Bara 1965 oggaa sagantaan siyaasaa wixinametti qaamni qabsoo qindeessu ‘Koree Qindeessituu Waaltaa’ jedhamu hundaa’ea ture. Miseensota korechaatti dirqama adda addaatu kenname. Koree dhaabbate keessaa tokko ‘Koreen Aadaafi Hawaasummaati. Koree kana kan hoogganaa ture Obbo Leencoo Lataati. Koreen aadaa kun hanga korri sabaa tokkoffaan bara 1969 taa’amutti hojiilee jajjaboo lama raawwachuun milkaa’eera.
Milkaa’inni duraa Oromiyaa hunda irraa hawisoo walitti fiduun agarsiisa aadaa tokko Galma Biheraawwii Tiyaatiritti geggeessuun danda’ameera. Agarsiisni aadaa kun maqaasaatu aadaadha malee kaayyoonsaa guddaan Oromoo bakkawwan hundaa walitti fiduun, walbarsiisuu, eenyummaa, seenaa, aadaafi afaansaa tokko akka ta’eefi akka saba tokkootti akka waliif yaadaniifi quuqaman taasisuufi sabaan tokkicha, hiree tokkichaafi biyya tokkicha akka qabu hubachiisuuf ture.
Milkaa’inni lammaffaan Afaaniifi Aadaa Oromoo guddisuuf seera mootummaa jalatti Gaazexaa Afaan Oromoo tokko jalqabuuf ture. Dargiin yeroo sana ‘Warraaqsa Dimokraasii Haarawaa’ hordofna jedhee waan tureef sanatti dhimma bahuun Gaazexaan ‘Bariisaa’ jedhamu maxxanfamuu jalqabe.
Gaazexaa kana bu’uuressuu keessatti Koreen Aadaafi Hawaasummaa ABO kan Obbo Leencoo Lataatiin hoogganamu harka lafa jalaatiin geggeessa. Mootummaa biratti beekamee hayyama akka gaafatu kan ta’e garuu Obbo Mahaadii Hamiid Muudeeti. Obbo Mahaadiin boodarra ‘Abbaa Bariisaa’ jedhamuun beekaman. Obbo Leencoo lataafi Obbo Mahaadii Hamiid walta’anii jalqaban. Kun kora jalqabaa ykn bara 1965 dura ta’e.
Hooggantoonni ABO bu’uuressan yeroo jalqabaa sana akka irratti hinbaramneef tooftaa harka duubaan nama biraa hojjisiisuutti dhimma bahaa turan. Seenaan hundeeffama Gaazexaa Bariisaa akkas ture. Obbo Mahaaddiin akka Obbo Leencoon dirqama dhaabaan hojjechaa turan hinbeekan. Garuu waliin hojjetu. Tooftaan kun hanga gaafa Dargiin gaazexicha dhaalee kan mootummaa taasisuutti itti faayidaarra oolaa ture.
Bu’uuressitoonniifi hoggantoonni ABO buleeyyiin hanga kora bu’uuressaa sirnaan godhatanitti dirqama walitti kennanii hojii jaarmiyaa, siyaasaafi waraanaa wal hojjisiisaa turan. Hojii Obbo Leencootti kenname keessaa inni tokko guddina Aadaafi Afaan Oromoo irratti hojjechuudha ture. Kanaafuu gaazexaa Bariisaa bu’uuressuun dirqamasaanii ture.
Obbo Leencoon gaafa gaazexaa Bariisaa bu’uuressan ofii duuba goranii Obbo Mahaadii Hamaad akka hojjetu taasisan. Kunis tooftaadhaan akka hoogganniiifi icciitiin hinsaaxilamneef hoggantoonni ABO jalqabaa tooftaa kanatti gargaaramaa turan. Tooftaa kanaan hedduun isaanii diina keessaafi to’annaa diinaa jala taa’anii hojii qabsoo hogganaa turan.
Hooggantoota ABO keessaa namni tooftaa akkasiitti hedduu gargaaramaa ture Obbo Baaroo Tumsaati. Obbo Baaroon hojii harka lafa jalaa (‘master mind’) kanaan beekamoo turan. Obbo Mahaadiin akka Obbo Leencoon ramaddii ABO qaban hinbeekan ture.
Obbo Leencoonis itti hin himne. Kanaaf hanga mootummaan Dargii Gaazexaa Bariisaa kan dhuunfaa isaa taasisutti gaazexicha Obbo Leencootu duubaan hogganaa ture. Obbo Mahaadiin nama qulqulluu hojii gaazexichaaf haamilee gaarii qabu turan.
Gaazexaan Bariisaa waggaa lammaffaa aangoo fudhachuu mootummaa Dargii sababeeffachuun yeroo tokko qofa akka maxxanfamuuf hayyamni kennameef. Sana booda Gaazexaan Bariisaa akka dhorkame humni tikaa Dargii gaazexeessitoota Bariisaatti hime.
Humna tikaa irraa hayyama marsaa duraa argatanii marsaa jalqabaa Afaan Oromoo qubee saabaatiin maxxansan. Obbo Leencoofi haati warraa isaanii Gaazexaa Bariisaa Afaan Oromoon yeroo jalqabaaf maxxanfame sana qonnaan bultoota mootummaan Dargii guutummaa biyyattii irraa walitti fidee Yunivarsitii Finfinnee qubsiisee kaayyoofi akeeka mootummaa isaa barsiisaa tureef tola hiran.
Qonnaan bultoonnis Gaazexaa Bariisaa Afaan Oromootiin yeroo jalqabaatiif barreeffame qabatanii gara naannawaa irraa dhufaniitti fudhatanii galan. Oduun gaazexichaas biyya guutuu walga’e. Gaazexaa Oromootu dhalate jedhanii namoonni hedduun haasa’uu jalqaban. Sana booda hayyama waan hinqabneef gaazexicha itti fufuun hindanda’amne.
Mootummaa biraa hayyama argachuuf karaa gara garaa irratti hojjetamaa ture. Sadarkaa sanatti mootummaan Dargii baadiyyaa keessa bobba’uu eegaleera. Ummatni keessattuu qonnaan bulaan gaafa dabballoota mootummaa Dargii argan “Gaazexaan keenya maaliif hafe” jedhanii gaafataa turan. Gaaffiin kun guutummaa biyyaa keessaa kaka’aa waan tureef Dargiin hayyama gaazexaa Bariisaa deebisee kenneef.
Kanaaf deebisanii maxxansuu eegalan. Ammas Mahaadiin gaazexichi akka ABO waliin hidhata qabu hinbeeku ture. Akka inni hinbeekne gochuun nagummaa isaatiif barbaachisaadha ture. Bifa kanaan waggaa lama hojjetame. Qubee Laatiinii amma itti fayyadamaa jirru kanattis jijjiiruuf hawwii qabu turan. Garuu haalli mijataan hinturre. Kanaaf qubee Saabaatiin hojjechuuf dirqaman.
Walumaagalatti, Gaazexaan Bariisaa yeroo itti Afaan Oromoo dubbachuufi haasa’uun qaanii turetti qubee saabaatiin bareeffamaa kan ture gaazexaa Afaan Oromootiin barreeffaman keessaa isa hangafa. Gaazexaan seena qabeessi kun yeroo ammaa qubee Laatiiniitiin sadarkaa mootummaa federaalaaatti maxxanfamaa jiruudha.
Gaazexaan qabsoo cimaa keessa darbee as gahe kun gara fuulduraatti mallattoofi ibsituu afaan, aadaa, seenaafi eenyummaa Oromoo ta’ee akka ittifufuuf dhaloonni ammaa tumsa barbaachisu akka taasisaniif waamicha dhiyeessina.
Natsaannat Taaddasaatiin
3 Comments to “Seenaa hundeeffama Gaazexaa Bariisaa”