Finfinnee: Jijjiiramni amma biyyattiitti dhufe jijjiirama lubbuun hedduu itti wareegame akkasumas, kan haadholiin ijoolleesaanii itti gabbaran waan ta’eef kan akka salphaatti ilaalamu akka hintaane gaazexeessaafi barreessaa Abdii Fiixee gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen ibseera.
Keessumaammoo jijjiiramni kun Oromoodhaan dhufuunsaa injifannoo guddaa ta’uu eeree, Oromoon waggoota dheeraaf biyya kanaaf akka saba biyya diiguu, cabsuufi bittineessuutti yaadamaa tureera jedha.
Humni kun garuu tokkummaa biyyattiitiif utubuunsaa, warra yaada akkasii qabaniif abdii ta’uusaa waan daran nama gammachiisu ta’uu kan himu Abdiin, kana jechuun garuu hanqinni hinjiru jechuu akka hintaane hubatamuu akka qabu yaadachiisa.
“Nama baay’ee beela’e tokkoof foon diimina yoo dhiheessan ni dhukkuba. Kanaaf jalqaba, ‘appetiser’ (si’eessituu) nyaachuu qaba. Waanti garaa garmalee beela’e ittiin laaffisan jiraachuu qaba. Yoos mar’immaan wal hiikee nyaata isa jabaaf of qopheessuu jalqaba.
Jijjiiramni amma biyya keenyatti eegalame anaaf ‘appetiser’dha. Sababnisaas sabni keenya bara dheeraa gabrummaa keessa ture. Aadaa, afaan, seenaafi eenyummaasaatiin waggoota 100 oliif gabrummaa hamman hinjedhamne keessa ture. Waggoonni 27n darban ammoo bilisummaa fakkaatee utuma afaaniin haasoftuu cirumaa deebisee Oromoo lafa kan ilaalchise ture” jedha.
Haala kana keessaa battala xiqqoo tokkotti jijjiirama guddaa keessatti of arguun akka hindanda’amneefi jijjiiramni dhawaata dhawaataan akka dhufu eeruun, namoonni har’a halkan tokkoon jijjiirama arganii buluu barbaadan akkasumas, kan adeemsi jijjiiramaa sirritti galeef jiraachuu dubbata.
“Warreen jijjiirama kana deggaran baay’ee ol fuudhanii akka waan bilisoomneefi waatonni hundi nuu guuteetti yaadan jiru. Kanneen ‘gonkumaa Oromoon amma gabroome’ jedhanii dhaadhessanis jiru. Ilaalchonni amaanuu nama naasisu. Kanaaf giddugaleessatti ilaaluutu nuu mala. Lakki, Oromoon hinbilisoomne, kan durii caalaammoo hinmiidhamne. Amma giddugaleessarra jira; gara jijjiiramaatti ‘appetiser’ nyaachaa jira”.
“Abdii guddaatu jira; kanammoo qaama aangoorra jiru qofatu ceesisa miti. Abdii kana mikeessuuf ummanni ga’eesaa bahachuu qaba. Dhaabbileen siyaasaa morkattootaas qoodasaanii bahachuu qabu. Keessumaa wayita ittigaafatamummaa olaanaan Oromootti kenname kanatti walhubachuufi waldubbisuun irraa eegama. Jijjiirama kana gara fuulduraatti tarkaanfachiisuutunurra jira. Isa kaleessa karaa deemuu dadhabne yaadannee socho’uu qabna” jedha.
Guutummaa gaafdeebiisaa fuula hawaasummaarraa argattu.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Guraadhala 12/2011
Semaglutide pharmacy price https://rybelsus.tech/# rybelsus generic
rybelsus.icu