Baatiiwwan jahan darbanitti olaantummaan seeraa mirkaa’era- Koree G/G ODP

Koreen giddugaleessaa ODP hojiilee baatii jahan darbanitti hojjetaman gamaaggamuun kallattii gara fuula duraa kaa’eera.

Baatiiwwan jahan darbanitti olaantummaa seeraa mirkaneessuufi misoomni haala karooratiin hojjetamuun ibsameera.

Itti gaafatamaan Waajjira Giddugaleessaa Oromoo Dimokraatiik Paartii(ODP) Doktar Alamuu Simeen baatiiwwan jahan darbanitti hojii qindoomina mootummaafi ummanni hojjetaniin toorri nagaa dhabee ture nagaatti deebi’uu ibsaniiru.

Olaantummaan seeraa tumsa ummataatiin naannichatti mirkanaa’uus Doktar Alamuun eeraniiru.

Raawwiin pirojaktoota misooma addaddaa naannoo Oromiyaa sadarkaa gaariirra akka jiru gamaaggamamuu himaniiru.

Bakka hanqinni jirutti yeroo hafe keessatti tumsa ummataafi caasaa mootummaatiin karoora qabame galmaan ga’uuf kallattiin kaa’ameera jedhan.

Ummanni nagaafi tasgabbii eegsisuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabus eeraniiru Doktar Alamuun.

Ammas hoggansi tasgabbiin gaaffilee ummataa waaraan akka deebisu ummanni tumsuu akka qabu kallattiin kaa’ameera jedhaniiru.

Recommended For You

2 Comments to “Baatiiwwan jahan darbanitti olaantummaan seeraa mirkaa’era- Koree G/G ODP”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *