Atileet Salamoon Tufaa walmorkii Warld Teekuwandoo mo’ate

Finfinnee: Ispoortiiwwan gosoota Maarshaal Artii keessaa tokkoo kan ta’e Warlidi Teekuwaandoon jalqabame Eshiyaatti jedhama. Haata’u malee suuta, suuta gara biyyoota Awurooppaa, Ameerikaafi Ameerikaa Kibbaatti babal’achaa dhufeera.

Ispoortichi yeroo ammaa akkuuma ispoortiiwwan biroo Waldaa Olompikii biyyooleessaa jalatti galmaa’uudhaan biyyoota miseensoota waldichaa keessatti adeemsifamaa jira.
Ispoortiin kun Itoophiyaatti adeemsifamuu erga jaalqabee waggoota kurnan lama hincaalu. Ispoortichi dargaggoota biyyattii biratti jaallatamaa dhufuun naannoleefi bulchiinsa magaalotaa keessatti babal’achaa jira.

Kanumarraa ka’uudhaan Federeeshiniin Warldi Teekuwaandoo Itoophiyaa hundaa’uudhaan wal morkii biyyooleessaarratti hirmaachuun qabxii boonsaa galmeesisaa jira.

Dhiheenya kanas Shaampiyoonaa Warlid Teekuwaandoo biyyooleessaa kan guuyyoota shaniif Turki, magaalaa Antaaliyaatti adeemsifameetti atileet Salamoon Tufaa qofaa isaa hirmaachuudhaan injifatee Itoophiyaaf meedaaliyaa warqii argamsiiseera.

Ittigaafatamaan waajira federeeshina Warld Teekuwaandoo Itoophiyaa Obbo Fiqiru Taquwaam ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, atileet Salamoon dorgomtootasaa mara qabxii olaanaadhaan mo’achuuu shaampiyoona ta’uu danda’eera.

Salamoon meedaaliyaa warqii kan fudhate wal morkiiwwan gulaalaatti dorgomaa Turkii tapha duraatti 25-0n, kan lamaffaatti 24-4n mo’achuudhaan, tapha irboo maaheessaaf darbuun taphataa Azaarbaajaan 40-14n mo’achuudhaani.

Akkasumas tapha walakaa maaheessaatti atileet Uzaabeekistaan 34-14n, kan maaheessaatis kanuma Uzaabeekistaan 33-14n mo’achuudhaan meedaaliyaa warqii argachuu danda’eera.

Dargaggeessi umrii 23 Salamoon wal morkiiwwan biyyooleessaarraatti muxannoo xiqqoo qabaatus garee Warld Teekuwaandoo biyaaleessaaf filamuudhaan yoo hirmaatu, kan ammaa kana dabalatee yeroo lammaffaa ta’usaa ittigaafatamtichi himaniiru.

Gama biraan ammoo dorgommii walfakkaataa Misira, Magaalaa Argaadaatti kaleesa jalqabamerraatti Atileetonni sadiifi leenjisaan tokkoo Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaachaa kan jiran ta’uu Obbo Fiqirun ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Guraandhala 15/2011

Recommended For You

9 Comments to “Atileet Salamoon Tufaa walmorkii Warld Teekuwandoo mo’ate”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: scam links
  3. Pingback: โซรา168
  4. Pingback: sexy-gold

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *