Oromiyaan dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa 36fa injifatte

Finfinnee: Itoophiyaatti dorgommiin qaxxaamura biyyaa erga jalqabamee walakkaa jaarraa tokkoo ol yoo ta’u, dhaabbilee Raayyaa Ittisaafi manneen barnootaa beekamoo Finfinnee keessa jiran jiddutti adeemsifamaa akka ture ragaaleen ni mul’isu.

Gareen atileetiksii Itoophiyaa dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaa biyyoota addaaddaatti adeemsifamanirratti hirmaachuu erga jalqabee waggoota 56 ol kan lakkobsise yemmuu ta’u, waltajjiilee kanneenirrattis injifannoo boonsaa galmeessisaa tureera.

Gootota wayita sana Itoophiyaa bakka bu’uudhaan hirmaatan keessaas kanneen akka Abbabaa Biqilaa, Waamii Birraatuu, Maammoo Waldee, Tsagaayee G/Maariyaam, Abbabaa Waaqjiraa, Damissee Waldee, Fiqiruu Dagafaa, Bayyannaa Ayyaannoofaa fakkeenyummaan eeramu.

Atileetonni beekamootni kunneen yeroo sana kan leenjifaman dirree Jaanmeedaatti waan tureef, federeshiniin atileetiksii Itoophiyaas waltajjicha dorgommii qaxxaamuraa biyyaan moggaasuun bara 1975 irraa kaasee waggaa waggaadhaan gaggeessu jalqabe.
Dorgommiin qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaatti waggaa waggaadhaan adeemsifamu kun baranas yeroo 36faf Dilbata darbe kan adeemsifamee yoo ta’u, atileetonni 800 ta’an korniyaa lameeniinuu hirmaataniiru.

Hirmaatota kanneen keessaa biyyoota ollaa Itoophiyaa ta’an Keeniyaa, Jibuutii, Sudaaniifi Eritiraarraayis atileetonni beekamoonni qooda fudhataniiru. Akkasumas magaalaa Finfinneefi Dirree Dawaa dabalatee atileetonni naannolee, kilabonni beekamooniifi atileetonni dhuunfaa hirmaataniiru.

Dorgommiin baranaa kun atileetota dargaggootaa umrii 20 gadii kiiloo meetira jahaan dubartootaafi kiiloo meetira saddeetiin dhiirotaan, kan kiiloo meetira kudhanii dhiiraafi dubaraa beektotaafi kan walmakaa kiiloo meetira saddeetiin dhiiraaf dubaraan adeemsifameera.
Fiigicha kiiloo meetira jahaa kan dubartota umrii 20 gaditti adeemsifameen Girmaawiit G/Igzaaber kilaba Gunaarraa tokkoffaa, Alamiituu Taakuu Oromiyaarraa lammaffaa, Tsigee G/Sillaasee kilaba Konistiraakshinii Suur irraa sadaffaa ba’uun akkuma walduraa duuba jiranitti meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Kiiloo meetira saddeetiin dhirota dargaggootaa jiddutti gaggeefameen ammoo Nibrati Malaak Amaaraarraa, Tsaggaayee Kidaanuu Masfin Injinaringirraa, Miilkeessaa Makaashaa Oromiyaarraa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’aniiru.

Kiiloo meetira kudhaniin dubartoota beekitotaan Dharraa Diidhaa Oromiyaarraa, Latasanbat Gidaayi kilaba Tiraansirraa, Zannabuu Fiqaaduu Poolisii Oromiyaarraa akkuma walduraa duuba jiranitti tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Haaluma walfakkaatuun kan dhiirota jidduutti adeemsifameen Mogas Xumaayi kilaba Mosooboorraa, Salamoon Baargaa Poolisii Kibbaarraa, Andu’amlaaki Balihuu Buna Sidaamaarraa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun akkuma walduraa duubaa jiranitti meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Fiigicha kiiloo meetira saddeetii kan manguddoota umrii 50 olii jidduutti adeemsifameen Gazaahaanyi Gabree, Minaaleh Makonnoniifi Tolasaa Gabree, kan umrii 50 gadiin ammoo Ayyaaleew Indaalee,Yibalxaal Biyyaalfawuufi Tasfaayee Guutaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Atileetonni sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’an martuu badhaasa meedaaliyaa dabalatee qarshii yoo badhaafaman sadarkaa arfaffaadhaa hanga jahaffaa kan bahan ammoo qarshii qofa badhaafamaniiru.

Dorgommiin qaxaamura biyyaa Jaalmeedaa kan yeroo 36faf gaggeefame kanarratti walumaagalatti Oromiyaan waancaawwan sadii fudhachuudhaan olaantummaan xumureera.
Oromiyaan shaampiyoona kan ta’e fiigicha kiiloo meetira kudhanii atileetota beekitotaa dhiiraaf dubaraan, akkasumas dorgommii walmakaa dhiiraafi dubaraan mo’achuu waan danda’eef.

Kaayyoon dorgommiin kun adeemsifamees dorgommii qaxxaamura biyyooleesaa kan Waldaa Atileetiksii Addunyaa (”IAAF”) ALA Bitooteessa 30 bara 2019 Aruhusi, Deenmaarkitti, yeroo 43faf adeemsifamurraatti atileetota Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaatan filachuuf yaadameeti.

Kanaanis akkaakuuwwan atileetiksii addadaddaatiin atileetonni sadarkaa tokkoffaadhaa hanga jahaffaa filamuudhaan shaakala isaanii akka jalqaban federeeshinichi waamicha godheera.

Tashoomaa Qadiidaa

Recommended For You

2 Comments to “Oromiyaan dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa 36fa injifatte”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *