereesaatiif heera ejjennoo godhachuun sirreeffamtoota seeraa tajaajilaa jira.
Humnoonni kaleessa “biiftuun baate hinlixxu” jedhaa turan yeroon isaan gantee har’a fuuncaa kaleessa itti hidhaa turaniin hidhamaa jiraachuunsaanii safuu kan nama jechisiisuufii kabajamuun olaantummaa seeraa gaarummaa akka qabu kan agarsiisudha.
Barris geeddaramee, dukkannis bari’ee xoofoo inni kaan dhandhame dhandhamanii gaafa argan danbaliin yeroo wayita ijaan wal nama agarsiistu nama hinraajeffachiisuuree?
Tulluun hedduu dheeratu nyatamee kufa hinse’uu,
Taa’anii eeguu wayya waan barri haaraa da’uu,
Yoo sana namaaf gala hamma ilmi namaa gahu.
Bara Waaqni gumgumu waa shakkuun barbaachisaa,
Takka taliila rooba takka bakakkaa buusaa,
Taliila roobnaan gaarii dacheen midhaan magarsaa,
Bakaakkaa buusnaan fafa eebba miti abaarsa.
Baraafi seera qixxee hojjaa ofiitti safaranii hodhatan isa kaan uffisuuf yaaluun takkaan daangaan seeraa sun fudhatamummaa akka hinqabaanne, takkaan immoo akka fedhanitti nama hacuucuuf kan aggaamame waan ta’eef tarkaanfachiisaa ta’ee hinmul’atu.
Kana malees yeroof aangoo dahoo godhatanii hojii hannaa, saamichaa, tarkaanfii garajabummaafi gocha suukanneessaa walirratti fudhachuun egeree ofiifis balaafamaa waan ta’eef of qusachuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
7 Comments to “Barri goommaadha jechuun kana mitiiree?”