Olanciitiin tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argatte

Olanciitii: Olanciitiin godina Shawaa Bahaa keessatti kan argamtu yoo taatu, magaala guddoo aanaa Boosat ta’uun tajaajilaa kan jirtuudha. Adaamaarraa kiiloo meetra 25 fagaattullee hawaasni magaalittiifi naannawashee yeroo dheeraaf bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun dararfamaa akka turan ni dubbatu.

Aadde Maammee Nagaash jiraattuu magaalaa Olanciitii yoo ta’an, yeroo dheeraaf bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun rakkachaa akka turan dubbatu. Keessumaa shamarran isaanii bishaan dhugaatii argachuuf hanga sa’aatii tokkoo deemanii waraabaa waan turaniif yeroo barnootaa isaaniirratti dhiibbaa geessisaa akka ture yaadatu. Amma garuu pirojektiin kun waan xumurameef rakkoon keenya furameeraa jedhanii, mootummaafi dhaabbilee tola ooltotaa galateeffataniiru.

Obbo Balaayi Gazzaanyis jiraatuma magaalittii yoo ta’an, bishaan dhugaatii argachuuf daa’immaniifi haadholeen halkaniifi guyyaa rakkachaa akka turan himu. Rakkoon kun akka furamuuf mootummaatti iyyachaa turreerraa jedhanii, wayita ammaa ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatiifi qulqullina naannawaa xumuramee eebbifamuusaatti gammaduusaanii ibsaniiru. Sirnaan kunuunfannee ni fayyadamnaa jedhan.

Hogganaan Biiroo Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Obbo Seefaddiin Mahaadii sirna eebba pirojektoota bishaanii dhugaatiifi qulqullina naannawaarratti argamuun akka jedhanitti, mootummaan naannoo Oromiyaa bishaan qulqulluu, gahaafi itti fufiinsa qabu dhiyeessuun, akkasumas tajaajila qulqullina naannawaa babal’isuun guddinni dinagdee ariifachiisaa akka dhufuuf xiyyeeffannoo olaanaatiin hojjechaa jira.

Rakkoowwan harkifannaafi qulqullina pirojektootaa waliin walqabatan furuun pirojektoota bajeta mootummaafi dhaabbilee deggartootaa kanneen akka ‘UNICEF, DFIDfi Baankii Addunyaa waliin hojjetaman baadiyyaafi magaalota 523 keessatti uwwisa bishaan dhugaatii %63.8 ture gara 69.5 guddisuun danda’ameera jedhu.

Pirojektiin dhiyeessa bishaan dhugaatiifi qulqullina naannawaa magaalaa Olanciitiis deggarsa tola ooltotaa, mootummaa naannoo Oromiyaafi hawaasa aanichaan waggoota lamaaf hojjetamaa turuu ibsanii, lammiilee kuma 48 ol tajaajilu ta’uu addeessaniiru.

Pirojektootni kunneenis harkifannaa malee yeroo qabame keessatti qarshii miliyoona 120 oliin ijaaramuun kan xumuraman yoo ta’u, keessumaa rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa magaalittii kan fureedhaa jedhan.

Ministeera Bishaan, Jallisiifi Elektirikiitti De’eetaan damee bishaan dhugaatiifi saniteeshinii Doktar Nagaash Wageeshoo akka ibsanitti, mootummaan tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu walgeessisuuf dhaabbilee deggarsaa waliin tattaaffii olaanaa gochaa kan tureefi ammas gochuurratti argamuudha.

Pirojektiin kun yeroo karoorfame keessatti ijaaramee xumuramuunsaa daa’immaniifi dubartootni bishaan waraabbachuuf jecha fagina deemanii yeroofi humnasaanii akka qisaasessineef kan gargaaruudhaa jedhan. Hawaasa magaalittiifi naannawasheefis haala mijataa kan uumuu ta’uusaas eeranii, jiraattotni magaalaa Olanciitii haalaan itti fayyadamuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Itoophiyaatti bakka buutuun ‘UNICEF’ Misiis Gilliyaan Melsoopi sirnicharratti haasaa gabaabaa taasisaniin akka jedhanitti, ijaarsi pirojektoota bishaan dhugaatiifi qulqullina naannawaa xumuramuun eebbifaman hawaasa magaalaa Olanciitiifi naannawasheef boqonnaa haaraa kan baneedha.

Kanaan booda daa’immaniifi haadholeen bishaan dhugaatii barbaachaaf iddoo mana jireenya isaaniirraa fagaatanii akka hindeemneef haalli mijataa uumamuunsaa carraa guddaadha jedhan. Kunimmoo keessumaa shamarran barnootasaanii addaan akka hinkutneefis haala kan mijeesse waan ta’eef, hawaasni magaalittiifi naannawashee sirnaan itti fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.

Pirojektootni bishaan dhugaatii qulqulluu eebbifaman magaala Olanciitii tajaajiluurra darbanii gandoota naannawaa magaalittii kanneen akka Dongoree Xiyyoo, Digaluu Waangaafi Feexoo kan fayyadan ta’uu hubachuun danda’ameera.


Takkaalliny Gabayyootiin
(Suurri Addisuu Garramuutiin)

Recommended For You

14 Comments to “Olanciitiin tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argatte”

  1. Pingback: タイ不動産
  2. Pingback: 스포츠 분석
  3. Pingback: my videos
  4. Pingback: outfit zipper
  5. Pingback: live chat
  6. Pingback: stapelstenen
  7. Holgura mecanica
    Sistemas de balanceo: importante para el operación estable y óptimo de las equipos.

    En el campo de la avances avanzada, donde la rendimiento y la confiabilidad del aparato son de alta importancia, los dispositivos de calibración desempeñan un rol esencial. Estos dispositivos dedicados están concebidos para balancear y estabilizar partes móviles, ya sea en maquinaria industrial, vehículos de transporte o incluso en aparatos hogareños.

    Para los profesionales en soporte de sistemas y los técnicos, utilizar con aparatos de equilibrado es fundamental para asegurar el desempeño uniforme y seguro de cualquier sistema rotativo. Gracias a estas soluciones tecnológicas avanzadas, es posible limitar sustancialmente las vibraciones, el estruendo y la esfuerzo sobre los soportes, extendiendo la tiempo de servicio de partes caros.

    De igual manera trascendental es el rol que cumplen los sistemas de balanceo en la asistencia al cliente. El asistencia especializado y el conservación permanente aplicando estos dispositivos posibilitan dar asistencias de alta nivel, incrementando la agrado de los clientes.

    Para los responsables de proyectos, la contribución en estaciones de equilibrado y dispositivos puede ser importante para optimizar la efectividad y productividad de sus sistemas. Esto es particularmente importante para los dueños de negocios que gestionan reducidas y medianas empresas, donde cada elemento es relevante.

    Además, los aparatos de equilibrado tienen una amplia aplicación en el sector de la protección y el control de calidad. Permiten encontrar posibles errores, reduciendo intervenciones costosas y daños a los equipos. También, los información recopilados de estos aparatos pueden aplicarse para optimizar procesos y mejorar la reconocimiento en motores de investigación.

    Las sectores de uso de los aparatos de equilibrado incluyen múltiples áreas, desde la manufactura de transporte personal hasta el monitoreo de la naturaleza. No afecta si se considera de importantes producciones manufactureras o reducidos espacios hogareños, los aparatos de equilibrado son indispensables para promover un desempeño óptimo y sin paradas.

  8. Pingback: essentials

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *