“Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamaa jiru seera qabeessa” – Doktar Milkeessaa Miidhagaa

Finfinnee: Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamaa jiru seera qabeessa ta’uu Biiroon Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafaa Oromiyaa ibse.

Hogganaan biirichaa, Doktar Milkeessaa Miidhagaa ibsa dheengadda kennaniin, tarkaanfiin tibbana ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamaa jiru labsii liizii 721 kan bu’uureffate ta’uu eeranii, kunis magaalonni seeraafi sadarkaa addunyaa eeggateen akka guddataniif ta’uu addeessaniiru.

Ijaarsa seeran alaa akka ta’e osoo beekamuu naannawawwan lagaafi magariisaatti ijaarsi raawwatameera kan jedhan Doktar Milkeessaan, kanaan alas naannawawwan jireenyaaf mijatoo hintaanetti kan gaggeeffaman waan ta’eef, mootummaan ittigaafatamni akka uumamuuf hojjete. Bara 2005n booda ijaarsa seeraan alaarratti tarkaanfiin akka fudhatamus seerri ni dirqisiisa. Sanaan dura kan ijaaraman garuu seera qabeessa akka ta’an taasifameera jedhan.

Ijaarsichi seeran alaa akka ta’e osoo beekamuu ijaarsi raawwatamuun rakkoo uumuu kan kaasan hogganichi, qaamoleen komii qaban koreen komii fuudhu waan jiruuf gama sanaan keessummeeffamuu akka danda’an ibsaniiru.

Bakkeewwan tarkaanfiin itti fudhatame waggaan duraa eegalee qabeenya isaanii akka kaafatan of eeggannoon kennamuu eeranii, lafa qonnaan bulaa mootummaan misoomaaf beenyaa kaffalee fudhaterrattti ijaarsi seeraan alaa raawwatamuus kaasaniiru.

Tarkaanfichaan dura sababiifi bu’aasaarratti qorannoowwan lama gaggeeffamuusaanii Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyaa gabaaseera.
Gama biraatiin weerara lafaafi ijaarsa seeraan alaarratti tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalame bakkawwan hundatti cimee kan itti fufu ta’uu Wajjiira Giddugaleessa ODP’tti Ittigaafatamaan Damee Ijaarsa Siyaasa Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa fuula feesbuukiisaaniirratti ibsaniiru.

Recommended For You

2 Comments to ““Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamaa jiru seera qabeessa” – Doktar Milkeessaa Miidhagaa”

  1. Pingback: awful webhosting

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *