Ejensichi rakkoolee muudachaa turan kan furu ta’uun himame

Finfinnee: Hundeeffamni Ejensii Diyaaspooraa rakkoolee diyaaspooraa kanaan dura mudachaa turan kan furu ta’uu Ejensiin Diyaaspooraa Itoophiyaa ibse.

Daariktarri olaanaan ejensichaa, Aadde Salaamaawwit Daawwit Kibxata darbe gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, waggoota darban keessa dhimmootni diyaaspooraa xiyyeeffannoo dhabuusaarraa kan ka’e rakkooleen hedduu mudachaa turaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan dahoo seeraafi aantummaa dhabuutiin mirgi namoomaafi jiraachuusaanii sarbamaa tureera jedhan. Kana furuufis sochiileen bal’aan taasifamaa kan turan yoo ta’u, ejensiin dhimmuma kanarratti hojjetu mootummaatiin akka hundaa’u ta’uusaa ibsaniiru.   Kunimmoo hundarra baay’inni lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraachaa jiranii qabatamaan akka beekamuufi oliif gadi sosocho’anii hojiisaanii nageenyaan akka hojjetan kan gargaarudha jedhaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa biyya ormaa jiraatan qabeenya erga horataniin boodas gara biyyasaaniitti deebi’anii hojiilee misooma biyyaa keessatti qooda akka hinfudhanne birokiraasiin hamaa tureeraa jedhanii, kanarraa kan ka’e Itoophiyaanonni qabeenya horatan sanaan biyyasaanii tajaajiluuf daranuu akka of daangessaa taasiseera. Ejensiin amma hundaahe kunis rakkoo kana gamanumaan ni furaa jedhaniiru.

Diyaaspooraawwan kunneen misooma biyyaasaanii keessatti qooda fudhachuu dhabuunsaanii ammoo guddinni dinagdee biyyaa booddeetti akka harkifatu taasiseera kan jedhan daariktarittiin, hudhaa kana furuun misooma biyyaasaaniif daran akka hojjetan gargaara jedhaniiru.

Diyaaspooraan biyyasaa keessatti hoji misoomaarratti bobbahu kamiyyuu dinagdee dhuunfaasaafi biyyasaanii fooyyessuun alatti carraa hojii dargaggootaaf kan banu waan ta’eefis xiyyeeffannoon kennamuufii malu fooyya’aa jiraachuullee ibsaniiru.

Ejensiin Diyaaspooraa Itoophiyaa reefu kan hundaahe yoo ta’u, hudhaalee biyya hambaatti lammiilee Itoophiyaa mudatu furuun alatti gara biyyasaaniitti deebihanii fayyadamummaa hawaasaa akka mirkaneessaniif shoora olaanaa kan qabbuudha.

Wayita ammaa ejensichi humna namaa 53 ol qacarachuun hojiitti seenuusaa himanii, dhiyeessiilee barbaachisoo dabalachuun baay’ina diyaaspooraawwanii beekuurra darbee dahoo seeraa akka qabataaniif hordoffiin akka taasifamuuf ni hojjetamaa jedhaniiru.

Daariktarri ittaanaa ejensichaa Obbo Mahaammad Idiriis ammoo gamasaaniin, Lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan kaleessa dheengadda seeraan ala hidhamuun dararamaa turanis  kanaan booda furmaata kan  argatu ta’aa jedhan.

Ejensiin kun lammiileen misooma biyyaa keessatti akka hirmaataniif qofa kan dhaabate miti kan jedhan Obbo Mahaammad, daataan lammiilee Itoophiyaa maraa ala jiranii qabatamaan beekamee hordoffiifi deeggarsi walirraa hincinne akka taasiafmuuf kan hojjetudha.

Ejensichi dhiyoo kan hundeeffame yemmuu ta’u, itti waamamnisaa Ministeera Haajaa Alaa ta’ee dhimmoota diyaaspooraa garagaraarratti siyaa’inaan kan hojjetu ta’uus eeraniiru.

Diyaaspooraawwan misooma biyyaa keessatti hirmaachuuf fedhii qabaniifi tajaajila saffisaa biyya jiraatanitti argachuu barbaadan marti ejensicha waliin hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

 

Recommended For You

2 Comments to “Ejensichi rakkoolee muudachaa turan kan furu ta’uun himame”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: Apple gift card

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *