Gootota misoomaa gara invastimantiitti ce’an

Oromiyaatti gootota misoomaa 717 filatamuun torban darbe Magaalaa Adaamaatti meedaaliyaa badhaafamaniifi beekamtii argatan keessaa qonnaan bultootni buleeyyiin shantamni gara invastimantiitti ce’aniiru.

Goototni misoomaa kunneen ammoo akkaataa kaappitaala galmeessisaniin kan badhaafaman yoo ta’u, kaappitaalli qonnaan bultoota gara invastimantiitti ce’anii hanga miliyoona 31, kan qonnaan bultoota dubartootaa kuma 130 hanga miliyoona kudhaniifi kan dargaggoota haaraa ammoo kuma 500 hanga miliyoona 21 gahuusaa ragaaleen Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumaamaa Oromiyaarraa arganne ni mul’isu.

Obbo Kadiroo Miniinoo Godina Arsii Lixaarraa kan dhufan yoo ta’u, tibbana qonnaan bultoota shantama moodela ta’anii gara invastimantiitti ce’uun meedaaliyaa badhaafaman keessaa tokkodha. “Mootummaa naannoo Oromiyaatiin badhaafamuu kootti hedduu gammadeera, gorsaafi kallattii ogeessotniifi hoggantootni qonnaa nu barsiisaa turan sirnaan hojiirra oolchuu  milkaa’eera” jechuun dubbatan.

Sanyii filatamaattis haalaan kan fayyadaman yoo ta’u, wayita ammaa kaappitaalli isaanii miliyoona 22 gahuusaa eeru. “Warri kaanis akkuma koo cimanii yoo hojjetan jiruufi jireenyasaanii fooyyeffachuu danda’u” jechuun gorsu.

Obbo Jawaaroo Qaabatoos Arsii Lixaa Aanaa Dodolaarraa kan dhufan yoo ta’u, midhaanota kanneen akka qamadii, garbuufi xaafii ciminaan omishaa akka turan dubbatu. “Gorsaafi barumsa ogeessota qonnaa sirnaan hubachuun hojiirra oolcheera, sanyii filatamaattis haalaan fayyadamaan ture. Kanarraa kan ka’e kaappitaalli koo waliigalaan qarshii miliyoona soddoma gaheera” jechuun tooftaa itti milkaa’an dubbatu.

Warri kaanis ciminaan hojjennaan akkumasaanii meedaaliyaa badhaafamuurra darbee jiruufi jireenya maatii, ollotaafi biyyasaanii fooyyessuu akka danda’an gorsan.

Haji Tashoo Awwaloo ammoo godina Arsii, Aanaa Siraaroo Ganda Baasabajaa irraa meedaaliyaa kan badhaafaman yoo ta’u, lafa dhiphaa qabanirratti mala qonnaa ammayyaa fayyadamuun callaa midhaanii gahaa ta’e argachaa turuusaanii dubbatu.

Gorsaafi barumsa ogeessotni qonnaa kennan mara hojiirra oolchuusaanii himanii, sanyii filatamaafi xaa’oo mootummaan gatii madaalawaatiin dhiyeessu fudhatanii milkaa’uusaaniis ni addeessu. Kunimmoo kaappitaalli waliigala dinagdeesaanii miliyoona digdama akka gahu taasiseera jedhu.

Haji Tashoon kutannoon hojjechaa waan turaniif, jireenyasaaniifi maatiisaanii jijjiiruu akka danda’anillee ni dubbatu. Gara fulduraattis kanarra cimanii hojjechuun abbaa qabeenyaa ta’uuf kan hojjetan ta’uu himu. Qonnaan bultootni biroonis fedhiifi hawwii qofaan bakka yaadan gahuu waan hindandeenyeef, mootummaa waliin hojjechuu akka qaban dhaaman.

Sadarkaa Pirezidaantii ittaanaa mootummaa naannoo Oromiyaatti, qindeessaan sektara misooma baadiyyaa Doktar Girmaa Amantee gootota misoomaa waliin marii paanaalii taasisaniin akka ibsanitti, mootummaan naannichaa qonnaafi horsiisee bultoota kaappitaala guddaa galmeessisan gara invastimantiitti ceesisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Qonni bu’uura misooma dinagdee biyyattii waan ta’eef, mala qonnaa ammayyeessuu, beekumsaafi teknoloojiin deggaramuu akka qabu ibsu. Kana gochuuf ammoo ogeessota beekumsaafi dandeettii olaanaa qaban horachuuf yeroo kamuu caalaa taattaaffiin waliirraa hincitne taasifamaa jira jedhu.

Qonnaan bultootni badhaafamuun gara invastimantiitti ce’an kunneenis barana milkaa’uunsaanii qofti gahaa waan hinta’neef, caalaatti cimanii hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Walumagalaatti, misoomni qonnaa bu’uura dinagdee biyyattii waan ta’eef, caalaatti qindoomina caasaalee mootummaa, hawaasaafi qooda fudhattootaa kan gaafatuudha. Hunduu waliin hojjennaan ammoo gootota misoomaa miliyoonota ofirra darbanii biyyasaaniif abdii ta’an horachuun kan danda’amu ta’uusaati.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

4 Comments to “Gootota misoomaa gara invastimantiitti ce’an”

  1. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *