Harargee bahaatti galiin qarshii miliyoona 300 ol sassaabame

Godina Harargee Bahaatti ji’oota jahan dabranitti maddoota galii gara garaarraa qarshiin miliyooa 300 ol sassaabamuu Abbaan Taayitaa Galiiwwan godinichaa beeksise.

Gaggeessaa Hojii Ittaanaan Abbaa Taayitichaafi Qindeessaan Dhimma Hojii Barumsaafi Kominikeeshinii Obbo Abdujabbaar Yuusuf akka ibsanitti, godinichatti bara kana galii idileefi mana qopheessaarraa qarshii miliyoona 587, kuma 675fi 449 sassaabuuf karoorfamee, ji’oota jahan dabranitti qarshii miliyoonni 308, kuma 903fi 889  sassaabameera jedhan.

Galiin bara kana ji’oota jahan dabranitti sassaabame kan bara dabreetin yeroo walfakkaataatti harka 27% (mil.66, kuma 826 fi 550)n caalmaa akka qabu himaniiru. Galiin sassaabame  caalmaa kan agarsiiseef haaromsa gaggeeffameen hoggansi naamusa gaarii qabu gara abbaa taayitichaatti dhufuusaa, hubannoon kaffaltoota gibiraa dabaluusaati jedhan.

Akkasuma riiformiin sirna gibiraafi taaksii, tilmaamni galii haaraa hojiirra oolutti fayyadamni maashina gurgurtaa galmeessuu fooyya’aa dhufuu, maddoota galii kanaan dura muraasa irraa sassaabamaa ture, haaraa sakatta’uun irratti hojjatamuusaafi sirni deeggarsaafi hordoffii cimaan sadarkaa sadarkaan taasifamuusaati jedhan.

Gama biraatin immoo yeroon kun yeroo gibirri lafa baadiyyaa itti sassaabamu waan ta’eef hawaasni gibira mootummaa irraa barbaadamu yeroon kafaluu akka qabu Obbo Abdujabbaar dhaamaniiru.

Rakkoo hawaas-diinagdee ummataa bu’uurarraa hiikuun guddina misooma biyyattii saffisisuun murteessaa waan ta’eef galii irraa eegamu yeroon kafaluun gahee keenya haa baanu jedhaniiru jechuun kan gabaase Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godina Harargee Bahaati.

Recommended For You

5 Comments to “Harargee bahaatti galiin qarshii miliyoona 300 ol sassaabame”

  1. Pingback: โคมไฟ
  2. Pingback: this page
  3. Pingback: additional info

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *