“Ayyaanni dubartootaa baranaa adda” -Dubartota miseensota Caffee

Adaamaa: Seenaa Itoophiyaa keessatti barana yeroo jalqabaatiif Pirazdaantiin dubartii biyya bulchuuf carraa argatte, Manni Murtii Waliigalaas Pirezidaantummaa dubartii jalatti kufe, Raayyaan Ittisa Biyyaas yeroo jalqabaatiif dubartiin hoogganamuuf dirqame.

Baay’inni dubartii dur sadarkaa hooggansaa keessattuu ministerummaatti akka mi’eessituutti takkaafi lama mul’achaa ture barana aduun dubartii baatee walakkaa kaabinee biyyattii fudhatte.


Kun immoo akka Afrikaattis ta’ee addunyaatti biyya dubartii baay’inaan hooggansa olaanaa irratti hirmaachisan keessaa sadarkoota duraa irratti biyyattii waamsisee, dubartii immoo hiree olkaasee gammachiise.
Ayyaanni dubartootaa dur dubbii qofaan kabajamaa tures barana dhugumatti ayyaana dubartootaa ta’ee kabajama.


Yeroon ammaa kana dubartootni afaan qofaan osoo hintaane qabatamaan dhiiraan qixa gara aangoowwan olaanootti dhufan waan ta’eef kabaja ayyaana dubartootaa baranaa kan adda isa taasisu ta’uu dubartootni miseensota Caffee ni dubbatu.


Aadde Murshidaa Abbagissaa Godina Buddoo Baddalleetti bakka buutuun aanaa Dhidheessaa yemmuu ta’an, ganda keessa jiraatanitti immoo dura teessuu waldaa qusannoo dubartootaati. Ayyaana dubartootaa baranaa dubartoota miseensa waldichaa ta’an hunda kakaasuudhaan akkasumas sadarkaa aanaatti hiriiraan kabajuuf qophii xumuruusaanii dubbatu.


Tanaan dura ayyaanni dubartootaa maqaa qofaan waggaa eeggatee yeroo tokko kabajamuun alatti qabatamaan wanti dubartiirratti hojjatame laafaa ta’uu kan eeran Aadde Murshidaan, inni baranaa garuu dubartiin sadarkaa pirezidaantii biyyaa irraa kaasee ministerummaatti kan itti filamte ta’uun kan adda isa taasisuufi hamilee dubartootaas kan cimsu ta’uu ibsu.


Godina Harargee Bahaatti bakka buutuun Aanaa Baddannoo Aadde Hamziyaa Sheekaa gamasaaniitiin, hanga ammaatti ayyaanni dubartootaa osoo walirraa hincitne waggaa waggaadhaan kabajamuunsaa injifannoo har’a dubartootni gonfachaa jiraniif shoora olaanaa taphachuu dubbatu.


Ammaan tana hirmaannaan dubartootni aangoo sadarkaa federaalaatti qaban dabaluun gaarii ta’ee osoo jiru kun immoo sadarkaa godinaafi aanaaleetti garuu gadi bu’uu kan hindandeenye jedhu.


Naannawawwan baadiyyaatti dubartootni ammas xiyyeeffannoo gahaa argachuu dhabuun iddoowwan tokko tokkotti immoo ilaalchi boodatti hafaan dubartootaan walqabatee jiru sun haala hafuu dandeessisurratti hojii bal’aan hojjatamuu qaba. Xiyyeeffannoon kabaja ayyaanichaas kanumarratti ta’uu akka qabu dhaamu.

Bayyanaa Ibraahimiin

.

Recommended For You

12 Comments to ““Ayyaanni dubartootaa baranaa adda” -Dubartota miseensota Caffee”

  1. Pingback: bk8
  2. Pingback: EC
  3. Pingback: sagame
  4. Pingback: altogel
  5. Pingback: Telegram下载
  6. Pingback: highbay
  7. equilibrado de turbinas
    Aparatos de equilibrado: importante para el rendimiento suave y efectivo de las dispositivos.

    En el mundo de la innovación actual, donde la efectividad y la confiabilidad del dispositivo son de gran importancia, los sistemas de ajuste juegan un función crucial. Estos sistemas dedicados están desarrollados para balancear y asegurar partes rotativas, ya sea en maquinaria industrial, vehículos de transporte o incluso en dispositivos hogareños.

    Para los expertos en mantenimiento de dispositivos y los ingenieros, operar con equipos de balanceo es fundamental para garantizar el funcionamiento fluido y estable de cualquier sistema rotativo. Gracias a estas alternativas innovadoras avanzadas, es posible disminuir notablemente las sacudidas, el ruido y la carga sobre los cojinetes, aumentando la tiempo de servicio de componentes importantes.

    Asimismo significativo es el papel que tienen los dispositivos de balanceo en la soporte al cliente. El apoyo especializado y el reparación constante empleando estos equipos posibilitan brindar prestaciones de excelente calidad, aumentando la bienestar de los compradores.

    Para los dueños de empresas, la inversión en unidades de balanceo y detectores puede ser clave para mejorar la productividad y rendimiento de sus equipos. Esto es particularmente significativo para los emprendedores que manejan reducidas y pequeñas emprendimientos, donde cada detalle importa.

    Además, los aparatos de equilibrado tienen una gran uso en el campo de la protección y el supervisión de calidad. Habilitan localizar potenciales fallos, reduciendo intervenciones caras y problemas a los aparatos. Incluso, los resultados obtenidos de estos dispositivos pueden emplearse para maximizar procedimientos y potenciar la reconocimiento en motores de búsqueda.

    Las áreas de aplicación de los equipos de ajuste comprenden diversas sectores, desde la elaboración de bicicletas hasta el monitoreo ecológico. No interesa si se trata de extensas producciones de fábrica o pequeños espacios de uso personal, los equipos de balanceo son indispensables para garantizar un desempeño eficiente y sin fallos.

  8. Pingback: โคมไฟ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *