Liqii maallaqaa deebisuuf sharafa alaarratti cichamee hojjetamaa jira

Mootummaan Itoophiyaa waggoota kurnan sadan darbanirraa kaasee Baankii Addunyaa,  dhaabbilee faayinaansii addaddaafi biyyoota Lixaa dureeyyii  ta’an kanneen akka Faransaayi, Jaappaan, Ameerikaa Kaabaa (‘USA’)fi Biritaaniyaarraa liqiifi deggarsa maallaqaa fudhachuun bu’uuraalee misoomaa guguddoo ijaarsisaa tureera.

Waggoota kudhanii as ammoo mootummaan michooma biyyoota baha fagoo cimsachuun Chaayinaarraa liqii maallaqaa hanga doolaara miliyoona 800 fudhachuun bu’uuraalee misoomaa keessumaa ijaarsa daandiifi pirojektota kanneen akka paarkiiwwan indastirii babal’isuun dinagdeen biyyattii daran akka fooyya’uuf cichee hojjetaa tureera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa, Doktar Yinnaagar Dasee haala waliigala dinagdee biyyattii ilaalchisuun Roobii darbe waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniiru. Akka isaan jedhaniiti, ji’oota jahan darbanitti sochiin misooma dinagdeefi faayinaansii kan waggoota lamaan darban yeruma walfakkaatu waliin walbira qabamee yoo ilaalamu fooyya’insa argisiiseera.

Kanaanis biyyattiin liqii maallaqaa waggoota darban keessa fudhachuun hojiilee misoomaa ittiin hojjechaa turte deebisuurratti kan argamtu ta’uu ibsaniiru. Ta’us, maallaqni liqii biyyoota kanneen akka Chaayinaarraa fudhatamaa ture kuufamuurraa kan ka’e altakkotti deebisuuf ulfaataa waan ta’eef,  yeroon kaffaltiisaa akka dheeratuuf waliigalteerra gahameeraa jedhan.

Kana cinattis liqii maallaqaa biyyoota alaafi dhaabbilee faayinaansii salphisuun murteessaa waan ta’eef, tooftaa galii sharafa alaa itti guddisuun danda’amurratti mootummaan xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru ta’uus eeraniiru. Kanaanis deggarsi maallaqaa  biliyoona sadii ol mootummaa Imireetota Gamtoomaniifi Saawudii Arabiyaarraa argames ifaajii hoggansi jijjiiramaa callaa maallaqaa argachuuf taasisaa jiruun itti milkaa’edhaa jedhan.

Akka ibsa Doktar Yinnaagaritti, galiin biyya keessaafi baasiin mootummaa walmadaaluun deemaa waan hinjirreef, sharafni biyya alaarraa argamuu malu daran xiqqaachuu danda’eera. Kunimmoo suuta suuta guddina dinagdeerratti dhiibbaa uumuun sirni gabaa biyyattii akka hintasgabboofne godheeraa jedhu.

Kana sirreessuuf ammoo mootummaan tooftaawwan addaddaa fayyadamaa jira kan jedhan Doktar Yinnaagar, baasii mootummaafi qisaasama bajetaa hir’isuun, gibiraafi taaksii yeroon sassaabuufi tasgabbii sirna bittaafi gurgurtaa mirkaneessuun kallattiilee mootummaatiin qabaman ta’uu dubbataniiru. Daldaltootni biyyattii marti gibiraafi taaksii irraa eegamu yeroon kaffaluu akka qabanillee yaadachiisaniiru.

Galiin alergiirraa argamus kan duraarra daran hir’achaa waan jiruuf, walitti hidhamiinsa biyyattiin gabaa addunyaa waliin qabdu akka qabbanaa’u gochuusaa ibsaniiru. Kunimmoo galiin sharafa alaa  akka hinguddanne hudhee waan qabeef furmaata waaraa kan barbaaduudha jedhan.

Kanaaf ammoo dhiyeessa omishaalee qonnaa biyya alaatti ergaman kanneen akka bunaa, saalixiifi talbaa, akkasumas daldala manufaakcheriingii sirnaan dabaluufi cimsuun barbaachisaa ta’uudha kan eeran.

Guddina dinagdee waliigalaa fooyyessuuf galiin biyya keessaafi baasiin mootummaa, akkasumas sharafni daldala alaarraa argamu walmadaaluu qaba. Kun yoo hintaane ammoo biyyattiin liqii maallaqaa biyyoota dureeyyiifi dhaabbilee faayinaansiirraa waljalaa kennaman deebisuuf humna dhabaa deemti.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Tsahaayi Nugusee)

Recommended For You

One Comment to “Liqii maallaqaa deebisuuf sharafa alaarratti cichamee hojjetamaa jira”

  1. Pingback: Racial segregation

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *