Dubbistootaa, torban darbe gaafdeebii Geezexessaa Abdii Fiixee wajjin taasisne kutaa tokkoffaasaa mataduree, “Oromummaamoo Itoophiyummaatu dursaadhaan doorsifameera” jedhuun isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Kutaan ittaanuufi xumuraasaas kunooti.
Bariisaa: Fiilmiin keewoo maalirra jira?
Abdii: Fiilmiin koo jalqabaa iskiriiptiinsaa barreeffamee dhumee gulaalamaa jira. Namoota baay’eetu irratti hirmaataa jira.
Bariisaa: Yoom ummata bira ga’aree?
Abdii: Haalota tokko tokkotu na qabe malee barana xumuruuf yaadeen ture. Bara ittaanu garuu fiilmii Oromoo keessatti waan tokko nan dabala jedheen abdadha. Gama kanaan waantonni abdachiisoon akka jiran hubadheera. Wanta hojiif qalbii namaa hawatuufi miira kakaasu, qaawwi baay’ee ogummaa kanaan guutamuu danda’anfaatu jiru.
Bariisaa: Waa’ee kitaaba kee “Dhoksaa Jireenyaa” jedhamuu natti himi mee?
Abdii: Kitaaba kana barreessuuf ka’umsa kan naa ta’e Dhaabaa Wayyeessaati. Kitaabnisaa “Godaannisi” jedhamu daa’imummaa kootti dubbise booree wayii na keessa kaa’ee darbe. Isa keessatti of ilaaleen gaaf tokko barreessaa ta’uun mala jedhee ofitti hime.
Yeroo sanarraa kaasee carraawwan jiran hundaan fedha koofi mul’atakoo milkeeffachuuf tattaafachaan ture. Isa booda kitaabota, Kuusaa Gadoo, Suuraa Abdii, akkasumas kutaa 7fatti kitaaba Amaariffaa ‘Biriqriqtaa’ jedhamu dubbisnaan dandeettiin waa barreessuu akka keessa koo jiru hudhadhus cimsee itti hinadeemne. Eddiin Ameerikaa deemee garuu abjuukoo milkeeffadheera. Karoorri koo jalqabaa kitaabaafi fiilmii barreessuu waan tureef kitaaba asoosamaa koo “Dhoksaa Jireenyaa” jedhamu ALA bara 2012 maxxansiise.
Qabiyyeen kitaabichaas haala jireenya hawaasummaa baqataarratti kan xiyyeeffateedha. Kitaaba asoosamaa biraa, “Madaa Qubaa” jedhamus maxxansiisuuf qophiirran jira. Kitaabni kunis haaluma jireenya baqattummaarratti kan xiyyeeffatu ta’ee bu’aa ba’ii ijoollee keenya shamarraniirra biyyoota giddugaleessa bahaatti gahurratti kan barreeffameedha. Yeroo dhihootti ummata bira ga’a.
Bariisaa: Haala si’anaa biyya keenyaa akkamiin ibsita?
Abdii: Jijjiiramni kun jijjiirama lubbuun hedduu itti wareegameedha, kan haadholiin ijoolleesaanii itti wareeganiidha. Kanaaf kan akka salphaatti ilaallu miti. Keessumaa Oromoodhaan dhufuunsaa hiika guddaa qaba.
Oromoon waggoota dheeraaf biyya kanaaf akka saba biyya diiguu, cabsuufi bittinneessuutti yaadamaa ture. Yaadichi haala kanaan fashalaa’uunsaa waan daran nama gammachiisudha. Adeemsa kana keessa tarii hanqinoonni jiraachuu malu.
Waanin itti amanu tokkotu jira. Nama baay’ee beela’ee jiru tokkoof foon diimina yoo dhiheessite ni dhukkuba. Kanaaf jalqaba, ‘appetiser’ (si’eessituu) nyaachuu qaba. Garaa akka malee beela’e sana waanti ittiin laaffisatu jiraachuu qaba.
Jijjiiramani amma biyya keenyatti mul’ataa jirus anaaf si’eessituudha. Sababnisaas sabni keenya waggoota 100 oliif gabrummaa hamaa jala ture. Waggoonni 27n darban bilisummaa fakkaatee ummata miidhaaf saaxilee ture.
Haala kana keessaa battalaan bahamee jijjiirama guddaa eeguun hindanda’amu. Jijjiiramni dhawaata dhawaataan dhufa. Har’a waa tokko, bor waa biraa, iftaanis akkasuma waa biraa argita. Namoonni tokko tokko jijjiirama qabatamaa barbaadu. Kanneen adeemsi jijjiiramichaa sirriitti galeefis jiru.
Warreen jijjiirama kan deggaran daran ol fuudhanii akka waan bilisoomnee, waantonni hundi nuu guuteetti yaadan jiru. Kan cirumayyuu Oromoon amma gabroome jedhanis jiru. Lamaanuu nama naasisu. Kanaaf adeemsichi giddugaleessummaan ilaalamu qaba.
Bariisaa: Jijjirama eegalame milkeessuuf maaltu ta’uu qaba jetta?
Abdii: Abdii guddaatu jira. Kanammoo qaama aangoorra jiru qofatu ceesisa miti. Abdii kana milkeessuuf ummanni ga’eesaa ba’achuu qaba. Dhaabbileen siyaasaa morkattootaas kana keessatti qooda qabu. Keessumaa wayita ittigaafatamummaa olaanaan Oromoo harka jiru kanatti walhubachuun jijjiirama gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu qabu.
Yeroon gara Wallaggaa deeme waanin miidiyaa hawaasaarratti argaa ture akkan achi deemu nan taasisu ture. Garuu yoon du’es, yoo rakkoon biraan na mudates biyya kooti; reeffiikoo fe’amee hindhufu, maatiikoo keessattin awwaalama jedheen deeme. Ijoollee ol adeemtuutu miidhamee, haati miixattee deesse reeffa mucaasheerra teessee reebamaa turte.
Gaafan deemu garuu waan jiru faallaadha; warra karaa eegan waliin taphachaa, kolfaa, suura ka’aan deeme. Naqamtetti immoo karaa keessoo keessa naanna’ee hiriyyootakoo durii waliin walarge; lafan hindhaqiin hinjiru. Warra karaarratti buna gurguran bira taa’ee taphadheen dhufe; nagaadha.
Rakkinniifi gumgummiin jiraachuu mala. Yaadonni walfaallessuun inuma jira. Garuu wanti jijjiirama kanatti gufuu ta’u uumamuu hinqabu. Jijjiiramni kun kan mootummaa aangoorra jiruufi morkattootaa otoo hintaane kan ummataati. Kan tikfachuufi eeggachuu qabus ummatichuma. Har’a warri waggaa 40 oliif biyya hambaa turan, gara biyyasaanii dhufaniiru. Yoo kana ni tuffanna ta’e jijjiirama guddaa fudhachuu hindandeenyu. Isa kana dinqisiifachuufi galateeffachuu qabna. Waan nu harka gale kunuunfachaa isa hafe jennu dabalachuu karaa seera qabeessaan dhawaataan gaafachuu aadeffachuu qabna.
Fakkeenyaaf baroota 1974 yoo fudhannee humna waraanaa Dargiitu aangoo qabate. Maqaan jijjiiramee sosochii barattootaa haa jedhamu malee qeerroo ykn dargaggoota kan falmii gaggeessee mootummaa Hayilasillaasee aangoorraa buuse. Utuu humni jabaan ummanni abdatu kan akka ‘Team Lemma’faa achi keessa tureera ta’ee Dargiin humnaan ummata hinmiidhu ture.
Se’anas otoo Lammaafi Abiyyifaan akka hanqaaquu achi keessaa cabsanii hinbaane ta’ee har’a nuti bakka kana hinjirru. Namoota hubannoo gaarii qaban kanneen Waaqatu nuu kaa’e. Namoonni kunniin dha’annaa onnee ummatichaa hubatanii, ummatichuma wajjin dhufanii dhaabbatanii, ummaticha gaachana godhatanii galagalanii sirna kaleessa wajjin turaniin “Lakki bakka kanatti dhaabbachuu qabdu” jechuu danda’uun isaaniituu waan guddaadha. Kanaaf jijjiirama kana akka salphaatti ilaaluu hinqabnu. Hanqina jiru guutaa jijjiiramichi ittifufiinsa qabaachuu qaba.
Bariisaa: Adeemsa miidiyaa biyya keenyaarratti yaada akkamii qabda?
Abdii: Biyyoota guddatanitti miidiyaan mootummaa afraffaadha. Kanaaf yemmuu aanga’oonni daangaa sararameef darban, abbootiin qabeenyaa ummata miidhan, abbaan murtii murtii dabsu hordofee saaxiluu qabu miidiyaadha.
Biyya keenyatti miidiyaan harki caalu ilaalcha paartii biyya bulchuutiin bocamu. Inni kun balaa guddaa qaba. Ji’oota muraasa darbanitti ilaalchi kun hanga tokko waan cabe fakkaata. Akkaataa gaazexeessitoonni itti gabaasan mootummaatu bocaaf yoo ta’e miidiyaan asirratti dhaabbachuun qaba jechuu danda’uu qaba.
Fakkeenyaaf dhimma tokkorratti Gaazexaan Bariisaa walabummaan gabaasa hojjetee, Doktar Abiyyimmoo ani akkana jechuu hinfeene, yaadni koo kan ture Bariisaatu dabse malee jedhanii yoo gaazexicha komatan dhuguma walabummaan jira jechuudha. Garuu Bariisaan sana hojjechuusaatiif gaazexeessaansaa waajjiratti waamamee sodaachifama yoo ta’e, ammayyuu midiyaan hinbilisoomne jechuudha.
Gaazexeessitoonni biyya keenyaa ofitti amanamummaa gonfchuu qabu. Ogummaansaanii rakkoolee adda addaatiif isaan saaxila taanaan kanaafis of qopheessuu qabu. Haala mijataa ofiisaanii keessaa ba’anii hojjechuu qabu.
Ejjennoo mataasaatiin of danda’ee socho’uu qaba. Mootummaa wajjin gaggaragaluu hinqabu. Fakkeenyaaf Bariisaan barittii hamtuu sana keessa hojii cimaa hojjechaa ture. Gaazexeessitootasaarra balaawwan addaddaatu qaqqabaa ture. Sana keessa darbee har’a as jira; miidiyaan akkas ta’uu qaba.
Bariisaa: Dhumarratti waan dubbachuu barbaaddu yoo qabaatte ?
Abdii: Biyyi keenya haala bareedaarra jirti. Haa ta’u malee jijjiirama siyaasaa qofa ta’uu hinqabu. Waan baay’ee nama gaddisiisutu jira. Sooressi biyya kanaa ciree Paarisii nyaatee, irbaataaf Ameerikaa ykn Landan deema. Jireenyi hiyyeessaa garuu daran nama gaddisiisa.
Waa’een qulqullina magaalotaa keessumaa kan Finfinnee itti yaadamuu qaba. Gamoowwan babbareedoo ijaaramanis daaraa fakkaatu. Finfinneen erga teessoo Gamtaa Afrikaa taatee gama kanaan moodeelii ta’uu qabdi.
Dhiyeessii mana jireenyaa, bishaaniifi ibsaa irratti hojjetamuu qaba. Ummannis jijjiirama amalaa fiduu qaba. Siyaasni qofti jijjiirama barbaadamu akka hinfidne hubatamuu qaba. Mootummaan immoo ummatasaatiif waantota barbaachisoo yeroodhaan dhiheessuu qaba.
Saamraawiit Girmaatiin
10 Comments to ““Otoo Lammaafi Abiyyifaan cabsanii hinbaane ta’ee bakka kana hinjirru” – Gaazexeessaa Abdii Fiixee”