“Oromummaamoo Itoophiyummaatu dursaadhaan doorsifameera” – Gaazexeessaafi Barreessaa Abdii Fiixee

Seenaa miidiyaa Oromoo keessatti sammuu Oromoo hedduu keessa kan jiru Gaazexaassaa Abdii Fiixee, keessumaa televizhinii Oromiyaa Miidiyaa Netowrki (OMN) irratti daran beekama.

Kana malees barreessaa kitaaba Dhoksaa Jireenyaa jedhamuufi walaloowwan hedduuti. Yeroo Fincila Diddaa Gabrummaa sana karaa miidiyaafi feesbuukiitiin innis qabsoo finiinsuu keessatti ga’eesaa taphateera.

Erga biyyaa ba’ee waggoota 15 booda dhiheenya kana gara biyyaatti deebi’eera. Gaazeexaan Bariisaas haala yeroorrattiifi sababa miidiyaarraa fagaachuusaa akkasumas, dhimmoota biroorratti gaafdeebii gaazexeessicha wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiheessina.

Bariisaa: Mee Abdiin eenyu, kanarraa kaanuu?

Abdii: Maqaan koo Abdii Fiixeeti. Kaniin dhaladhe Godina Wallagga Lixaa, Magaalaa Boojji Dirmajjii jedhamtutti. Magaalattii keessa baay’ee hinturre. Daa’ima waggaa lamaa ta’een abbaan koo hojiif gara Naqamteetti maatii qabatee dhufe. Achitti guddadheen hanga kutaa 10ttin baradhe. Yommuu gara kutaa 11tti darbu abbaan koo hojii ijaarsaa waan hojjetuuf mana barumsaa ijaaruuf gara Najjoo deemnaan isa waliin deemeen achitti kutaa 12fa xumure.

Isaa booda carraa biyya keessa turuuyyu hinarganne. Yommuun kutaa 12fa baradhu haalli biyya keessaas baay’ee namatti hintolu ture. Aniifi hiriyoonnikoos bifa diraamaafi walalootiin otoo mootummaa qeeqaa jirruu ALA bara 2003 lotorii diiviitiin Ameerikaa deeme.

Bariisaa: Akkamiin waa barreessuu eegalte?

Abdii: Waa barreessuun jalqabumaa kaasee keessakoo ture. Abbaan keenya akkumasaa injiinara akka taanuuf barbaaduuf nu jajjabeessaa ture. Pilaanii manaafaa nu hojjechiisaayyu. Kanaaf keessumaa maatiin hundi akkan gara sanatti barbaada ture.

Ani garuu barnoota sadarkaa tokkoffaarraa kaasee hiriira alaabaarratti walaloo dubbisaan ture. Yemmuu sadarkaan barnoota koofi umriin koo dabalaa deemummoo of danda’een barreessuu eegale.

Hiriyaa koo Toleeraa Fiqruu, kitaaba Imimmaan Haadhaafi Raayyaa jedhu barreesse wajjin ta’ee waa barreessuu ittiin fufe. Yemmuu ijoolleen taphaafi bakka biraatti yeroosaanii dabarsan nuti waa’eedhuma barreeffamaa yaadna turre. Kanaan utuu jirruu gara Ameerikaa qajeele.

Bariisaa: Akka Ameerikaa deemteen maalirratti bobbaate? Gara gaazexeessummaatti hoo akkamitti seente?

Abdii: Akka deemeen fiilmii barreessuun baradhe. Kunis hojii barreessuutti akkan fufu na gargaare. Kanuma keessan fuula koo gara miidiyaatti naanneffadhe. Karaa wasiila koo (Obbo Bulchaa Dammaqsaa) namoota guguddoofi ogeessota miidiyaa adda addaa wajjinis walbare. Ogeessonni ani walbareen namoota hojiisaaniitiif fedhii guddaa qaban garuummoo haalota tokko tokkoon gaadi’amanii turaniidha.

Guyyaa gootototaa tokkorrattis walaloo dhiheesse. Inni baay’ee naa jaalatame. Kunis namoota danuu wajjin walbaruuf carraa dabalataa naaf ta’e. Namoota Obbo Bulchaan wal na barsiisan keessaa Ameerikaatti nama tamsaasa raadiyoo jalqabanii turaniifi Abbaan Bariisaa (Hamiid Muudee) isaan tokko.

Istuudiyoo isaan keessatti hojjetan istuudiyoo miidiyaaleen biyyaalessaa qabaniin qixxeedha. Meeshaalee ammayyaa’oofi guguddoo sana yommuu argitu dandeettii kee of tilmaamta. “Kana hindanda’u” miirri jedhu sitti dhaga’ama; garuu ani kana ofitti himuu hinbarbaanne. “Nan danda’an” inni jedhummoo xiqqoo na sodaachise. Kana lamaan gidduuttin nan yaala jedhee gale.

Manatti deebi’ees Obbo Bulchaatiin mari’annaan “ni dandeessa hojjedhu” jedhanii haaloota naaf mijeessan. Namoonnin waliin hojjedhuus na gargaaranii waa hunda na barsiisan. Sana booda barumsaas na baradhe; dandeettiikoos nan gabbifadhe. Dhuma bara 2004 irraa kaasee of danda’een ofii koo hojjechuu eegale. Hanaga bara 2008tti Raadiyoo Hawaasa Oromoo Jaarmiyaa ‘DC’ irra hojjedhe.

Bara 2009 boqonnaan fudhadhe. Bara 2012 Geetaachoo Tarfaasaafi Qumbii Kumsaafaa wajjin taanee raadiyoo ‘Dagalee Media Network’ kan jedhu hundeessine. Otuman raadiyoonicharra hojjechaa jiruu yaadni OMN hundeessuu dhufe.

Bariisaa: Yaadichi maalirraa ka’e laata?

Abdii: Namoonni akka Jawaar Mohaammad, Mohammad Adamoo, Doktar Solomoon Ungaasheefaa taanee Oromoon miidyaa guddaa tokko qabaachuun inuma barbaachisa, miidiyaan dhabamuusaatu nu miidha kanneen jedhan irratti erga yaada jedhurraa dhufe.

Bariisaa: Ejjennoo ‘Oromo First’ jedhamaa ture wajjin walqabatee maaltu si mudateeyyu?

Abdii: Ejjennichaan walqabatee namootaa wajjin walitti bu’e. Yeroo sana Jawaar waliin walitti dhiheenya baay’ee hinqabnu. Waltajjiilee addaddaarratti walagarra. Waa’ee Oromoorratti immoo dhaabbannee waliin mari’anna. Kana gidduutti waa’ee ‘Oromo First’ Jawaar ibsa kenne. Yeroos ani ‘DC’n ture. Kanarraa ka’uun Jawaar irratti duula guddaatu baname ture. Akkamiin akkas jedha jedhanii irratti ka’an.

Asirratti waanin kaasuu barbaadu ‘Oromo First’ waliin Jawaar maqaa haadhaa’amu malee yaadichi kan isaa qofa hinturre. Yeroos Oromootu abaaramaa, arrabsamaa ture. Kanaaf deebii akka ta’uuf yaadni, “Jalqaba ani Oromoodha (‘I am an Oromo First’) jedhu ka’e. Utuun Itoophiyummaakoo hinbariin ani dura Oromummaa koon beeka.

Maatiikoorraa fudhadhee kanin itti guddadhe kanin dhaale Oromummaadha. Itoophiyummaan kan irratti waliigaluu dandeessuudha. Biyya tokko dhaqxee lammummaa biyya sanaa fudhachuu dandeessa. Qomookee garuu jijjiiruu hindandeessu; gurraachi adii ta’uu, adiin gurraacha ta’uu hindanda’u; Oromoon Amaaraa ta’uu hindanda’u, Amaarris Oromoo ta’uu hindanda’u.

Kanaafi, ani gaafan dhaladhu Oromummaa kooti kanin beeku. Itoophiyummaarratti garuu, haalli yoo mijate yoo biyyi hunda keenyaaf taatu, kan tokko tuffatamee, inni tokko olaantummaa gonfatee, ani hidda mootiiti kan jedhu hinjiru yoo ta’e waliigallee Itoophiyummaa fudhanna. Yoo ta’uu baate garuu dhiibnee moggaatti walbaasna.

Yoo Oromoon lammummaansaa Itoophiyaadha jenne, jalqabuma akka isa yaadu hintaasifamne. Siyaas dinagdeefi hawaasummaatiin moggaatti baafamee arrabsamaa, miidhamaati kaninni jiraate. Akka abbaa ga’ee tokkootti boonee Itoophiyummaa akka himatu hintaasifamne.

Yoo amantii ta’ee amantii tokko, yoo biyya ta’e biyya tokko, yoo alaabaa ta’e alaabaa tokko jedhanii nutti himaa nu guddisan. Oromummaa keenya lafa keenyee garasaanii akka deemnu nu taasisan. Isaan achi keessatti waan dhaban hinqaban. Sababnisaa yoo sirba ta’e rukuttaasaanii, alaabaa taanaan kan ofii jaalatan qabatu.

Egaa yaadota kanneeniifi kkf ture barreessee ‘youtube’ irratti kaniin gadhiise. Galgala tokko hiriyoota koo wajjin taphachaa turee gara manakoo deeme. Oggaan suuqiidhaa waa bitadhee deebi’u namoonni sadii na hordofaa turan dukkana keessatti na qabanii, lafaan na dha’an. Shukkaa adda kootti qabanii Amaariffaan, “Mee amma dubbadhu. Oromummaamoo Itoophiyummaatu dursa?” jedhanii utuu na doorsisaa jiranii gidduutti konkolaataan tokko fagoodhaa dhufe.

Bakkichi saffisa hir’isuuf waan hojjetame qaba. Oggaa konkolaatichi namoota sanarratti ibse. Kanaa booda dokimantiiwwan na harka turan fudhatanii baqatan. Poolisiin hamma yeroo dhihootti hordofaa turus dhumarratti maalirra akka gahe quba hinqabu.

Bariisaa: Raadiyoo duraan irra hojjetaa turteefis ta’e OMNf haala kamiin odeeffannoo biyya keessaa argattuuyyu?

Abdii: Namoota of kennan garuu, iccitii qabatan hedduu wajjin hojjechaa turre. Haallitti namoota kanneenqunnamnu turre daran ammayaa’aadha. Nageenya namoota kanneeniitiif of eeggannaa guddaa gochaa turre. Akka tasaa yoo qabamanillee akka dokimantiin harkatti hinargamne taasisne.

Haala kanaan akka dhaabaattis ta’e dhuunfaatti namoota hedduu wajjin hojjetaa turre. Haala kanaanis odeeffannoo wayitaawaa argachaa kan turre. Odeeffannoo argannu ni qulqulleessina. Caasaalee mootummaa keessaas odeeffannoon nu ga’aa ture. Walga’iiwwan xixiqqoo taa’anirraa eegalee sagaleen ba’ee nu qaqqabaa ture. Walumaagalatti haalota kanneeniin odeeffannoo argachaa turre jechuudha.

Bariisaa: Odeeffannoo agachuurratti rakkachaa hinturre jechuudhaa?

Abdii: Daran rakkisaa ture malee. Yeroo odeeffannoowwan gurguddoo nuuf erguuf jedhanitti namoonni qabamaniifi miidhaman jiru. Wantidaran na dinqu utuma akka miidhaan irra ga’uu beekanii “haa ta’u Oromummaaf jedhee yoon miidhame homaa miti” jedhanii nuu erguu turan. Baay’een isaanii harkatti qabameera. Garuu dhalooti kun of kennaa waan ta’eef homaanuu ejjennoosaarraa deebi’uu hindandeenye.

Bariisaa: Maaliif OMN gadidhiiste? Ergasiimmoo miidiyaa biraatiin nan dhufa jettee turte, inni hoo akkam ta’e?

Abdii: Namni yeroo walwajjin hojjetu mudannoo xiqqoon uumamuu hinoolu; miilliyyuu gaafa deemu walitti bu’a mitiiree? Yeroo tokko tokko garuu akkaataan nuti itti waldhabdee keenya furachuuf yaallu miira keessa nu galchuu danda’a. Anis waldhabdeedhuma xiqqoo tokkoonin hojiikoo gadi dhiise. Waldhabdeen keenya dhimma hojii qofarratti. Akkan biyya dhufeen hiriyoota koo OMN keessa hojjetan dhaqee dubbiseera. Isaaniif akkuma durii jaalalaafi kabajan qaba.

OMN miidiyaa saba bal’aa wajjin walqunnamsise waan ta’eef akka dhala hangafaattin ilaala. Ammayyuu yaadaan waanin jiruuf milkaa’inan hawwaaf. Bilbilees yaada kan kennaaf.
Miidiyaa biraatiin dhufuu yaadeen ture. Haala sana keessattiin fiilmii tokko jalqabe. Inni baay’ee yerookoo fudhate. Haalli biyya keenyaas xiqqooshee na qabe. Namoonnis yaadawwan addaddaa keessa turan. Haala akkanaa keessatti baay’achuun miidiyaa bu’aa hinqabu jedheen yaadicha tursiise. Imalakoo gara biyyaatti taasise keessatti aanga’oota tokko tokko yaadicharratti mari’adheera. Ji’oota lamaan booda deebi’een haala mijeeffadha. kan xiyyeeffatu ta’ee bu’aa ba’ii ijoollee keenya shamarraniirra biyyoota giddugaleessa bahaatti gahurratti kan barreeffameedha.

Ittifufa

Saamraawiit Girmaa

Bariisaa Guraadhala 15/2011

Recommended For You

32 Comments to ““Oromummaamoo Itoophiyummaatu dursaadhaan doorsifameera” – Gaazexeessaafi Barreessaa Abdii Fiixee”

  1. Pingback: Devops Consultancy
  2. Pingback: radiesse
  3. Pingback: fn exploits
  4. Pingback: car detailing
  5. Pingback: rent boats
  6. Pingback: Sevink Molen
  7. Pingback: cam models
  8. Pingback: Food Recipes
  9. Pingback: chat with models
  10. Howdy! This post couldn’t be written any better! Reading this post
    reminds me of my previous room mate! He always kept talking about this.
    I will forward this post to him. Fairly certain he will have a good read.
    Thanks for sharing!

  11. Right now it looks like Movable Type is the
    preferred blogging platform available right now.
    (from what I’ve read) Is that what you’re using on your blog?

  12. I got this web site from my pal who shared with me
    regarding this website and now this time I am
    visiting this web page and reading very informative posts at this time.

  13. E2Bet Indonesia, situs judi online terbesar di Indonesia, aman, terpercaya, dan inovatif,
    bonus menarik dan layanan pelanggan 24/7. #E2Bet #E2BetIndonesia #Indonesia

  14. I don’t know whether it’s just me or if everyone else experiencing problems with your site.

    It looks like some of the text on your content are running off the screen. Can someone else please provide
    feedback and let me know if this is happening to them too?
    This may be a issue with my web browser because I’ve had this happen previously.

    Kudos

  15. I have been exploring for a bit for any high-quality articles or blog posts
    on this sort of area . Exploring in Yahoo I eventually stumbled upon this web
    site. Studying this info So i’m happy to show that I’ve an incredibly just right uncanny feeling
    I discovered just what I needed. I such a lot without a doubt
    will make certain to do not disregard this website and
    give it a look on a constant basis.

  16. I’m extremely pleased to find this website. I want to
    to thank you for your time for this fantastic read!! I definitely really
    liked every bit of it and I have you bookmarked to see new things
    on your site.

  17. Great post. I was checking continuously this blog and I am inspired!
    Extremely helpful information specially the last part 🙂
    I maintain such information a lot. I used to be seeking
    this particular information for a very long time.
    Thank you and best of luck.

  18. First of all I would like to say awesome blog! I had a
    quick question that I’d like to ask if you don’t mind.
    I was interested to find out how you center yourself and clear your mind prior to writing.
    I have had a tough time clearing my mind in getting my thoughts out there.

    I truly do take pleasure in writing but it just seems like the first 10 to 15 minutes are usually wasted simply just trying to figure out how to begin. Any suggestions or hints?
    Thanks!

  19. You actually make it seem so easy with your presentation but I find this matter to be actually something that I think I would never understand.
    It seems too complicated and very broad for me.
    I am looking forward for your next post, I’ll try to get the hang
    of it!

  20. Link exchange is nothing else except it is only placing the other
    person’s weblog link on your page at proper place and other person will also do same
    in support of you.

  21. Hi, I do think this is a great blog. I stumbledupon it 😉 I am going to revisit once again since
    i have book-marked it. Money and freedom is the greatest
    way to change, may you be rich and continue to help other people.

  22. Excellent goods from you, man. I have understand your stuff previous to
    and you’re just extremely excellent. I really like what you have acquired here, certainly like what you’re saying and the way in which you say it.
    You make it enjoyable and you still take care of to keep it wise.
    I cant wait to read much more from you. This is actually
    a tremendous site.

  23. It’s in point of fact a great and helpful piece of information. I am satisfied that you shared this helpful information with us.

    Please keep us up to date like this. Thanks for sharing.

  24. Hi! I know this is kinda off topic but I’d figured I’d ask.
    Would you be interested in exchanging links or maybe guest authoring a blog post or vice-versa?
    My site covers a lot of the same subjects as yours and I
    feel we could greatly benefit from each other. If you’re interested feel free to shoot me an email.
    I look forward to hearing from you! Terrific blog by the way!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *