Zoonii Lixaatti miseensonni WBO 700 ol simataman

Finfinnee: Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waamicha nageenyaa abbootii Gadaa fudhatan 744 ummatatti makamaniiru; kunneenis gara kaampii Xollaayitti geeffamuusaanii Walittiqabaan Gumii Abbootii Gadaa ibsan.

Walittiqabaan gumichaa Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, miseensonni waamicha nagaa fudhatanii ummatatti makaman kunneen akkuma duraan jedhame leenjii barbaachisu fudhachuun akkaataa fedhiisaaniitiin hojiitti kan bobba’an ta’u.

Miseensonni biroonis ummatatti makamuuf fedhii akka qabaniifi guyyaan akka dheereeffamu gaafachaa jiraachuu miseensota ummatatti makaman irraa odeeffachuusaanii eeranii, haala kanaan abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa naannawa naannawaasaaniitti akka simataniif isaanitti dabarsanii deebi’uusaanii ibsaniiru.

Haalli ummatatti makamuu miseensotaa kun milka’aa turuu kan himan Abbaa Gadaa Bayyanaan, korichi guyyoota 10 haalota mijeessuuf karaarratti waan fixeef akkasumas, sababa rakkoo neetworkiifi fageenya bakka waraanni jiruutiin miseensota hamma yaadame simachuun dadhabamuusaa addeessaniiru.

Miseensota WBO Wallagga afran irraa ummatatti makaman kunneen hogganaa ittaanaa dhaabichaa dabalatee, qabsaa’ota maanguddoota umurii dheeraa achi keessatti dabarsaniifi dargaggoota ta’uu kaasanii, kunneenis booji’amummaa osoo hintaane abbootii Gadaa dhaga’uufi ummata kabajuusaaniitiin miira boonuutu irraa dubbifama jedhaniiru.

Ijoolleen kunneenis “Qawwee lafa keenye malee, sammuu keenya lafa hinkeenye; waan dandeenye hundaan Oromiyaaf ni hojjenna” yaada jedhu akka qaban kan ibsan Abbaa Gadaa Bayyanaan, kanaaf mootummaanis waadaa nuu seene dafee raawwatee haala isaan itti of danda’an akka mijeessu, ummannis deggarsa barbaachisu akka taasisu waamicha dabarsaniiru.

Ammayyuu Ajajaa ABO Zoonii Lixaa Jaal Marroo argachuuf yaaliin taasifame akka hinmilkoofne kaasanii, hanga dhumaatti garuu akka abdii hinkutanneefi innis ni dhufa jedhanii akka abdatan dubbataniiru.

Miseensota WBO waamicha fudhatanii ummatatti makaman, Hayyu Duree ABOfi hoggantoota mootummaa Oromiyaa nageenyaaf dursa kennuun waamicha abbootii Gadaa jalaa awwataniis aantummaa isaan ummatichaaf qabu kan agarsiisuu ta’uusaatiin galateeffataniiru. Fuuldurattis nageenya waaraatiif waliin akka hojjetan abdii qaban ibsaniiru.
Sochii zoonii kibbaafi kan waliigalaa ilaalchisuun dursinee odeeffannoo argachuuf yaaliin taasifne nuuf hinmilkoofne. Koreen teknikii har’a ibsa ni kenna jedhamee eegama.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Zoonii Lixaatti miseensonni WBO 700 ol simataman”

  1. Pingback: incestuous sex
  2. Pingback: BIPOC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *