Tibba tokko ummanni biyyattii hanqina nyaata madaalawaatiin hedduu miidhamaa jiraachutu himama. Tibba biraa immoo nyaata coomaafii zayita qabu nyaachuun ummanni furdina hin barbaachineef saaxilamaa jiraachuun yemmuu ajandaa marii ta’u ummatichi kam fudhatee kam akka dhiisu wallaalchisuunsaa hin oolle.
Gamanaan daa’imman nyaata madaalawaa dhabuudhaan qancarummaa saaxilamuusaanii ibsinee osoo hin xumuriin, gamasiin immoo daa’imman nyaata mimmi’aawaafi cooma baay’isuusaaniitiin furdina garmaleetiif saaxilamuusaanii yemmuu ibsamu immoo biyya takka keessatti bu’aan qorannoo waliif faallaa ta’e jiraachuusaa ykn immoo garaagarummaan jiru hanga dacheef samii walirraa fagaatu jiraachuusaa mul’isa.
Bakka ummanni zayita qulqullinnisaa amansiisaa ta’e hiriiraan bitatutti zayitii dur hiyyeessa dhiisii dureessi muraasni qofti soorachaa ture kan nuugiifi talbaa har’a rakkoo qaba waan ta’eef soorataaf ooluu hinqabu jechuunis ummataaf waan galu hinfakkaatu.
Itoophiyaan zayitoota nyaataaf oolan keessaa dhibbantaa 96 biyya alaatii kan galchitu yemmuu ta’u, inni biyya keessatti omishamu dhibbantaa afur qofaadha.
Zayitootni alaa galan kunniin immoo hedduunsaanii keemikaala ‘Tranc Fatty Acid’ jedhamu of keessaa kan qaban ta’uusaatiin dhibeewwan garaagaraatiif nama saaxilaa jiraachuu ogeeyyonni fayyaa ni ibsu.
Yeroo ammaa dhibeewwan daddarboo ta’an irra kanneen daddarboo hintaane lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa jiraachuu kan himu Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Garagaaraa qorataa kan ta’an Obbo Kiflee Habtee, du’aatii akka biyyaatti jiru keessaayyis dhibbantaa 52 kan ta’u dhibeewwan daddarboo hin taaneen ta’uu dubbatu.
Dhibeewwan daddarboo hintaane kanaaf immoo sababni guddaan keemikaala asiidii ‘traansi fatty’ jedhamu ta’uu eeranii, keemikaalichi dhibeewwan akka dhukkuba onnee, kaansarii, dhukkubbii qaamota hargansuu, dhiibbaa dhiigaafi dhibee sukkaaraatiif ummata saaxilaa jiraachuu ibsu.
Keemikaala farra fayyaa ta’e kana zayitoota keessaa dhabamsiisuun yoo dadhabame zayitoota keemikaalicha qaban fayyadamuu dhiisuun dirqama ta’uu kan himan Obbo Kifleen, bakka hawaasichi filannoo biraa hin argannetti garuu al tokkoon hojirra oolchuun ulfaataa ta’uu ibsu.
Biyyootni hedduu zayita keemikaala kana to’achuudhaaf sochii cimaa keessa jiraachuusaafi akka adunyaatti Deenmaarki keemikaalicha guutummaan guutuutti to’achuudhaan sadarkaa dura kan qabatte yemmuu taatu, ardii Afrikaa keessaa immoo Afrikaan Kibbaa keemikaalicha to’atteerti.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin bara 2025tti biyyootni addunyaa hundi keemikaala kana akka to’ataniif kallattii kaa’ameera.
Bayyanaa Ibraahimiin
4 Comments to “Miidhaa dhokataa, zayitiiwwan nyaataa”