Yunivarsiitiin Amboo misooma magaalaa Amboo keessati shoorasaa bahachaa jiraachuun ibsame

Amboo: Yunivarsiitiin Amboo ummata magaalaafi naannawaa ishee waliin ta’uun misooma magaalattii babal’isuuf sochii olaanaa taasisaa jiraachuun ibsame.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Amboo Doktor Taadasaa Qana’aa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Magaalaan Amboo magaalota biyyattii umrii dheeraa qaban keessaa kan duraa taatus misoomaan daratti duubatti hafteetti.
Dhalattoonni magaalattii misooma magaalaa Ambootiif quuqaman yunivarsiitii Amboo wajjin ta’uudhaan sochiilee adda addaa jalqabuusaaniis addeessaniiru.

Magaalaan Amboo ammaantana bu’uraalee misoomaatiin duubatti hafaa jirti kan jedhan Doktor Taaddasaan, daandiiwwan keessoo magaalattii, ibsaan daandiirraa, kilinikiin, buufatni fayyaa, akkasumas iddoowwan oolmaa dargaggootaa gahaan waan hinjirreef fedhii hawaasa magaalattiifi naannawaashee guutuun hindanda’mne.

Yunivarsiitiinsaaniis hanqinoota kanneen hubachuun hawaasa magaalattii misooma kanaaf mari’achiisuun koree teknikii erga hundeessee booda sochii guddaa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.

Kanaanis yunivarsitichi deeggarsa tekinikiifi ogummaa kan kennu yoo ta’u, mootummaa, abbootiin qabeenyaafi ummanni qarshiifi meeshaalee deeggarsaa adda addaa kennuudhaan yeroo gabaabaa keessatti misooma kana jalqabuuf qophiirra jiraachus Doktor Taaddasaan himaniiru.

Sosochii kanaafis dhiheenya kana magaalaa Finfinnee, hoteela Ililliitti bakka qaamoleen mootummaa olaanaan argamanitti sirni qarshii walitti qabu gaggeeffamuusaas addeessaniiru.
Guyyaa sagantaan kun itti qophaa’etti abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi ala jiran, dhaabbileen misoomaa adda addaa, akkasumas namoonni dhuunfaa misooma kanatti gammadan kallattiifi karaa bakka bu’ootasaaniitiin qarshii kennuuf waadaa galuusaanii himaniiru.

Akka ibsa pirezedaantichaatti hirmaannaa kutaalee hawaasaatiin taasifameen qarshii miliyoona 456 walitti qabuuf karoorfame keessaa hanga Kibxata dabreetti qarshiin miliyoona 46 galii ta’uu eeraniiru.

Qarshiin kunis karaalee adda addaatiin kan walitti qabamu yoo ta’u, namoonni misoomichaaf quuqaman marti waadaa galan fiixaan baasuudhaan yeromaan galchuudhaan hojichi akka jalqabamus abdiin qaba jedhaniiru.

Gama biraatiin ummanni magaalaa Amboofi naannawaashee misoomaaf fedhii olaanaa qabaatus sababiiwwan adda addaatiin fedhiin misoomaa guutameefii akka hinbeekne ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaa, Doktar Mangistuu Tulluu ibsaniiru.

Bakka bu’uurri misoomaa hinjirretti guddina misooma magaalaa eeguun hindanda’amu kan jedhan ittigaafatamtichi, magaalaan Amboo dharraa misooma bara dheeraa akka qabdudha kan addeessan.

Ummanni magaalaa Amboofi naannawashii yeroo baay’ee misoomaaf iyyatus qaamni isa dhagahu waan hinturreef guddinni magaalattii duubatti akka hafuuf dhiibbaa guddaan godhamaa turuu himaniiru.

Haata’u malee ummatichi misooma kana fiduuf sirnoota sadan darban wajjin falmii olaanaa taasisuudhaan ammaan tana gaaffiinsaa deebi’aa waan jiruuf gammachuu guddaadhaan misoomatti seenaa jiraachuu dubbataniiru.

Magaalaan Amboo ammaan tana tasgabbaa’uudhaan nageenyishee haala gaariirra jiraachuufi investeroonni akka barbaadanitti dhufuudhaan misooma gara garaarratti akka hirmaatan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

12 Comments to “Yunivarsiitiin Amboo misooma magaalaa Amboo keessati shoorasaa bahachaa jiraachuun ibsame”

  1. Pingback: wonder rope candy
  2. Pingback: jarisakti
  3. Pingback: Buy Guns In usa
  4. Pingback: tai sunwin
  5. Pingback: sex girldie
  6. Pingback: fifa55cash

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *