WBOn waamicha taasifameef fudhachuun aantummaa ummataaf qabu dhugumsaa jira

Miseensi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Jaal Abdataa Laggasaa Qajeelaa, (maqaan qabsoosaa Yaadannoo) kaleessa ganama ture waamicha abbootiin Gadaafi ajaja Hayyu Dureen ABO, Jaal Daawud Ibsaa dabarsan fudhachuun ummatatti kan makame.

Innis imala lafoo dheeraa erga taasisee booda bakka simannaa Godina Qellam Wallaggaa, Aanaa Gidaamiitti qophaa’e kan qaqqabe.
Qabsootti kan makame yeroo dhihoo ta’us turtiisaatti waantota baay’ee arguusaafi qabsoon daran ulfaataa ta’uu kaasee, ta’us hanga kaayyoof ta’etti sun akka itti yaadatamaa hinturre yaada Gaazexaa Bariisaatiif kenneen ibseera.

Kanneen umriisaanii dargaggummaa bosona keessatti fixaniifi haala ulfaataa keessa darban baay’een akka jiran eeree, hunduu Oromoof jecha kan of kenne ture; kanaanis qabsoon cimatus kuteenyummaan ture hanga hinqabu jedha.

Ammammoo qabsoon hidhannoo barbaachisaa akka hintaane itti amanamee waamicha mootummaan taasise fudhachuun inniifi hiriyyoonnisaa galuusaanii kan himu Jaal Abadataan, odeeffannoo kanas Raadiyoo Sagalee Ameerikaafi ummata naannawaarraa dhaga’uu hima. Hogganaan zooniisaanii garuu ajaja isaaniif dabarse akka hinqabneefi sababa kanaanis miseensonni bosonatti isaan biraa hafan jiraachuu dubbata.

Utuu qawween hindhuka’iiniifi dhiigni hindhagala’iin haala gaariidhaan simatamee galuunsaa miira gammachuu keessatti uumuusaafi hiriyoonnisaa utuu galanii waan jiru arganii akka itti tolu ibsa.

Walittiqabaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoofi miseensi Koree Teknikii Araara Mootummaafi ABO, Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo gamasaaniin akka nuuf ibsaniitti, naannawa Gidaamiitti miseensonni WBO haala gaariidhaan baay’inaan seenaa jiru. Sababa karaan dheeraa ta’eefi bilbilli rakkisaa ta’eef odeeffannoon ga’aan qaqqabuu dhabuusaatiin kanneen hafanis akkaatuma ka’umsaasaaniitiin wal duraa duuba seenaa jiru.

Sagantaa qabameen simannaan taasifamu hanga boriitti akka ittifufu eeranii, miseensonni boru booda dhufan yoo jiraatan balballi cufaa akka hintaane dubbatu.

Hogganaa ajajaa zoonii dhihaa WBO, Jaal Marroo (Kumsaa Dirribaa) argachuuf tattaaffiin taasifame akka hinmilkoofne kan himan Abbaa Gadaa Sanbatoon, ammas garuu karaa danda’ame maraan argachuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu ibsu.

“Miseensota galan kunneen akka aadaa Oromootti dhadhaa muudnee, aannan onnachiisneefi damma muuxachiifnee simachaa jirra. Meeshaan isaan qabatanis bakka abbootiin Gadaa naannawichaafi qaamni nageenyaa jiranitti galmeeffamee harkaa fuudhama. Sana booda karaa seera qabeessaan nageenyuma naannawichaa eeguuf oola malee mootummaatti hinkennamu” jedhu.

Akka waliigalaatti miseensonni koree teknikii aanaalee 22 Oromiyaatti bobba’e haala gaariin hojiisaa geggeessaa jiraachuurratti odeeffannoo akka qaban ni kaasu.

Haala zoonii kibbaa jiru ilaalchisuun garas kan imalan walitti qabaa korichaa, Obbo Hayilee Gabree, marii irra waan jiramuuf waanti irra ga’ame dhiheenyatti kan ibsamu ta’uu eeru.

Bariisaa Guraadhala 15/2011

Recommended For You

4 Comments to “WBOn waamicha taasifameef fudhachuun aantummaa ummataaf qabu dhugumsaa jira”

  1. Pingback: แผ่น HPMC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *