Injifannoo Adwaa keessatti qooda ummata Oromoo

Biyya Itoophiyaa jedhamuun beekamtu tana hundeessuurraa kaasee  ijaaruun ykn haaressee dhaloota har’aa biraan kan gahe ummata Oromoo ta’uu hayyuuleen seenaa ragaalee seenaa wabeeffachuun dubbatu.

Kunis, latiinsa Afroo-Eeshiyaa afran (Seemota, Kuushota, Oomotaafi Naayiloo Saaraa) keessaa irra jireessaan daangaa biyyattii keessatti bal’inaan tamsa’uun jiraachaa kan turaniifi ammas jiran Kuushota yoo ta’an, kanneen keessaa ammoo ummatni Oromoo kallattiilee hundaan guddaa ta’uudha kan beekamu.

Kunimmoo durirraa eegalee ijaarsa biyyattii keessatti qoodni Oromoon qabaachaa ture akkamiin ibsama? Gaaffii jedhu ka’uun mala. Qaroomina biyyattii dhugoomsuu keessatti hoo shoorri Oromoo maal ture? Carraa Itoophiyaan gara fuulduraatti qabdu murteessuu keessattis qoodni dargaggootaafi hayyoota Oromoo hanga kamiitti ta’uu akka malurratti hayyuuleen seenaa waan jedhan qabu.

Yunivarsiitii Finfinneerraa Pirofesar Tasammaa Taa’aa Qorataa seenaa yoo ta’an, waggoota 40f seenaa Itoophiyaafi Afrikaa qorachaafi barsiisaa jiru. Seenaa Oromoos yeroo dheeraaf qorataa waan turaniif waa’ee ummatichaa haalaan sirnaan beeku.

Pirofesar Tasammaan ibsa yeroo tokko Gaazexaa Bariisaatiif dhimma kanarratti kennaniin akka jedhanitti, Oromoon ijaarsa Itoophiyaa keessatti qooda olaanaa qaba. Kunis jaarraa hedduuf sabootaafi sablammoota ofitti qabeefi hammatee rakkoo tokko malee waliin jiraachaa tureera, jiras.

Akka ibsasaaniitti, waa’een Itoophiyaa ijaaruu yoo ka’u, daangaa biyyattii kabachiisuuf gatii guddaan Oromoon Adwaarratti baase ilaaluun gahaadha. Fardeen Oromoo otoo hinjiran ta’ee, Xaaliyaaniin ALA bara 1896tti Adwaarratti ni mo’a jechuun kutannoofi jabduu Fitaawuraarii Gaboo Gurmuufi Dajjaazmaach Baalchaa Saafoofaa weeratoota kanneen qolachuuf hojjetan yaadatu.

Kunimmoo bara sana gareen gootota Wallaggaafi Harargeerraa deeman Raas Mokkonnon jalatti hiriiruun lafee weerara faashistoota dursanii Maqaleefi Ambaalaageerratti mancaasuu danda’uusaanii seenaan kan nama hubachiisu ta’uusaa, eeru.

Sabni Oromoo biyya kana ijaaruuf lafeesaa itti cabseera; dhiigasaa kan biroo caalaa dhangalaaseyyuu dhugaan kun hanga ammaatti ukkaamsamuusaatti garuu gammadoo akka hintaanes ibsu. Kunis, sabni kun Sirna Gadaatiin bulaa waan tureef guutummaatti dimokraatawaa ta’uusaarraan kan ka’e walqixxummaa namoota hundaatti amana. Itoophiyaa bulchuufis toorri akkasii murteessaadha jechuudha.

Yunivarsiitti Arsiitti Qorataan Sirna Barnootaafi Daarektarri Qulqullina Barnootaa Doktar Indaaluu Fufaas akka jedhanitti, weerara biyya kanatti dhufee ture qolachuu keessatti goototniifi fardeen Oromoo addadurummaan eeramu.

Faashistoota Xaaliyaanii halkanii guyyaa hirriba dhorkaa kan turan kanneen akka Gabramaariyaam Gaarii, Garasuu Dhukii, Dajjaazmaach Baalchaa Saafoo, Gaboo Gurmuu, Balaayi Zallaqaafaa fa’i. Goototni Oromoo kunneen dhimma  biyyasaaniitiif adda durummaan qabsaa’aa turaniiru. Hundaa ol ammoo seenaa darbe keessattis yaa ta’u, wayita ammaas yoo ilaalamu ummatni Oromoo sabootaafi sablammoota biroorratti ummata dhiibbaa geessisaa hinturreefi gochaa hinjirredhas, jedhu.

Saba kamuurrayyuu gaarummaafi guddummaa biyya kanaatiif hojjechaa kan ture Oromoo ta’us, dhugaan jiru loogmaleessa ta’ee akka seenaatti himamuurratti hanqinni waan jiruuf kana qajeelchanii, soroorsanii dhalootatti dabarsuun daran barbaachisaadha.

Gaazexaan marsariitii “Golgul” jedhamu ALA bara 1915 akka dubbisiisetti, ummanni biyyattii marti oggaa weeraramuu biyyasaa dhagahu qonnaan bulaan waanjoofi gindiisaa fannisee eeboofi gaachanasaa qabate, fardasaa garmaamse,  shammaanneen darbattuusaa darbatee goraadee hidhate, maatiisaa jaalatutti nagaa dhaabee diinaan qabsaa’uuf qajeele.

Bilisummaa dhorkamanii waggoota kuma tokko jiraachuurra har’uma kufuu kan murteesse ummanni bal’aan Itoophiyaa matarayyassii diinaatiif addasaa kennee gara fuulduraatti arreede.

Sagalee matarayyasiiwwan Xaaliyaaniirra dhaadannoofi geerarsi goototaa tulluu Adwaa ni kirkirse. Gootonni Itoophiyaa loltuu Xaaliyaanii kophee bottee jilba qaqqabu keewwatee dhufeen falmuuf otoo galaallee sirnaan hinguduunfatiin miila qullaa duuluun dachee sochoose. Raayyaan Xaaliyaanii Oromoota fardaan isarratti duulaa jiran oggaa argu gara seenu dhabe. Abbootiin fardaa kunniin si’aawotaafi yaabbii fardaatiin dandeettii guddaa kan qaban turan.

Ajajdoonni raayyaa Xaaliyaanii mo’amuusaaniitiif gumaacha gahee ijoo kan taphatan abbootii fardaa Oromoo ta’uusaaniis ragaa baheera. Oggaa haala sodaachisaa wayita sanaa ibsanis, “Abbootiin fardaa kunniin oggaa gara sululaatti gadi bu’an galaana gurraacha akka tasaa ittisasaa cabsee dhanga’e fakkaatu” jechuunis ibsaniiru.

Oggantoonni waraanaa danuun of ajjeesaniiru. Oggantoonni Letenaal Koloneel Gaarbaaldii Peenaazoofi Letenaal Koloneel Maazoleeniin waraanaafi goraadee Oromoo sodaachuun shigguxiidhumasaaniitiin of ajjeesaniiru. Keessumaa Koloneel Peenaaziin rasaasni duraa ofirratti dhukaase waan isa hinajjeefneef irra deebi’ee laphee ofiitti dhukaasee of rukuchuusaati odeeffannichi kan ibsu.

Egaa dhaloonni har’aa keessummaa dargaggoonni seenaa gootummaa abbootiin keenya onnee tokkumeen duulawwan waraanaarratti raawwatan qoratanii hubachuun duula misoomaafi nageenya waaraa mirkaneessuu biyyi irraa eegdurratti of kennanii hirmaachuu qabu. Jijjiiramni aarsaa guddaadhaan dhufee hojiitti hiikamaa jirus sirnaan akka lafa qabatuuf miira tokkummaafi jaalalli biyyaa irraa calaqqisuun milkeessuudhaan biyya gootonni durii danuun aarsaa ta’anii nutti kennan misoomsuufi eeguu qabna.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Injifannoo Adwaa keessatti qooda ummata Oromoo”

  1. Pingback: แผ่น HPMC
  2. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *